PDF —
112 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Anbiya pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Anbiya pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Anbiya Hiikkaa. Suuratu Al-Anbiya (Meccan) 112 Aayah.

← TahaSuuratu Al-Anbiya Al-Hajj →


112 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘ
21:1 Namootaaf, odoo isaan gara galanii daguu keessa jiranuu qormaanni isaanii isaaniif dhihaatee jira
ﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
21:2 Gorsi haaraan Rabbii isaanii irraa kan isaan taphachaatuma isa dhaggeeffatan ta’an malee isaanitti hin dhufu
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
21:3 Onneen isaanii dagattuu taatee malee (hin dhaggeeffattu)Miidhaa hojjattoonnis iccitiin marii taasisanii “Sila kun namuma akka keessaniitii mitii? Sila isin odoo argitan falfalatti dhaqxuu?" (waliin jedhu)
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
21:4 (Muhammad-SAW) ni jedhe: “Gooftaan kiyya jecha samiifi dachii keessatti (dubbatamu hunda) ni beekaInnis dhaga’aa, beekaadha
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
21:5 Dhugumatti, isaan ni jedhan: “(Qur’aanni) kun abjuu laaqamaadhaLakkii! Soba inni of irraa uumeeLakkii! Inni weellisaadha(Yoo dhugaa ta’e) raajii akka warri durii ittiin ergameen nutti haa dhufu.”
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
21:6 Gandi Nuti ishee balleessine tokkolleen hin amanne; sila isaan ni amanuu
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
21:7 Si duras dhiirota wahyii gara isaanii goonu malee hin ergineYoo kan hin beekne taatan warra beekumsa qaban gaafadhaa
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
21:8 Nuti isaan (ergamoota Rabbii) qaamota nyaata hin nyaanne hin taasifnes; kan (addunyaa keessa) yeroo hunda jiraatanis hin taane
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
21:9 Sana booda waadicha isaaniif dhugaa goonee isaaniifi nama feenes ni baraarsinee; daanga dabartoota immoo ni balleessine
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
21:10 Dhugumatti, Nuti kitaaba yaadannoon (gorsi) keessan isa keessa jiru gara keessanitti buufnee jirraSila hin xiinxaltanuu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
21:11 (Warra) gandaa miidhaa hojjattu taatee baayee balleessine; erga isheetii ummata biraa uumne
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
21:12 Yeroo adabbii keenya argan, yeroma san isaan ishee irraa gulufu
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮ
21:13 Hin gulufinaa; akka gaafatamtaniif jecha gara waan isa keessatti qanansiifamtaniifi (gara) manneen keessanii deebi’aa
ﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
21:14 (Isaan) ni jedhan: “Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota turre
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
21:15 Hanga haamamoo, dhaamoo isaan taasifnutti jechi (nuti miidhaa raawwattoota taane) jedhu watwaata isaanii ta’uu irraa hin deemne
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
21:16 Nuti samii, dachiifi wantoota isaan lamaan gidduu jiran taphattoota taanee hin uumne
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
21:17 Odoo tapha godhachuu feenee silaa of biraa isa taasifanna; kana hojjatoo hin taane
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
21:18 Lakkii; dhugaa soba irratti darbina (ol taasifna)Sammuu isa dhoosee (isa balleessa); yoosuu inni (sobni) dhabamaadhaIsiniifis waan (Rabbi) irratti uumtaniif badiitu (mirkanaa’ee) jira
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
21:19 Wantoonni samiifi dachii keessa jiran hundi kan IsaatiIsaan Isa (Allaah) bira jiranis (maleykonnis) Isa gabbaruu irraa hin boonan; hin hifatanis
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
21:20 Halkaniifi guyyaa (Rabbiin) qulqulleessu; hin boqatanis
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
21:21 Sila gabbaramtoota (gabbaran), kanneen (namoota) du’aa kaasan, dachii irraa godhatuu
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
21:22 Odoo isaan lamaan (samiifi dachii) keessa Rabbiin malee gabbaramtoonni biraa jiraatanii lamaan isaaniituu ni badu tureRabbiin Gooftaa Arshii ta’e waan kaafiroonni (Isaan) jedhan irraa qulqullaa’e
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
21:23 Inni waan dalagu irraa hin gaafatamu; isaan immoo ni gaafatamu
ﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏ
21:24 Sila isaan Rabbiin ala gabbaramtoota taasifatuu? “Ragaa keessan fidadhaa” jedhiinKun gorsa namoota ana waliin jiraniifi gorsa namoota ana dura turaniitiGaruu irra hedduun isaanii dhugaa hin beekanuKanaafuu (isa) irraa garagalu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
21:25 (Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
21:26 Isaanis “Rahmaan ilma godhate” jedhuInni qulqullaa’eeraLakkii isaan (maleykoonni) gabroota (Rabbii) kabajamoodha
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
21:27 Jechaan Isa hin dursanu; isaan ajaja Isaatiin hojjatu
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
21:28 Inni waan isaaniin duraatiifi waan isaaniin duubaas ni beekaNama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanuIsaanis (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa na’u
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
21:29 Isaan irraa nama “Isaan alatti anatu gabbaramaadha” jedhe, isa sana jahannam isaaf galata galchinaAkkasitti miidhaa hojjattoota galata galchina
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
21:30 Sila isaan kafaran akka samiifi dachiin walitti maxxantuu (qaama tokko) turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanuu? Bishaan irraas lubbu qabeeyyii hunda ni uumneSila hin amananuu
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
21:31 Dachii keessatti akka isheen isaaniin hin sochoone gaarreen lafa qabataa taasifneerraIshee keessattis daandiwwan gugurdaa akka ittiin qajeelaniif isaaniif taasifneerra
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
21:32 Samiis jaarmaya (kan gubbaa) eegamaa isa taasifnee jirraGaruu isaan mallattoolee ishee irraa garagalu
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
21:33 Inni Isa halkaniifi guyyaa, aduufi baatii uumeedha; hunduu orbitii (isaanii) keessa daaku (deemu)
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
21:34 (Yaa Muhammad!) Si duras ilma namaatiif jireenya waaru (yeroo hundaa) hin taasifneSila yoo ati duute, isaan ni waaruu
ﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
21:35 Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudhaIsin qormaatuuf hamtuufi gaariin isin mokkorraGaruma keenyatti deebifamtu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
21:36 Isaan kafaran yeroo si argan odoo Rahmaaniin dubbachuutti kafaranii jiranuu “sila kun isa gabbaramtoota keessan (hamtuun) maqaa dhahu sani mitii?” (jechuun) qishnaa qofa si taasifatu
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
21:37 Namni hunduu jarjara irraa uumameAni mallattoolee kiyya isinittin agarsiisaa Ana hin jerjersiifatinaa
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
21:38 “Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waadaan kun yoom (raawwatama)?” jedhu
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
21:39 Isaan kafaran odoo yeroo ibidda fuula isaanii irraafi dugda isaanii irraa qabuu hin dandeenyeefi tumsas hin arganne san beekanii (hin jerjerfatanu ture)
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
21:40 Dhugumaatti, isheen (Qiyaaman) tasuma isaanitti dhuftee, isaan dhamaaftiIshee (of irraa) deebisuu hin danda’anu; yeroonis isaaniif hin kennamu
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
21:41 Dhugumatti, si duras ergamtootatti qishnamee (baacamee) isaan irraa warri baacan wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
21:42 Jedhi: “Eenyutu halkaniifi guyyaa (adabbii) Rahmaan irraa isin eega?” Dhugumatti, isaan yaadannoo Rabbii isaanii irraa garagaloodha
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
21:43 Moo isaan gabbaramtoota Nu irraa isaan tiksan qabu? Lubbuu isaaniituu tumsuu hin danda’anuIsaanis Nu irraa tikfamuu hin danda’an
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
21:44 Dhugumatti, Nuti isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga yeroon isaan irratti dheeratutti qanansiifneSila Nuti dachii moggaa ishee irraa suuta suutaan hirdhisaa akka deemnu hin arganuu? Moo isaantu injifatoodhaa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
21:45 (Yaa Muhammad!) Jedhi: “Kan ani isin sodaachisuun wahyii qofaaniNamoonni gurri isaanii (haqa irraa) duude yeroo dinniinni isaaniif godhamu hin dhagayanu.”
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
21:46 Rabbiin kakadhee! gosti adabbii Gooftaa kee irraa ta’e yoo isaan tuqe ni jedhu: “Yaa badii keenya! Dhugumatti nuti miidhaa raawwattoota taaneerra.”
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
21:47 Nuti Guyyaa Qiyaamatiif madaala haqaa lafa keenyaLubbuun takkas homaa hin miidhamtuYoo waan ulfina hanga firii (ija) raafuu qabu ta’es Nuti ishee ni fidnaQormaataafis Nuti ga’oodha
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
21:48 Dhugumatti, Nuti Muusaafi Haaruuniif (kitaaba) adda baasaa, ifnanaafi yaadannoo warra Rabbiin sodaataniif ta’e kenninee jirra
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
21:49 (Isaan) warra Gooftaa isaanii fageenyatti sodaataniifi isaan Qiyaamaa irraa sodaataniidha
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
21:50 Kun (Qur’aanni) gorsa barakeeffamaa Nuti buufneedhaSila isin isa mormituu
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
21:51 Dhugumatti, Nuti kana duras qajeelfama Ibraahiimiif kenninee jirraNuti isa beekoo taanee jirra
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
21:52 Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “Siidaawwan isin (Ibaadaaf) ishee irra teessan kun maali?” jedhe (kennineef)
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
21:53 [Isaan] ni jedhan: “Abbootii keenya kan ishee gabbaran agarre.”
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
21:54 [Inni] ni jedhe: “Dhugumatti, isiniifi abbootiin keessanis jallina ifa bahaa keessa jirtan.”
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
21:55 [Isaan] ni jedhaniin: “Sila dhugaan nutti dhufte moo ati warra taphatan irraayi?”
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
21:56 Ni jedhe: “Baraa, Rabbiin keessan Gooftaa samiifi dachii, kan isaan uume saniAnis kana irratti warra ragaa ba’an irraa tokko.”
ﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
21:57 “Allaah’n kakadhee! Ani erga isin dugda gara galtanii deemtan booda dhugumatti, tooftaan ittiin taabota keessan (mancaasun) qopheeffadha” (of keessatti jedhe)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
21:58 Akka isaan gara isaa (taabota guddichaa) deebianiif jecha guddaa isaaniif ta’e tokko qofa (dhiisee) caccabaa isaan godhe
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
21:59 (Isaan) ni jedhan: “Namni gabbaramtoota keenyatti kana hojjate dhugumatti, inni miidhaa raawwattoota irraayi.”
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
21:60 “Dargaggeessa Ibraahiim isaan jedhamu tokko kan maqaa isaanii (hamtuun) dubbatu dhageenyeerra” jedhan
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
21:61 Ni jedhan: “Akka isaan ragaa irratti bahaniif jecha ija namootaa dura fidaa.”
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
21:62 “Sila situ gabbaramtoota keenya irratti (yakka) kana raawwatee Yaa Ibraahiim?” jedhan
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
21:63 (Ibraahiimis) “Lakkii, guddaa isaaniitu kana hojjateYoo kan dubbatan ta’aniif isaan gaafadhaa” jedhe
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
21:64 Gara lubbuu isaanii deebi’anii “isin isinumatu miidhaa raawwattoota” jedhan
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
21:65 Sana booda mataa isaanii lafatti gadi deebisanii “ati dhugumatti, isaan kun hin dubbatanuu beektee jirta (maaliif kana jetta?)” jedhan
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
21:66 (Ibraahiim) ni jedhe: “Sila Rabbiin ala waan homaa isin hin fayyadneefi isin hin miine gabbartuu
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
21:67 Isiniifi wantoota isin Allaah’n ala gabbartaniinis ‘uffi’ (jedheera)! Sila hin xiinxaltanuu?”
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
21:68 Ni jedhan: “Yoo kan hojjattan taataniif isa gubaa; gabbaramtoota keessanis gargaaraa.”
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
21:69 Nutis “Yaa ibiddaa! Ibraahiim irratti qabbanaafi nagaa ta’i" jenne
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
21:70 Isaanis hamtuu itti yaadanNuti isaanuma irra hoonga’oo goone
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
21:71 Isaafi Luuxiin gara dachii ishee keessa aalama hundaaf barakaa gooneetti bilisa baafne
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
21:72 Isihaaqiin isaaf kenninee, Ya’aquubis dabalataan (isaaf kennine)Hundaayyuu gaggaarii goone
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
21:73 Imaamota ajaja keenyaan qajeelchan isaan taasifnee jirraWantoota gaggaarii hojjachuu, salaata dhaabuufi zakaa baafachuus gara isaanitti wahyii gooneWarra Numa (qofa) gabbaran turan
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
21:74 Luuxiinis murtii haqaafi beekumsa (amantii) isaaf kenninee jirra(Ummata) ganda badii fokkatoo ta’an hojjatan san irraas isa baraarsinee jirraDhugumatti, isaan ummata badoo, finciltoota turan
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
21:75 Rahmata keenya keessas isa seensifneDhugumatti, inni warra gaggaarii irraayi
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
21:76 Nuuhiinis ‘yeroo inni sana dura (Nutti) lallabee isaaf owwaannee, isaafi maatii isaas cinqaa guddaa irraa baraarsine’ [yaadadhu]
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
21:77 Namoota keeyyattoota keenya sobsiisan irraas nagaya isa baafneDhugumatti, isaan warra hamtuu turanKanaaf hunda isaanii bishaaniin dhidhimsine
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
21:78 Daawuudiifi Suleeymaaniinis ‘yeroo isaan lamaan lafa qonnaa (oyruu) re’oonni ummataa (halkan) dheedan keessatti murtii kennan” [yaadadhu]Nutis murtii isaanii ni beekna turre
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
21:79 Ishee (murtittii) Suleeymaaniin hubachiifneHundaafuu beekumsa murtii haqaafi beekumsa (amantiis) kennineerraGaarreeniifi allaattiinis Daawuudii waliin akka Ana qulqulleessan laaffifneNutis hojjatoo taane
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
21:80 Uffata sibiilaa kan yeroo wal loltan waraana irraa isin ittisan hojjachuus isa barsiifnee jirraSila isin (Nu) hin galatoomfattanuu
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
21:81 Suleeymaanifis qilleensa bubbisaa, kan ajaja isaatiin gara dachii ishee keessatti barakaa goonee yaatu (laaffifnee jirra)Nutis waan hunda beekoo taaneerra
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
21:82 Sheyxaanota irraas isaan (faaya baasuuf garba keessa) isaaf lixaniifi sana malees hojii biraa hojjatantu jiraNutis tiksoo isaanii taaneerra
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
21:83 Ayyuubiinis ‘yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “ani dhugumatti, rakkoon na tuqeera; Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti” (jedhu yaadadhu)
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
21:84 Isaaf owwaannee cinqaa irraa waan isarra jiru irraa furreRahmata Nu biraa taeefi warra Rabbiin gabbaran yaadachisuuf jecha maatii isaatiifi fakkaataa isaaniis isaanii wajjin isaaf kennine
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
21:85 Ismaa’iil, Idriisiifi Zalkifliis (yaadadhu); hunduu obsitoota irraayi
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
21:86 Rahmata keenya keessas isaan seensifneDhugumatti, isaan warra gaggaarii irraayi
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
21:87 Zannuuniinis (Yuunusiinis yaadadhu); yeroo inni dallanaa deemee, Nuti hamtuu isa irratti dhiphisuu dhabuu yaadeDukkana keessaa “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiruAti qulqulloofteDhugumatti, ani miidhaa hojjataa irraa ta’een jira” (jechuun) lallabe
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
21:88 Isaaf owwaanne; cinqaa irraas isa baraarsineAkka kanatti mu’uminoota nagaa baafna
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
21:89 Zakariyyaas (yaadadhu); yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “Gooftaa kiyya! Kophaa (ilma malee) ana hin dhiisin; Ati irra caalaa dhaaltotaati” (jedhe)
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
