Suuratu Sad Arabiffaa fi Oromoo
Suuratu Sad hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (88 Aayah — مكية). Sad Caqasi, Sad Hiikkaa, Sad mp3, Sad pdf.Suuratu Sad Dubbisi fi Caqasi
🎧 Aayah
M
Mishary Rashid Alafasy
✓
Mishary Rashid Alafasy
✓
M
Mahmoud Khalil Al-Husary
✓
Mahmoud Khalil Al-Husary
✓
A
Abdurrahman As-Sudais
✓
Abdurrahman As-Sudais
✓
M
Mohamed Siddiq Al-Minshawi
✓
Mohamed Siddiq Al-Minshawi
✓
A
Abdul Basit Abdul Samad
✓
Abdul Basit Abdul Samad
✓
A
Ali Al-Hudhaify
✓
Ali Al-Hudhaify
✓
A
Ahmed ibn Ali al-Ajamy
✓
Ahmed ibn Ali al-Ajamy
✓
A
Abu Bakr Ash-Shaatree
✓
Abu Bakr Ash-Shaatree
✓
M
Muhammad Ayyoub
✓
Muhammad Ayyoub
✓
A
Abdullah Basfar
✓
Abdullah Basfar
✓
A
Abdullah Al-Juhani
✓
Abdullah Al-Juhani
✓
M
Maher Al Muaiqly
✓
Maher Al Muaiqly
✓
—
x1
بَلِ الَّذِينَ كَفَرُوا فِي عِزَّةٍ وَشِقَاقٍ ٢
📖 Hiikkaa
Aayah 2
Dhugumatti isaan kafaran of tuulummaafi mormii keessa jiru
كَمْ أَهْلَكْنَا مِن قَبْلِهِم مِّن قَرْنٍ فَنَادَوا وَّلَاتَ حِينَ مَنَاصٍ ٣
📖 Hiikkaa
Aayah 3
Isaan dura (dhaloota) jaarraa meeqaatama balleessinee jirraYeroo baqaaf hin taane walitti lallaban
وَعَجِبُوا أَن جَاءَهُم مُّنذِرٌ مِّنْهُمْ ۖ وَقَالَ الْكَافِرُونَ هَٰذَا سَاحِرٌ كَذَّابٌ ٤
📖 Hiikkaa
Aayah 4
Sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee, ni jedhan: “kun falfalaa, sobaadha
أَجَعَلَ الْآلِهَةَ إِلَٰهًا وَاحِدًا ۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيْءٌ عُجَابٌ ٥
📖 Hiikkaa
Aayah 5
Sila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha.”
وَانطَلَقَ الْمَلَأُ مِنْهُمْ أَنِ امْشُوا وَاصْبِرُوا عَلَىٰ آلِهَتِكُمْ ۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيْءٌ يُرَادُ ٦
📖 Hiikkaa
Aayah 6
Gurguddoon isaan (mushrikoota) irraa ta’an deemaniiti “gooftolee keessan (gabbaruu) irratti obsaa; dhugumatti, inni kun wanta nurraa barbaadamuudha
مَا سَمِعْنَا بِهَٰذَا فِي الْمِلَّةِ الْآخِرَةِ إِنْ هَٰذَا إِلَّا اخْتِلَاقٌ ٧
📖 Hiikkaa
Aayah 7
Amantii gara dhumaa (kiristaanummaa) keessatti kana hin dhageenyeKun waanuma haara’a uumame malee homaa miti
أَأُنزِلَ عَلَيْهِ الذِّكْرُ مِن بَيْنِنَا ۚ بَلْ هُمْ فِي شَكٍّ مِّن ذِكْرِي ۖ بَل لَّمَّا يَذُوقُوا عَذَابِ ٨
📖 Hiikkaa
Aayah 8
Sila yaadannoon (Qur’aanni) kun nu hunda gidduu isa qofarratti buufamee?” Dhugumatti, isaan yaadannoo kiyya irraa mamii keessa jiruGaruu hanga ammaatti adabbii (kiyya) hin dhandhamnee (kanaaf kafaran)
أَمْ عِندَهُمْ خَزَائِنُ رَحْمَةِ رَبِّكَ الْعَزِيزِ الْوَهَّابِ ٩
📖 Hiikkaa
Aayah 9
Furtuuwwan rahmata Rabbii keetii kan injifataa, arjoomaa ta’ee isaan bira jiraa
أَمْ لَهُم مُّلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا ۖ فَلْيَرْتَقُوا فِي الْأَسْبَابِ ١٠
📖 Hiikkaa
Aayah 10
Moo mootummaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaanii jirantu kan isaaniitii? Oggas, karaa keessaan (gara samii) ol haa ba’anii
جُندٌ مَّا هُنَالِكَ مَهْزُومٌ مِّنَ الْأَحْزَابِ ١١
📖 Hiikkaa
Aayah 11
Isaan bakka sana (dirree badrii) keessa jiran humna waraana xiqqoo(dha)Akkuma warri gamtaa durii injifataman saniiti (injifatamuuf jiru)
كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ وَعَادٌ وَفِرْعَوْنُ ذُو الْأَوْتَادِ ١٢
📖 Hiikkaa
Aayah 12
Isaaniin dura ummanni Nuuh, Aadiifi Fir’awni abbaa shikaalaa kan ta’an (ergamaa isaanii) sobsiisaniiru
وَثَمُودُ وَقَوْمُ لُوطٍ وَأَصْحَابُ الْأَيْكَةِ ۚ أُولَٰئِكَ الْأَحْزَابُ ١٣
📖 Hiikkaa
Aayah 13
Samuud, ummanni Luuxiifi warri bosonaas (sobsiisanii jiru)Isaan hunduu gareewwan (dhugaa irratti duulanii dha)
إِن كُلٌّ إِلَّا كَذَّبَ الرُّسُلَ فَحَقَّ عِقَابِ ١٤
📖 Hiikkaa
Aayah 14
Hundi isaanii ergamtoota sobsiisan malee hin hafneKanaafuu adabbiin (kiyya) isaan irratti mirkanaa’e
وَمَا يَنظُرُ هَٰؤُلَاءِ إِلَّا صَيْحَةً وَاحِدَةً مَّا لَهَا مِن فَوَاقٍ ١٥
📖 Hiikkaa
Aayah 15
Isaan kun iyyansa tokko kan deebi’uun isheef hin jirre malee homaa hin eegan
وَقَالُوا رَبَّنَا عَجِّل لَّنَا قِطَّنَا قَبْلَ يَوْمِ الْحِسَابِ ١٦
📖 Hiikkaa
Aayah 16
Ni jedhan: “Yaa Rabbii keenya! (Adaba irraa) qooda keenya guyyaa qormaataa dura nuuf arifachiisi.”
اصْبِرْ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَاذْكُرْ عَبْدَنَا دَاوُودَ ذَا الْأَيْدِ ۖ إِنَّهُ أَوَّابٌ ١٧
📖 Hiikkaa
Aayah 17
Waan isaan jedhan irratti obsiGabricha keenya Daawuudiin abbaa jabeenyaa kan ta’e yaadadhuDhugumatti, inni akkaan tawbataa ture
إِنَّا سَخَّرْنَا الْجِبَالَ مَعَهُ يُسَبِّحْنَ بِالْعَشِيِّ وَالْإِشْرَاقِ ١٨
📖 Hiikkaa
Aayah 18
Nuti gaarreen isa waliin galgalaafi ganama kan Rabbiin faarsan ta’anii laaffifnee jirra
وَالطَّيْرَ مَحْشُورَةً ۖ كُلٌّ لَّهُ أَوَّابٌ ١٩
📖 Hiikkaa
Aayah 19
Allaattiinis walitti qabamtuu taatee (isa waliin akka faarsan mijeessinee jirra)Hunduu gara Isaa deebi’oodha
وَشَدَدْنَا مُلْكَهُ وَآتَيْنَاهُ الْحِكْمَةَ وَفَصْلَ الْخِطَابِ ٢٠
📖 Hiikkaa
Aayah 20
Mootummaa isaa jabeessinee jirraHikmaa (nabiyyummaa)fi haasa’a adda baasuus isaaf kennineerra
۞ وَهَلْ أَتَاكَ نَبَأُ الْخَصْمِ إِذْ تَسَوَّرُوا الْمِحْرَابَ ٢١
📖 Hiikkaa
Aayah 21
Sila oduun wal falmitootaa kan yeroo dadaa koranii gamoo (isaa) seenan si dhaqqabeeraa
إِذْ دَخَلُوا عَلَىٰ دَاوُودَ فَفَزِعَ مِنْهُمْ ۖ قَالُوا لَا تَخَفْ ۖ خَصْمَانِ بَغَىٰ بَعْضُنَا عَلَىٰ بَعْضٍ فَاحْكُم بَيْنَنَا بِالْحَقِّ وَلَا تُشْطِطْ وَاهْدِنَا إِلَىٰ سَوَاءِ الصِّرَاطِ ٢٢
📖 Hiikkaa
Aayah 22
Yeroo isaan isa irra seenanu, isaan irraa rifate“Hin sodaatin; (nuti) wal falmitoota lama kan gariin keenya garii irratti daangaa dabreedhaKanaaf gidduu keenyatti dhugaan murteessiHin jallisinii, gara karaa sirrii nu qajeelchi” jedhan
إِنَّ هَٰذَا أَخِي لَهُ تِسْعٌ وَتِسْعُونَ نَعْجَةً وَلِيَ نَعْجَةٌ وَاحِدَةٌ فَقَالَ أَكْفِلْنِيهَا وَعَزَّنِي فِي الْخِطَابِ ٢٣
📖 Hiikkaa
Aayah 23
Dhugumatti, kun obboleessa kiyyaIsaaf hoolota dhaltuu sagaltamii sagaltu jiraAnaaf immoo hoolaa dhaltuu tokko qofatu jira“Ishee naaf kenni” jedheeti, kadhaa keessatti natti jabeesse
قَالَ لَقَدْ ظَلَمَكَ بِسُؤَالِ نَعْجَتِكَ إِلَىٰ نِعَاجِهِ ۖ وَإِنَّ كَثِيرًا مِّنَ الْخُلَطَاءِ لَيَبْغِي بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ إِلَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَقَلِيلٌ مَّا هُمْ ۗ وَظَنَّ دَاوُودُ أَنَّمَا فَتَنَّاهُ فَاسْتَغْفَرَ رَبَّهُ وَخَرَّ رَاكِعًا وَأَنَابَ ۩ ٢٤
📖 Hiikkaa
Aayah 24
(Daawuud) ni jedhe: “dhugumatti, hoolaa kee gara hoolota isaatti dabalachuuf si gaafachuudhaan miidhaa sirratti dalagee jiraDhugumatti, irra hedduun warra wajjin hojjatanii gariin isaanii garii irratti miidhaa dalagu; isaan amananii, toltuu dalagan maleeIsaanis baay’ee xiqqoodha.” Daawuud akka isa qoranne beekeeti, Rabbii isaa araarama kadhatee, rukuu’as bu’ee, (gara Gooftaa isaatti) deebi’e
فَغَفَرْنَا لَهُ ذَٰلِكَ ۖ وَإِنَّ لَهُ عِندَنَا لَزُلْفَىٰ وَحُسْنَ مَآبٍ ٢٥
📖 Hiikkaa
Aayah 25
(Nutis) sana isaaf araaramneDhugumatti, isaaf Nu biratti dhihaannaafi iddoo deebii (jannata) gaarii ta’etu jira
يَا دَاوُودُ إِنَّا جَعَلْنَاكَ خَلِيفَةً فِي الْأَرْضِ فَاحْكُم بَيْنَ النَّاسِ بِالْحَقِّ وَلَا تَتَّبِعِ الْهَوَىٰ فَيُضِلَّكَ عَن سَبِيلِ اللَّهِ ۚ إِنَّ الَّذِينَ يَضِلُّونَ عَن سَبِيلِ اللَّهِ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ بِمَا نَسُوا يَوْمَ الْحِسَابِ ٢٦
📖 Hiikkaa
Aayah 26
Yaa Daawuud! Nuti dachii keessatti bakka bu’aa si taasifnee jirraKanaaf gidduu namootaatti dhugaan murteessiKaraa Rabbii irraa si jallisaa fedha lubbuu hin hordofinDhugumatti, isaan karaa Rabbii irraa jallatan, waan guyyaa herregaa dagataniif isaaniif adabbii cimaa ta’etu jira
وَمَا خَلَقْنَا السَّمَاءَ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا بَاطِلًا ۚ ذَٰلِكَ ظَنُّ الَّذِينَ كَفَرُوا ۚ فَوَيْلٌ لِّلَّذِينَ كَفَرُوا مِنَ النَّارِ ٢٧
📖 Hiikkaa
Aayah 27
Samii, dachiifi wantoota gidduu lamaan isaanii jiran hunda, taphaaf hin uumneSun hubannoo isaan kafaraniitiIsaan kafaraniif ibidda irraa laga hamaa ta’etu isaaniif jira
أَمْ نَجْعَلُ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ كَالْمُفْسِدِينَ فِي الْأَرْضِ أَمْ نَجْعَلُ الْمُتَّقِينَ كَالْفُجَّارِ ٢٨
📖 Hiikkaa
Aayah 28
Sila isaan amananii, toltuu dalagan akka warra dachii keessatti balleessa dalaganii ni goonaa? Warra Allaah sodaatanis akka warra yakkamoo ni taasifnaa
كِتَابٌ أَنزَلْنَاهُ إِلَيْكَ مُبَارَكٌ لِّيَدَّبَّرُوا آيَاتِهِ وَلِيَتَذَكَّرَ أُولُو الْأَلْبَابِ ٢٩
📖 Hiikkaa
Aayah 29
(Kun) kitaaba barakaa, akka isaan keeyyattoota isaa xiinxalaniifi akka warri sammuu qaban ittiin gorfamuuf jecha gara keetti isa buufneedha
وَوَهَبْنَا لِدَاوُودَ سُلَيْمَانَ ۚ نِعْمَ الْعَبْدُ ۖ إِنَّهُ أَوَّابٌ ٣٠
📖 Hiikkaa
Aayah 30
Daawuudiifis Suleeymaaniin kennineGabricha akkam tole! Dhugumatti, inni akkaan tawbataadha
إِذْ عُرِضَ عَلَيْهِ بِالْعَشِيِّ الصَّافِنَاتُ الْجِيَادُ ٣١
📖 Hiikkaa
Aayah 31
Waaree booda faradoon leenjifamoon, fiigichatti cimoo ta’an yeroo isa irra fidaman (dubbadhu)
فَقَالَ إِنِّي أَحْبَبْتُ حُبَّ الْخَيْرِ عَن ذِكْرِ رَبِّي حَتَّىٰ تَوَارَتْ بِالْحِجَابِ ٣٢
📖 Hiikkaa
Aayah 32
Ni jedhe: “ani hanga aduun (dukkana halkaniitiin) dhokattutti jaalala qabeenyaa (fardaa) yaadannoo Gooftaa kiyyaa caalaa filadhe
رُدُّوهَا عَلَيَّ ۖ فَطَفِقَ مَسْحًا بِالسُّوقِ وَالْأَعْنَاقِ ٣٣
📖 Hiikkaa
Aayah 33
Isaan kana gara kiyya deebisaa” (jedhee), battalumatti lukaafi morma isaanii mummuruutti seene
وَلَقَدْ فَتَنَّا سُلَيْمَانَ وَأَلْقَيْنَا عَلَىٰ كُرْسِيِّهِ جَسَدًا ثُمَّ أَنَابَ ٣٤
📖 Hiikkaa
Aayah 34
Dhugumatti Suleeymaaniin mokkorree turreSiree isaa irratti qaama laafaa darbineSana booda ( tawbaa) deebi’e
قَالَ رَبِّ اغْفِرْ لِي وَهَبْ لِي مُلْكًا لَّا يَنبَغِي لِأَحَدٍ مِّن بَعْدِي ۖ إِنَّكَ أَنتَ الْوَهَّابُ ٣٥
📖 Hiikkaa
Aayah 35
Ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Naaf araarami; aangoo ana booda eenyuufillee hin malles naaf kenniDhugumatti, Ati situ akkaan kennaadha.”
فَسَخَّرْنَا لَهُ الرِّيحَ تَجْرِي بِأَمْرِهِ رُخَاءً حَيْثُ أَصَابَ ٣٦
📖 Hiikkaa
Aayah 36
Qilleensi isaaf laaffifnee, ajaja isaatiin laaftuu taatee gara inni fedhetti deemti
وَالشَّيَاطِينَ كُلَّ بَنَّاءٍ وَغَوَّاصٍ ٣٧
📖 Hiikkaa
Aayah 37
Shayxaanotas isaan akkaan ijaaraniifi bishaan keessa akkaan lixan hunda (isaaf laaffifne)
وَآخَرِينَ مُقَرَّنِينَ فِي الْأَصْفَادِ ٣٨
📖 Hiikkaa
Aayah 38
Warri biroos kan diriin walitti hidhaman (isaaf laaffifne)
هَٰذَا عَطَاؤُنَا فَامْنُنْ أَوْ أَمْسِكْ بِغَيْرِ حِسَابٍ ٣٩
📖 Hiikkaa
Aayah 39
“Kun kennaa keenyaa, kenni! yookiin dhorgadhu! herregni homaatuu sirra hin jiru” (janneen)
وَإِنَّ لَهُ عِندَنَا لَزُلْفَىٰ وَحُسْنَ مَآبٍ ٤٠
📖 Hiikkaa
Aayah 40
Dhugumatti, isaafis Nu bira dhihaannaafi deebii gaarii ta’etu jira
وَاذْكُرْ عَبْدَنَا أَيُّوبَ إِذْ نَادَىٰ رَبَّهُ أَنِّي مَسَّنِيَ الشَّيْطَانُ بِنُصْبٍ وَعَذَابٍ ٤١
📖 Hiikkaa
Aayah 41
Gabricha keenya Ayyuubiinis yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “shayxaanni rakkinaafi adabaan na tuqee jira” (jedhe) dubbadhu
ارْكُضْ بِرِجْلِكَ ۖ هَٰذَا مُغْتَسَلٌ بَارِدٌ وَشَرَابٌ ٤٢
📖 Hiikkaa
Aayah 42
(Rabbiin): “Dachii miila keetiin rukutiKun (bishaan) qabbanaa’aa dhiqataafi dhugaatiif oolu” (jedheen)
وَوَهَبْنَا لَهُ أَهْلَهُ وَمِثْلَهُم مَّعَهُمْ رَحْمَةً مِّنَّا وَذِكْرَىٰ لِأُولِي الْأَلْبَابِ ٤٣
📖 Hiikkaa
Aayah 43
Rahmata Nu biraa ta’eefi gorsa warra sammuu qabaniif jecha maatii isaa (deebifnee) isaaf kenninee, fakkaataa isaaniis (isaaf daballe)
وَخُذْ بِيَدِكَ ضِغْثًا فَاضْرِب بِّهِ وَلَا تَحْنَثْ ۗ إِنَّا وَجَدْنَاهُ صَابِرًا ۚ نِّعْمَ الْعَبْدُ ۖ إِنَّهُ أَوَّابٌ ٤٤
📖 Hiikkaa
Aayah 44
“Harka keetiinis harcummee qabii (niitii kee) isaan rukuti; Waadaa (kee) hin cabsin” (jenneen)Dhugumatti, (isa mokkorreeti) obsaa ta’uu isa agarreGabricha akkam gaarii ta’e! Dhugumatti, inni akkaan tawbaa deebi’aadha
وَاذْكُرْ عِبَادَنَا إِبْرَاهِيمَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ أُولِي الْأَيْدِي وَالْأَبْصَارِ ٤٥
📖 Hiikkaa
Aayah 45
Gabroota keenya Ibraahiim, Is-haaqiifi Ya’aquubiin kanneen (Ibaadaa irratti) cimoofi ija xiinxaltu qaban san dubbadhu
إِنَّا أَخْلَصْنَاهُم بِخَالِصَةٍ ذِكْرَى الدَّارِ ٤٦
📖 Hiikkaa
Aayah 46
Dhugumatti, Nuti haala gaariidhaan isaan qulqulleessine(Isheenis) ganda (Aakhiraa) yaadachuudha
وَإِنَّهُمْ عِندَنَا لَمِنَ الْمُصْطَفَيْنَ الْأَخْيَارِ ٤٧
📖 Hiikkaa
Aayah 47
Dhugumatti isaan Nu biratti filatamoo gaggaarii irraayi
وَاذْكُرْ إِسْمَاعِيلَ وَالْيَسَعَ وَذَا الْكِفْلِ ۖ وَكُلٌّ مِّنَ الْأَخْيَارِ ٤٨
📖 Hiikkaa
Aayah 48
Ismaa’il, Yasa’iifi Zulkifliinis dubbadhu; (isaan) hunduu filatamtoota irraayi
هَٰذَا ذِكْرٌ ۚ وَإِنَّ لِلْمُتَّقِينَ لَحُسْنَ مَآبٍ ٤٩
📖 Hiikkaa
Aayah 49
Kuni (isaaniif) faaruudhaDhugumatti, isaan Rabbiin sodaataniif deebii gaariitu jira
جَنَّاتِ عَدْنٍ مُّفَتَّحَةً لَّهُمُ الْأَبْوَابُ ٥٠
📖 Hiikkaa
Aayah 50
Jannata qubsumaa kan balballi isaaniif banaa ta’antu jira
مُتَّكِئِينَ فِيهَا يَدْعُونَ فِيهَا بِفَاكِهَةٍ كَثِيرَةٍ وَشَرَابٍ ٥١
📖 Hiikkaa
Aayah 51
Ishee keessa (siree irratti) hirkatanii jiraatuIshee keessatti fuduraalee baay’eefi dhugaatiis ni waammatu
۞ وَعِندَهُمْ قَاصِرَاتُ الطَّرْفِ أَتْرَابٌ ٥٢
📖 Hiikkaa
Aayah 52
Dubartoota nama biraa ilaaluu irraa ija gabaabsan, kan umriin isaanii wal qixa ta’etu isaan bira jira
هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِيَوْمِ الْحِسَابِ ٥٣
📖 Hiikkaa
Aayah 53
Kun waan guyyaa herregaatiif beellama godhamtaniidha
إِنَّ هَٰذَا لَرِزْقُنَا مَا لَهُ مِن نَّفَادٍ ٥٤
📖 Hiikkaa
Aayah 54
Dhugumatti, kun kennaa keenyaa, dhumti isaaf hin jiru
هَٰذَا ۚ وَإِنَّ لِلطَّاغِينَ لَشَرَّ مَآبٍ ٥٥
📖 Hiikkaa
Aayah 55
Kun (kan mu’uminootaati)Daangaa dabartootaaf immoo deebii hamaa ta’etu jira
جَهَنَّمَ يَصْلَوْنَهَا فَبِئْسَ الْمِهَادُ ٥٦
📖 Hiikkaa
Aayah 56
Jahannama ishee seenantu jiraAfatichi waa fokkate
هَٰذَا فَلْيَذُوقُوهُ حَمِيمٌ وَغَسَّاقٌ ٥٧
📖 Hiikkaa
Aayah 57
Kuni bishaan danfaafi malaadhaa, haa dhandhamanu
وَآخَرُ مِن شَكْلِهِ أَزْوَاجٌ ٥٨
📖 Hiikkaa
Aayah 58
[Adabbiin] biraa fakkaataa isaa [kan duraa] ta’e gosa baay’eetu jira
هَٰذَا فَوْجٌ مُّقْتَحِمٌ مَّعَكُمْ ۖ لَا مَرْحَبًا بِهِمْ ۚ إِنَّهُمْ صَالُو النَّارِ ٥٩
📖 Hiikkaa
Aayah 59
Kuni garee isinii waliin ibidda seenaniidha” (maleykaan jettiin)“Simannaan gaariin isaaniif hin ta’in, isaanis (numaa waliin) ibidda seenoodha” (matootiin jedhan)
قَالُوا بَلْ أَنتُمْ لَا مَرْحَبًا بِكُمْ ۖ أَنتُمْ قَدَّمْتُمُوهُ لَنَا ۖ فَبِئْسَ الْقَرَارُ ٦٠
📖 Hiikkaa
Aayah 60
(Hordoftoonnis) ni jedhu: “Isinis simannaan gaariin isiniif hin godhaminIsintu karaa kan nuuf godhee (isin hordofne).” Iddoon teessumaa waa fokkatee
قَالُوا رَبَّنَا مَن قَدَّمَ لَنَا هَٰذَا فَزِدْهُ عَذَابًا ضِعْفًا فِي النَّارِ ٦١
📖 Hiikkaa
Aayah 61
Ni jedhu: “Gooftaa keenya! nama kana karaa nuuf godhe ibidda keessatti adabbii dachaa ta’e isaaf dabali.”
وَقَالُوا مَا لَنَا لَا نَرَىٰ رِجَالًا كُنَّا نَعُدُّهُم مِّنَ الْأَشْرَارِ ٦٢
📖 Hiikkaa
Aayah 62
(Matootiin warra ibiddaa) Ni jedhu: “Maaliif namoota (duniyatti) warra baay’ee badii hojjatan irraa lakkaa’aa turre (asitti) hin argine
أَتَّخَذْنَاهُمْ سِخْرِيًّا أَمْ زَاغَتْ عَنْهُمُ الْأَبْصَارُ ٦٣
📖 Hiikkaa
Aayah 63
(Nutu) qishnaa isaan godhate moo, ijatu isaan irraa nu dabe?”
إِنَّ ذَٰلِكَ لَحَقٌّ تَخَاصُمُ أَهْلِ النَّارِ ٦٤
📖 Hiikkaa
Aayah 64
Dhugumatti, sun dhugaadha; (inni) wal mormii warra ibiddaati
قُلْ إِنَّمَا أَنَا مُنذِرٌ ۖ وَمَا مِنْ إِلَٰهٍ إِلَّا اللَّهُ الْوَاحِدُ الْقَهَّارُ ٦٥
📖 Hiikkaa
Aayah 65
“Ani akeekkachiisaadha; Rabbii tokkicha injifataa ta’e malee dhugaan gabbaramaan hin jiru” jedhi
رَبُّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا الْعَزِيزُ الْغَفَّارُ ٦٦
📖 Hiikkaa
Aayah 66
Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiruu, injifataa, araaramaa ta’e malee
مَا كَانَ لِيَ مِنْ عِلْمٍ بِالْمَلَإِ الْأَعْلَىٰ إِذْ يَخْتَصِمُونَ ٦٩
📖 Hiikkaa
Aayah 69
Yeroo isaan (waa’ee Aadam keessatti) falman ani waa’ee jiraattoota olii (maleykotaa) irraa beekumsa hin qabu
إِن يُوحَىٰ إِلَيَّ إِلَّا أَنَّمَا أَنَا نَذِيرٌ مُّبِينٌ ٧٠
📖 Hiikkaa
Aayah 70
Ani sodaachisaa ifa galaa ta’uu malee beeksifni (biraa) gara kiyya hin godhamu.”
إِذْ قَالَ رَبُّكَ لِلْمَلَائِكَةِ إِنِّي خَالِقٌ بَشَرًا مِّن طِينٍ ٧١
📖 Hiikkaa
Aayah 71
Yeroo Gooftaan kee malaykotaan “Ani nama dhoqqee irraa uumuufan jira” jedhe [yaadadhu]
فَإِذَا سَوَّيْتُهُ وَنَفَخْتُ فِيهِ مِن رُّوحِي فَقَعُوا لَهُ سَاجِدِينَ ٧٢
📖 Hiikkaa
Aayah 72
“Ergan isa sirreessee, ruuhii kiyya (kan Ani uume) irraa isa keessatti afuufee booda isaaf sujuuda bu’aa” (jedheen)
فَسَجَدَ الْمَلَائِكَةُ كُلُّهُمْ أَجْمَعُونَ ٧٣
📖 Hiikkaa
Aayah 73
Malaykonni hundi isaanii sujuuda bu’an
إِلَّا إِبْلِيسَ اسْتَكْبَرَ وَكَانَ مِنَ الْكَافِرِينَ ٧٤
📖 Hiikkaa
Aayah 74
Garuu Ibliis boonee, kaafiroota irraa ta’e
قَالَ يَا إِبْلِيسُ مَا مَنَعَكَ أَن تَسْجُدَ لِمَا خَلَقْتُ بِيَدَيَّ ۖ أَسْتَكْبَرْتَ أَمْ كُنتَ مِنَ الْعَالِينَ ٧٥
📖 Hiikkaa
Aayah 75
(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Ibliis! Waan Ani harka kiyyaan uumeef sujuuduu maaltu si dhorge? Ni boonte moo, of tuultota irraa taate?”
قَالَ أَنَا خَيْرٌ مِّنْهُ ۖ خَلَقْتَنِي مِن نَّارٍ وَخَلَقْتَهُ مِن طِينٍ ٧٦
📖 Hiikkaa
Aayah 76
(Ibliisis) ni jedhe: “Anatu isarra caala; ana ibidda irraa na uumte, isa immoo suphee (horofa) irraa isa uumte.”
قَالَ فَاخْرُجْ مِنْهَا فَإِنَّكَ رَجِيمٌ ٧٧
📖 Hiikkaa
Aayah 77
(Rabbiin) ni jedhe: “ishee irraa ba’i; ati dhugumaan (rahmata irraa) fageeffamaadha
وَإِنَّ عَلَيْكَ لَعْنَتِي إِلَىٰ يَوْمِ الدِّينِ ٧٨
📖 Hiikkaa
Aayah 78
Hanga guyyaa murtiitti abaarsi kiyya sirra haa jiraatu.”
قَالَ رَبِّ فَأَنظِرْنِي إِلَىٰ يَوْمِ يُبْعَثُونَ ٧٩
📖 Hiikkaa
Aayah 79
(Ibliisis) ni jedhe: “hanga guyyaa (du’a irraa) kaafamaniitti na tursiisi.”
قَالَ فَإِنَّكَ مِنَ الْمُنظَرِينَ ٨٠
📖 Hiikkaa
Aayah 80
(Rabbiinis) “dhugumatti, ati warra tursiifaman irraayi” jedheen
قَالَ فَبِعِزَّتِكَ لَأُغْوِيَنَّهُمْ أَجْمَعِينَ ٨٢
📖 Hiikkaa
Aayah 82
(Ibliisis) ni jedhe: “jabeenya keetiin kakadhee! Isaan hunda nan jallisa
إِلَّا عِبَادَكَ مِنْهُمُ الْمُخْلَصِينَ ٨٣
📖 Hiikkaa
Aayah 83
Gabroota kee irraa isaan qulqulleefamoo malee.”
قَالَ فَالْحَقُّ وَالْحَقَّ أَقُولُ ٨٤
📖 Hiikkaa
Aayah 84
(Rabbiin) ni jedhe: “Egaa dhugaan (Ana irraayi), Ani dhugumaan jedhas
لَأَمْلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنكَ وَمِمَّن تَبِعَكَ مِنْهُمْ أَجْمَعِينَ ٨٥
📖 Hiikkaa
Aayah 85
Jahannamiin siifi isaan irraa namoota si hordofan hundaaniin guuta.”
قُلْ مَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ وَمَا أَنَا مِنَ الْمُتَكَلِّفِينَ ٨٦
📖 Hiikkaa
Aayah 86
(Yaa Muhammad!) jedhi: “(Qur’aana) kana irratti mindaa isin hin gaafadhuAni warra of dirqan irraayis miti
إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِّلْعَالَمِينَ ٨٧
📖 Hiikkaa
Aayah 87
Inni gorsa aalama hundaati malee homaa miti
وَلَتَعْلَمُنَّ نَبَأَهُ بَعْدَ حِينٍ ٨٨
📖 Hiikkaa
Aayah 88
Dhugumatti, oduu isaa yeroo booda beekuuf jirtu.”
Dubbisi Suuratu Sad Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers

