PDF —
37 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Jathiyah pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Jathiyah pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Jathiyah Hiikkaa. Suuratu Al-Jathiyah (Meccan) 37 Aayah.

← Ad-DukhanSuuratu Al-Jathiyah Al-Ahqaf →


37 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﭑﭒ
45:1 Haa Miim
ﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
45:2 Bu’iinsi Qur’aanaa Rabbii Injifataa, ogeessa ta’e irraayi
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
45:3 Dhugumatti, samiifi dachii keessa mu’uminootaaf mallattooleetu jira
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
45:4 Uumama keessaniifi lubbu qabeeyyii irraa waan Inni (Rabbiin dachii keessa) facaasu keessas namoota dhugaan amananiif raajiiwwantu jiru
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
45:5 Wal dhabuu halkanii, guyyaatiifi rooba irraa waan Rabbiin duumeessa irraa buusee, dachii eega goggogina isheetii ittiin magarseefi qilleensa gara gaggalchuu keessa warra xinxalaniif mallattooleen taatuudha
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
45:6 (Yaa Muhammad!) Kunniin keeyyattoota Rabbiitii, dhugaan sirratti dubbifnaSila erga Rabbiifi keeyyattoota Isaatii oduu akkamii amanu
ﮎﮏﮐﮑﮒ
45:7 Cufa nama akkaan kijibaa, dilaawaa ta’eetiif laga ibiddaatu jira
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
45:8 Keeyyattoota Rabbii kan isa irratti dubbifaman dhaga’aa; ergasii akka waan ishee hin dhaga’iniitti boona isaa itti fufaadabbii laalessaan isa gammachiisi
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
45:9 Yeroo keeyyattoota keenya irraa waa beeke qishina (qoosaa) ishee godhataWarra san adabbii xiqqeessaa ta’etu isaaniif jira
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
45:10 Fuuldura isaanii jahannamtu jiraWanti isaan horatanis ta’ee wanti isaan Rabbiin ala jaalallee godhatanis homaa isaan irraa hin deebisanuIsaaniif adabbii guddaatu jira
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
45:11 (Qur’aanni) kun qajeelfamaIsaan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaran, qooda adabbii laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira
ﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃ
45:12 Rabbiin Isa galaana, akka dooniwwan ajaja Isaatiin isa keessa deeman, akka tola Isaa irraa kajeeltaniifi akka Isa galateeffattaniif jecha isiniif laaffise sani
ﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕ
45:13 Waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru hunda (laaffisuu) Isa irraa ta’e isiniif laaffiseDhugumatti, kana keessa ummattoota xiinxalaniif mallattooleetu jira
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
45:14 (Yaa Muhammad!) Warra amananiin, “warra guyyoota Rabbii hin sodaanneef dhiifama godhaa” jedhiAkka Inni namootaaf waan isaan dalaganiin mindaa kennuuf (dhiifama godhaa)
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
45:15 Namni toltuu hojjate lubbuma isaatiifiNamni badii dalages isheedhuma irrattiErgasii gara Gooftaa keessanii deebifamtu
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
45:16 Dhugumatti, ilmaan Israa’iliif kitaaba, hubannoo seera isaatiifi nabiyyummaas kennineerraWantoota gaggaarii irraas isaaniif kenninee, aalama (yeroo isaanii) hunda irras isaan caalchifne
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
45:17 Shari’aa irraas waan ifa ta’e isaaniif kannineErga beekumsi isaanitti dhufee booda, jibbansa gidduu isaanii jiruuf malee (waan birootiif) wal hin dhabneDhugumatti, Gooftaan kee waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaanitti murteessa
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
45:18 Ergasii karaa ajaja (keenya) irraa ta’e irra si keenyee, ishee hordofiFedha lubbuu warra homaa hin beeknee hin hordofin
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
45:19 Isaan homaa (adabbii) Rabbii irraa si hin duroomsanMiidhaa hojjattoonni gariin isaanii jaalallee gariitiRabbiin immoo jaalallee warra Isa sodaataniiti
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
45:20 (Qur’aanni) kun namootaaf beekumsa ifa ba’aadhaWarra dhugoomsaniif qajeelfamaafi rahmata
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
45:21 Sila warri hamtuu hojjatan, jiraa isaaniitiifi du’aa isaaniitis akka warra amananii toltuu hojjatanii gochuu keenya yaadanii? Wanti isaan murteessan waa fokkate
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
45:22 Odoo hin miidhamne akka lubbuun hundi mindeeffamtuuf, Rabbiin samiifi dachii haqaan uume
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
45:23 Sila nama gabbaramaa isaa fedhii isaa godhate, kan Rabbiin beekumsaan isa jallisee, dhageettii isaatiifi onnee isaa irratti cufee, ija isaa irrattis haguuggaa godhe mee naaf himi? Erga Rabbiin (jallisee) booda eenyutu isa qajeelcha? Sila hin gorfamtanuu
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
45:24 “Jireenya keenya kan addunyaa malee isheen (jiruun biraa) hin jirtu; ni duuna; (gariin keenyas) ni jiraanna; yeroo malee wanti nu balleessu hin jiru” jedhanWaan kanatti beekumsa homaatuu hin qabanuIsaan se’oo malee hin taane
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
45:25 Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ba’anii isaan irratti dubbifamanis, ragaan isaanii “yoo kan dhugaa dubbattan taataniif abbootii keenya fidaa” jechuu malee hin taane
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
45:26 (Yaa Muhammad!) Jedhi: “Rabbumatu isin jiraachisee, ergasii isin ajjeesa; ergasii Guyyaa Qiyaamaa keessatti walitti isin qabaIsa keessa mamiin hin jiruGaruu irra hedduun namaa hin beekanu.”
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
45:27 Mootummaan samiifi dachii kan RabbiitiGuyyaa Qiyaaman dhaabbattus, guyyaa san warri dharaa ni hoonga’u
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
45:28 (Guyyaa san) ummata hunda jilbiiffatanii argitaUmmanni hunduu gara kitaaba isheetti waamamti“Har’a waan dalagaa turtan mindeeffamtu” (isaaniin jedhama)
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
45:29 Kun kitaaba keenya kan isin irratti dhugaan dubbatuudhaDhugumatti, Nuti waan isin dalagaa turtan galmeessuu turre
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
45:30 Isaan amananii, toltuu dalagan immoo Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan seensisaKun isumatu milkii ifa galaadha
ﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
45:31 Isaan kafaran immoo “sila keeyyatoonni Kiyya isin irratti dubbifamaa turtee, boontanii, ummata badoo hin turree?” (jedhamaan)
ﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚﰛﰜﰝﰞﰟﰠﰡﰢﰣ
45:32 Yeroo “waadaan Rabbii dhugaadha; Qiyaamaan akka dhuftu mamiin ishee keessa hin jiru” jedhame, “Qiyaamaan maal akka taate hin beeknu; mamii malee yaada (ishee) hin qabnuNuti dhugoomsoo hin taane” jettan
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
45:33 Hamtuun waan dalaganii ifa isaaniif ba’a; wanti isaan itti qishnaa (qoosaa) turanis isaan marsa
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
45:34 Ni jedhamaani: “Har’a akkuma isin qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattan (Nutis) isin daganna (isin dhiifna); teessoon keessanis ibidda; tumsitoonnis isiniif hin jiranu.”
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
45:35 Kun waan isin keeyyattoota Rabbii qishnaa (qoosaa) taasiiftaniifi waan jiruun addunyaa isin gowwoomsiteefiHar’a ishee (ibidda) irraa hin baafamanu; isaan ceephoos hin buufachiifamanu
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
45:36 Faaruun kan Rabbii Gooftaa samiifi Gooftaa dachii, Gooftaa aalama hundaati
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
45:37 Samiifi dachii keessatti boonni IsumaafiInnis injifataa, ogeessa

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers