Suuratu Al-Mu'minun pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Mu'minun pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Mu'minun Hiikkaa. Suuratu Al-Mu'minun (Meccan) 118 Aayah.
Related
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Mu'minun

ﭑﭒﭓﭔ
23:1
Dhugumatti, mu’uminoonni milkaa’an
ﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
23:2
Isaan warra salaata isaanii keessatti khushuu’a qabaniidha
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
23:3
Isaan warra wanta bu’aa hin qabne irraa garagalaniidha
ﭡﭢﭣﭤﭥ
23:4
Isaan warra zakaas raawwataniidha
ﭦﭧﭨﭩﭪ
23:5
Isaan warra qaama saalaa isaanii tikfatoo ta’aniidha
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
23:6
Haadha manaa isaanii yookiin waan mirgi isaanii dhuunfatte irratti maleeDhugumatti, isaan komatamoo miti
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
23:7
Namni sanaan ala (waan biraa) barbaade, isaan sun daangaa dabroodha
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
23:8
Isaan warra amaanaa isaaniitiifi waadaa isaaniis tikfatoo ta’aniidha
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
23:9
Isaan warra salaata isaanii irratti tikfataniidha
ﮊﮋﮌﮍ
23:10
Isaan sun isaanuma qofatu dhaaltota (jannataati)
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
23:11
Isaan ishee keessatti hafoo taanii Firdawsiin dhaalu
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
23:12
Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa tae irraa uumne
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
23:13
Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaaaa (gadaamessa) keessatti isa taasifne
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
23:14
Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa gooneRabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
23:15
Isin sana booda du’oodha
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
23:16
Sana booda dhugumatti, isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
23:17
Ammas dhugumatti, Nuti gubbaa keessanitti samii torba uumnee jirraNuti uumuu irraa kan dagannu hin taane
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
23:18
Samii irraas bishaan (rooba) hanga barbaachisaa ta’een buufnee ergasii dachii keessa isa kuufneDhugumatti, Nuti isa deemsisuu irrattis danda’oodha
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
23:19
Isa saniin iddoowwan ashaakiltii kan mukkeen timiraafi inabaa kan isaan keessa isiniif fuduraaleen heddu jiraniifi isinis ishee irraa nyaattan isiniif magarsine
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
23:20
Muka gaara Xuuru siinaa irraa baatu (margitu), kan dhadhaa dibatamu biqilchituufi warra nyaataniifis ittoo taatus (isiniif uumne)
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
23:21
Dhugumatti, isiniif beyladoota keessa waan xiinxaltantu jiraWaan garaa isaanii keessa jiru irraas (aannan) isin obaafnaAmmas isiniif isaan keessa bu’aalee (biraa) baay’eetu jiraIsaan irraas ni nyaattu
ﮉﮊﮋﮌﮍ
23:22
Isheefi dooniiwwan irrattis baadhatamtu
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
23:23
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirraInnis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Allaah gabbaraaIsa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruSila isin (Allaah) hin sodaattanii?”
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
23:24
Qondaaltonni ummata isaa irraa kafaran ni jedhan: “Kun namuma akka keessaniiti malee waan biraa hin taaneIsin irra of caalchisuu fedhaRabbiin odoo fedhee silaa maleykota buusa tureWaan kana nuti abbootii keenya durii keessattis hin dhageenye
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
23:25
Inni nama maraatummaan itti jiru malee waan biraa mitiKanaafuu hanga yeroo murtaa’ee isa eegaa.”
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
23:26
(Nuuhis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Waan ana sobsiisaniif isaan irratti na gargaari.”
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎ
23:27
Nuti (akkana jechuun): gara isaatti wahyii goone: “Ilaalchaafi ajaja keenyaan doonii hojjadhuYeroo ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (jalaan bishaan) madde, waan hunda irraa gosoota lama lama (kormaafi dhalaa) ishee (doonii san) keessa seensisiMaatii keetis (seensisi) nama isaan irraa jechi (adabbiin) keenya duraan irratti dabre maleeWaa’ee warra miidhaa hojjatanii keessatti homaa ana hin gaafatinDhugumatti, isaan bishaaniin nyaatamoodha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
23:28
Yeroo atiifi namoonni si waliin jiran doonii gubbaa baatan “Faaruun kan Rabbii Isa namoota miidhaa hojjatan irraa nu baraarseeti” jedhi
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
23:29
Ammas jedhi: “Gooftaa kiyya! Qubsuma barakaa qabu na qubsiisi; Atis irra caalaa qubsiiftotaati.”
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
23:30
Dhugumatti, (adaba ummata Nuuh) kana keessa mallattooleetu jira; Nuti dhugumatti (ummata Nuuhii) qormaatoo taanee jirra
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
23:31
Sana boodas, isaan duubaan dhaloota biroo uumne
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
23:32
Isaan keessatti ergamaa isaan irraa ta’e erginee “Rabbiin gabbaraa; Isa malee Gooftaan biraa isiniif hin jiruSila isin (Allaah) hin sodaattanuu?” (jenne)
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
23:33
Ummata isaa kanneen kafaran, kan qunnamtii Aakhiraa sobsiisaniifi jireenya addunyaa keessatti Nuti isaan garmalee duroomsine irraa qondaalonni ni jedhan: “Kun namuma akka keessaniiti malee waan biraatii mitiWaan isin nyaattan irraa nyaata; waan isin dhugdan irraas dhuga
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
23:34
Yoo nama akka keessaniitiif ajajamtan, dhugumatti isin yoos hoonga’oodha
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
23:35
Sila isin erga duutanii biyyeefi lafee taatanii booda deebitanii (qabrii keessaa) baafamtu (jedhee) isin baallamaa
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
23:36
Wanti isin ittiin dinniinamtan (qabrii irraa kaafamuun) fagaate! fagaate
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
23:37
Isheen jireenya keenya addunyaa malee kan biraatii mitiNuti ni duuna; ni jiraannasNuti kaafamoo miti
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
23:38
Inni namicha Rabbi irratti soba odeessu malee waan biraa mitiNutis isaaf amanoo hin taane.”
ﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
23:39
[Inni] “Gooftaa kiyya! Waan na sobsiisaniif na tumsi” jedhe
ﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
23:40
(Rabbiinis) “Yeroo muraasa booda, isaan dhugumatti gaabbitoota ta’uuf jiru” jedhe
ﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
23:41
Iyyi cimaan dhugaadhaan isaan qabatteYoosuu hoomacha isaan gooneUmmatoota miidhaa hojjattootaaf (rahmata Rabbii irraa) fageenyi haa ta’u
ﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐ
23:42
Ergasii, isaan booda dhaloota biroo uumne
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘ
23:43
Ummanni kamillee beellama ishee hin dabartu; boodas hin aantu
ﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
23:44
Sana booda ergamtoota keenya walduraa duubaan ergineDhawaatuma ummata tokkotti ergamaan ishee dhufuun isa sobsiisuKanaafuu (badii keessatti) garii isaanii garii hordofsiifneOduu odeeffamu isaan taasifneNamoota hin amanneef fageenyi haa ta’u
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
23:45
Sana booda Muusaafi obboleessa isaa Haaruuniin raajiiwwan keenyaafi ragaa ifa galaan ergine
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
23:46
Gara Fir’awniifi qondaaltota isaa (ergine)Isaan garuu ni boonan; namoota ol aanoo of taasisan
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
23:47
Ni jedhan: “Sila namoota lama kan nu fakkaataniifi ummanni isaanii nuuf gabbartoota taan isaaniif amannaa
ﮉﮊﮋﮌﮍ
23:48
Kanaafuu isaan lamaan ni sobsiisanWarra balleeffaman irraas ta’an
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
23:49
Akka isaan (haqatti) qajeelaniif jecha dhugumatti, Muusaaf kitaaba kenninee jirra
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
23:50
Ilma Maryamiifi haadha isaatis mallattoo taasifneIsaan lamaanuu gara iddoo ol fuudhamaa; tasgabbiifi burqituu isaan qubsiifnee jirra
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
23:51
Yaa ergamtoota (kiyya)! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaaDalagaalee gaggaariis hojjadhaaDhugumatti, Ani waan isin hojjattan akkaan beekaadha
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
23:52
Isheen kun (Rabbii tokkicha gabbaruun) karaa tokko taatee amantii keessaniAnis Gooftaa keessanii ana sodaadhaa
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
23:53
Amantii isaaniis gidduu isaanitti addaan cicciratanGareen hundinuu waan isaan bira jirutti gammadu
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨ
23:54
Hanga yeroo murtaaeetti jallina isaanii keessatti isaan dhiisi
ﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
23:55
Sila sababni Nuti qabeenyaafi ilmaan irraa isaaniif daballu (isaaniif gaarii)se’uu
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
23:56
Toltuuwwan isaaniif ariifachiifna (seuu?) Lakkii; (Nuti kanaaf hin goone)Garuu isaan hin hubatan
ﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
23:57
Dhugumatti, warri sodaa Gooftaa isaanii irraa naasuun jiraatan
ﰂﰃﰄﰅﰆﰇ
23:58
Warri keeyyattoota Gooftaa isaaniittis amanan
ﰈﰉﰊﰋﰌﰍ
23:59
Warri Gooftaa isaaniittis homaa hin qindeessine
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
23:60
Ammas warri waan kennan onneen isaanii sodaan guutamteefi dhugumaan (qormaataaf) gara Gooftaa isaanii akka deebi’an amanaa kennan
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
23:61
Isaan sun hojiiwwan gaggaarii keessatti akkaan ariifatoodha; isaan isheedhaaf dorgomoodha
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
23:62
Nuti nama tokkos dandeettii isaatiin ala isa hin dirqisiifnuNu bira kitaaba dhugaa dubbatutu jiraIsaanis hin miidhamanu
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
23:63
Dhugumatti onneen isaanii (Qur’aana) kana irraa haguuggaa keessa jirtiIsaaniif kana malees dalagaalee (gadhee) biraa kan isaan hojjatantu jira
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
23:64
Yeroma Nuti isaan irraa warra jireenya qananii daangaa dabre keessa jiraachaa turan adabaan qabnu, yeroma san isaan (deeggarsa kadhaaf) sagalee ol fuudhanii iyyu
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
23:65
Har’a hin iyyinaaDhugumatti, isin Nu irraa tumsa hin argattanu
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
23:66
Dhugumatti, keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turaniiti, isin duubatti irraa deebi’aa turtan
ﮝﮞﮟﮠﮡ
23:67
Isaan (Harama makkaatiin) warra boonan taatanii halkanis kaabaa biratti (Quraana) arrabsitu
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
23:68
Sila jecha (Rabbii) hin xiinxalanuu? Moo waan abbootii isaanii kan jalqabaatti hin dhufintu isaanitti dhufe
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
23:69
Ergamaa isaanii hin beekinii, isa sobsiisan moo
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
23:70
“Moo maraatummaatu isatti jira” jedhu? Lakkii; odoo irra baay’een isaanii dhugaa jibbanuu inni dhugaan isaanitti dhufe
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
23:71
Odoo dhugaan fedha lubbuu isaanii hordofee, silaa samii, dachiifi wantoonni isaan keessa jiranis ni badu turanInumaayyuu; nuti Quraana kabajaan isaanii keessa jiru isaaniif kennineeti, isaan kabajaa isaanii irraa garagalu
ﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
23:72
Moo gatii akka siif kafalan isaan gaafatta? Gatii Gooftaa keetiitu caalaInnis irra caalaa warra kennaniiti
ﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
23:73
Dhugumatti, ati gara karaa qajeelaatti isaan waamta
ﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍ
23:74
Dhugumatti Isaan Aakhiraatti hin amanne karaa (qajeelaa) irraa akkaan jallatoodha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
23:75
Odoma rahmata isaaniif goonee, rakkoo isaan irra jirus irraa kaafnee, dhugumatti isaan dhamaanii jallina isaanii keessa jiraatu
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
23:76
Dhugumatti, Nuti adabaan isaan qabnee jirraIsaan Gooftaa isaaniitiif gadi of hin qabne; Isattis hin watwaanne
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
23:77
Yeroo balbala adabbii cimaa qabu isaan irratti banne, yeroma san isaan abdii muratoodha
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
23:78
Innis Isa dhageettii, argaafi onnee isiniif uumeedhaWanti isin galateeffattan xiqqoo qofa
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
23:79
Innis Isa dachii keessa isin facaaseedhaGara Isaattis walitti qabamtu
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
23:80
Innis Isa jiraachisuufi ajjeesuudhaJijjiiramni halkaniifi guyyaas kan IsaatiSila hin hubattanii
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
23:81
Fakkaatuma waan warri duraanii jedhanii jedhan
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
23:82
Ni jedhan: “Sila erga duunee biyyeefi lafee taane booda, dhugumatti nuti (deebinee) kaafamnaa
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
23:83
Dhugumatti, nuufi abbootiin keenyas kana dura kana waadaa galamnee jirraKun ogbarruu warra durii malee waan biraatii miti.”
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
23:84
Jedhi: “Yoo kan beektan taatan dachiiniifi isaan ishee keessa jiran kan eenyuti?”
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
23:85
“Kan Rabbiiti” jedhu“Sila isin hin gorfamtanuu?" jedhi
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
23:86
“Gooftaan samii torbaniifi Gooftaan Arshii guddaa eenyu?” jedhi
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
23:87
“Kan Rabbiiti” jechuuf jiru“Sila isin Allaah hin sodaattanuu?” jedhiin
ﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
23:88
“Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru innis kan tiksu; isa irratti kan hin tikfamne, yoo kan bektan taatan eenyu?” jedhiin
ﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇ
23:89
“Kan Allaahti” jedhu“Akkam (dhugaa) irraa garagalfamtu ree?” jedhiin
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
23:90
Inumaayyu, Nuti dhugaan isaanitti dhufnee jirraDhugumatti, isaanis sobdoota
ﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
23:91
Rabbiin ilma hin godhanneIsa waliinis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru(Odoo jiraatanii) silaa gabbaramaan hundi waan uumeen deemaGariin isaanii garii irratti ol ta’u turanRabbiin waan isaan itti fakkeessan (hunda) irraa qulqullaa’e
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
23:92
Beekaan waan fagoofi dhihoo sun (qulqullaa’e)Waan isaan itti dabalan irraas ol ta’e
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
23:93
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Yoo (adabbii) isaaniif waadaa galame natti agarsiifte
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
23:94
Gooftaa kiyya! (adaba irraa na baraarsi); ummata miidhaa hojjattoota keessas na hin taasisin.”
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
23:95
Dhugumatti, Nutis waan isaaniif waadaa galle si argisiisuu irratti danda’oodha
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
23:96
Hamtuu kamuu ishee irra gaariidhaan deebisiNuti waan isaan jedhan akkaan beekoodha
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
23:97
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittin maganfadha
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
23:98
Gooftaa kiyya! Isaan natti dhufuu irraa Sittin maganfadha.”
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
23:99
Yeroo tokkoon isaaniitti duuti dhufu ni jedha: “Gooftaa kiyya! Na deebisi
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
23:100
Ani waaniin dhiise keessatti gaarii hojjachuun kajeela.” Lakkii! Isheen kun jecha inni ishee jedhu (qofa)Hanga guyyaa kaafamaatti, isaan duuba cufaatu jira
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
23:101
Yeroo garriin (xurumbaan) afuufame, guyyaa san firummaan gidduu isaanii hin jiru; walis hin gaafatan
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
23:102
Namni madaalli (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun warra milkaa’oodha
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
23:103
Namni madaalli (hojii gaarii) isaa salphattes, isaan sun warra lubbuu isaanii hoongessanJahannam keessas yeroo hunda jiraatu
ﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
23:104
Ibiddi fuula isaanii ni gubdiIsaanis achi keessatti fuulaa fokkatoota
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
23:105
Sila keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turtee, isinis isaan sobsiisaa hin turree
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
23:106
Isaanis ni jedhan: “(Yaa) Gooftaa keenya! Gogiinsa keenyatu nu injifate; nus ummata jallatoo taane
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
23:107
Gooftaa keenya! Ishee irraa nu baasiErgasii yoo itti deebine, dhugumatti nutu miidhaa hojjattoota.”
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
23:108
(Rabbiinis) "Salphadhaatii ishee (jahannam) keessa fagaadhaaAnas hin dubbisinaa" jedha
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
23:109
Dhugumatti, gareen gabroota kiyya irraa ta’e tokko “Gooftaa keenya! Amannee jirraKanaafuu nuuf araaramii, rahmataas nuuf godhiAti irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhaa turaniiti
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
23:110
Isinis hanga yaadannoo (faaruu) kiyya isin dagachiisanitti isaanitti qishnaa (baacaa) turtanIsaanittis kolfaa turtan
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
23:111
Dhugumatti, Ani har’a waan isaan obsaniif isaan milkaa’oo ta’uudhaan isaaniif galata galche
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
23:112
(Rabbiin) ni jedhe: “Sila dachii keessa lakkoofsa waggaa hangamii jiraattan?”
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
23:113
[Isaan] ni jedhan: “Nuti guyyaa tokko yookiin garii guyyaa jiraanneWarra lakkaa’an gaafadhu.”
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
23:114
(Rabbiin) ni jedha: “Odoo kan beektan taatanii isin (yeroo) xiqqoo malee hin jiraanne
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
23:115
Sila Nuti taphumaaf isin uumnee yaadduu? Ammas isin gara keenyatti deebifamuu dhabuu yaadduu”
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
23:116
Rabbiin mootii dhugaa ta’e, ol ta’eIsa malee Gooftaan biraa hin jiruInni Gooftaa Arshii kabajamaati
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
23:117
Namni Rabbii wajjin odoo ragaa isa irratti hin qabne, gabbaramaa biraa kadhatu (gabbaru), qormaanni isaa Gooftaa isaa bira jiraDhugumatti, warri kaafaran hin milkaa’anu
ﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
23:118
“Gooftaa kiyya! Naaf araarami, rahmatas (naaf) godhiAti irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhi
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