21:90 Kanaafuu isaaf owwaannee Yahyaas isaaf kennineNiitii isaas (akka deessu) isaaf tolchineDhugumatti, isaan (nabiyy-oonni) toltuu keessatti kan daddafan taanii kajeellaafi sodaan (guutamanii) kan Nu kadhataniifi Nu sodaatan taan
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
21:91 Ishee qaama saalaa ishee tikfattes (Maryamiinis yaadadhu)Ruuhii (uumama) keenya irraa ta’e ishee keessatti afuufneIsheefi ilma ishees aalama hundaaf mallattoo taasifne
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
21:92 Dhugumatti, isheen kun amantii keessan amantii tokkittiidhaAnis Gooftaa keessanii Ana (qofa) gabbaraa
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
21:93 Amantii isaanii keessatti adda qoodamanHunduu gara keenya deebi’oodha
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
21:94 Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, hojii isaa hoonga’uun hin jiruNuti isaaf galmeessaadha
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
21:95 Ganda ishee balleessine irratti (duniyatti deebiuun) dhorgaadha; isaan hin deebian
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
21:96 Hanga yeroo (hidhaan) Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj banamee isaanis tabba hunda irraan dhangala’anuutti (hin deebianu)
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
21:97 Waadaan dhugaas dhihaatee jiraYeroo san ijji warra kafaree akkuma banamtetti haftuudha“Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre(Yoom kana qofa) inumaa miidhaa raawwattoota irraa taane" jedhu
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
21:98 Dhugumatti, isiniifi wantoonni isin Rabbiin ala gabbartanis qoraan (ibidda) jahannami; isin ishee (Jahannam) seenoodha
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
21:99 Isaan (taabotoonni) kunniin odoo gabbaramtoota ta’anii silaa ishee hin seenan tureHundi isaaniis ishee keessatti waaru (hafu)
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
21:100 Isaaniif ishee keessatti halaaka (iyyaansa) harreetu jira; akkasumas isaan ishee keessatti hin dhaga’an
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
21:101 Dhugumatti, warra Nu irraa milkiin isaaniif dabarte, isaan sun ishee irraa fageeffamoodha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
21:102 Sagalee ishee hin dhaga’anuIsaanis waan lubbuun isaanii jaallattu keessatti hafoodha
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
21:103 (Guyyaa Qiyaamaa) naasuun guddaan isaan hin gaddisiisuMaleykonnis isaan qunnamuun “Kun guyyaa keessan kan waadaa isiniif galamaa tureedha” (jedhuun)
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
21:104 Guyyaa samii akka barreessan xalayaa (galmee) marutti marru san [yaadadhu]Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna(Kun) waadaa Nu irra jiruudhaDhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
21:105 Dhugumatti, Nuti erga ‘Lawhal Mahfuuz’ keessatti barreessinee booda kitaabota keessatti “dachii gabroota kiyya gaggaariitu dhaalaa” barreessineerra
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
21:106 Dhugumatti, (Qur’aana) kana keessa ergaa gaaa ta’etu namoota (Rabbiin) gabbaraniif jira
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
21:107 Aalama hundaaf rahmata taasifnee malee (waan biraatiif) si hin ergine
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
21:108 (Yaa Muhammad!) Jedhi: “Ani wanti gara kiyyatti wahyii godhamu ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha’ (kan jedhuu dha)Sila isin Muslimoota hin taatanuu ree?”
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
21:109 Yoo gara galan “Ani ifaan ifatti isin beeksiseAni wanti waadaa isiniif galame dhihoo moo, fagoo ta’aa isaa hin beeku” jedhi
ﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
21:110 Dhugumatti, Inni jecha ol fuudhamaa ni beekaWaan isin dhoksitanis ni beeka
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
21:111 Ani inni (an isinitti himu kun) mokkoroo isiniif ta’uufi qananii yeroo gabaabaa (isiniif) ta’aa hin beeku
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
21:112 (Muhammad) ni jedhe: “(Yaa) Rabbi! (Anaafi warra ana sobsiisan giddutti) dhugaan murtii godhiGooftaan keenyas Rahmaani, waan isin jettan irrattis gargaarsifatamaadha

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers