Suuratu Luqman pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Luqman pdf Oromo — Buufi Suuratu Luqman Hiikkaa. Suuratu Luqman (Meccan) 34 Aayah.
Related
- Suuratu Luqman HiikkaaOromo
- Suuratu Luqman mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Luqman

ﭑﭒ
31:1
Alif Laam Miim
ﭓﭔﭕﭖﭗ
31:2
Kun keeyyattoota kitaaba ogummaan guutameeti
ﭘﭙﭚﭛ
31:3
Isaan toltuu hojjataniif qajeelumaafi rahmata haala ta’een (buufame)
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
31:4
Isaan warra salaata (haqaan) sagadaniifi zakaas kennataniidhaIsaan isaanumatu Aakhiraa dhugoomsa
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
31:5
Isaan sun qajeeluma Gooftaa isaanii irraa ta’e irra jiruIsaan sun isaanumatu milkaa’oodha
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
31:6
Namoota irraa nama beekumsaan ala karaa Rabbii irraa ittiin jallisuufi meeshaa taphaa taasifachuuf jecha haasa’a taphaa bitutu jiraIsaan sana adabbii xiqqeessaatu isaaniif jira
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
31:7
Yeroo keeyyattoonni keenya isa irratti dubbifamte, akka waan hin dhaga’iniitti akka waan gurra isaa lamaan keessa duudummaan jiruu, boonaa ta’ee irraa garagalaAdabbii laalessaan isa gammachiisi
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
31:8
Dhugumatti, isaan amananii gaggaarii hojjatan ashaakiltiilee qananiitu isaaniif jira
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
31:9
Ishee keessatti hafoo ta’anii (ishee seenu)Rabbiin waadaa dhugaa isaaniif galeInni injifataa, ogeessa
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨ
31:10
Samii utubaalee malee uumne; (isin) ishee ni agartuGaarreen gadi dhaabbatoo ta’an akka dachiin isiniin hin sochooneef keessa kaa’eLubbu qabeeyyii hunda irraas ishee keessatti facaaseBishaanis Samii irraa buufnee, gosoota gaggaarii hunda ishee keessatti magarsine
ﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
31:11
Kun uumaa RabbiitiMee waan isaan Isaa gadii uuman na agarsiisaaDhugumatti miidhaa hojjattoonni jal’ina ifa galaa keessa jiru
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
31:12
“Rabbiif galata galchiNamni (Rabbiin) galateeffate kan inni galateeffatu matuma isaatiifi; Namni kafares (matuma isaa irratti)Dhugumatti Rabbiin dureessa, faarfamaadha” (jechuun) dhugumatti Luqmaaniif ogummaa kenninee jirra
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
31:13
Yeroo Luqmaan ilma isaatiin odoo isa gorsuu “yaa ilma kiyya! Allaahiitti waa hin qindeessin; dhugumatti shirkiin miidhaa guddaadha” jedhe [yaadadhu]
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
31:14
Namaafis haadhaafi abbaa isaatti (tola ooluu) dhaamnee jirra; haati isaas dadhabbii dadhabbii irratti ta’een isa baadhatteHarma irraa gu’uun isaas waggaa lama keessatti“Anaafi haadhaa abbaa keetiif galata galchiDeebiinis gara kiyyatti” jechuun isa ajajne
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
31:15
Yoo isaan lamaan waan beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sitti qabsaawan, tole isaaniif hin jedhinAddunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhuKaraa nama gara kiyya deebi’ee hordofiSana booda deebiin keessan gara kiyya; waan isin dalagaa turtan isinittin odeessa
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
31:16
(Luqmaanis) “yaa ilma kiyya! isheen (badiin) yoo hanga madaala ija raafuu taatee, yoo dhagaa yookiin samii yookiin dachii keessa taates, Rabbiin ishee fidaRabbiin maalummaa ishee beekaa iddoo ishees beekaadha
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
31:17
Yaa ilma kiyya! Salaata sirritti sagadiToltuutti nama ajajiHamtuu irraas nama dhorgiWaan si mudate irrattis obsiDhugumatti, sun wantoota jajjaboo (murannoo gaafatan) irraayyi
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈ
31:18
[Boonaan] maddii (boqoo) kee namoota irraa gara hin galchin; dachii keessas of tuulaa hin deeminDhugumatti, Rabbiin of tuulaa, of dhaadaa hunda hin jaallatu
ﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕ
31:19
Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’ii sagalee keetis gadi qabiDhugumatti irra jibbamaan sagalee sagalee harreeti.”
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
31:20
Sila akka Rabbiin wantoota samii keessaatiifi wantoota dachii keessaas isaaniif laaffisee, tola isaa mul’attuufi dhokattuus isin irratti dhangalaase hin argitanuu? Namoota irraas nama beekumsa, ragaafi kitaaba ibsaa ta’een maletti (waa’ee) Rabbii keessatti falmutu jira
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
31:21
Yeroo “Waan Rabbiin buuse hordofaa” isaaniin jedhame “Lakkisaa; nuti waan abbootii keenya isarratti argine hordofna” jedhuOduma Sheyxaanni gara adabbii boba’aatti kan isaan waamullee ta’ee moo
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
31:22
Namni toltuu hojjataa fuula isaa gara Rabbiitti kenne (bute) dhugumatti funyoo cimaa qabateera; booddeen wantoota hundaatuu gara Rabbiiti
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
31:23
Namni kafare kufriin isaa si hin yaachisinDeebiin isaaniis gara keenya; waan isaan dalaganis isaanitti ni odeessinaDhugumatti Allaahn beekaa waan qoma keessaati
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
31:24
Yeroo xiqqoof isaan ni qanansiifnaSana booda gara adabbii guddaatti isaan dirqisiifna
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
31:25
“Samiifi dachii eenyutu uume?” (jettee) yoo isaan gaafatte “Rabbi” jedhu(Yaa Muhammad!) “Faaruun hundi kan Rabbiiti” (jedhi)Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
31:26
Wantoonni samiifi dachii keessa jiran (hundi) kan AllaahtiDhugumatti, Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
31:27
Odoo wanti dachii keessa jiru muka irraa qalamii ta’ee, galaannis booda isaatii kan galaanni torba jiru itti ida’amuudhaan (gargaaree ittiin barreeffameeyyuu) jechoonni Rabbii hin dhumuRabbiin injifataa beekaadha
ﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖ
31:28
Isin uumuufi isin kaasuunis akkuma lubbuu tokkittii malee hin taaneDhugumatti, Rabbiin dhaga’aa, argaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
31:29
Sila Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisee guyyaas halkan keessa seensisuu, aduufi ji’as haala hundumtuu hanga beellama beekamaatti deemanuun kan isaan laaffise ta’uufi Rabbiin wanta isin hojjattan hunda keessa beekaa ta’uu hin arginee
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
31:30
Kun waan Rabbiin Isatu dhugaa ta’eefi wantoonni Isaa gaditti isaan waammatan soba ta’eefiAmmas dhugumatti waan Allaahn Isatu ol ta’aa, guddaa ta’eefi
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
31:31
Sila (Rabbiin) mallattoollee Isaa irraa isinitti agarsiisuuf akka dooniin tola Rabbiitiin galaana keessa deemtu hin arginee? Dhugumatti, kana keessa akkaan obsitoota, galateeffattootaaf mallattooleetu jira
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
31:32
Yeroo danbaliin akka gaaraa isaan haguuge amantaa (kadhaa) Isaaf qulqulleessanii Allaah qofa kadhatuYeroma inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo, isaan irraa nama (kadhaa isaa iirraa) of qusatutu jiraMallattoolee keenya hundaayyuu waadaa diigaa, kafaraa malee hin mormu
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
31:33
Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaaGuyyaa abbaan ilma isaa homaa hin fayyadne, kan ilmis abbaa isaa homaa hin fayyadne sanis sodaadhaaDhugumatti waadaan Rabbii dhugaadhaJiruun addunyaa isin hin gowwoomsin(Sheyxaanni) gowwomsaan (obsa) Rabbiitiin isin hin gowwoomsin
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
31:34
Dhugumatti, Rabbiin beekumsi Qiyaamaa Isuma bira jiraRoobas ni buusa; waan gadaamessa keessa jirus ni beekaLubbuun tokko waan boru carraaqqattu hin beektuLubbuun tokko dachii kamitti akka duutus hin beektuDhugumatti, Rabbiin beekaa, keessa hubataadha
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







