PDF —
88 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Sad pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Sad pdf Oromo — Buufi Suuratu Sad Hiikkaa. Suuratu Sad (Meccan) 88 Aayah.



88 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
38:1 SaadQur’aana abbaa yaadannoo ta’eenin (kakadha)
ﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
38:2 Dhugumatti isaan kafaran of tuulummaafi mormii keessa jiru
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
38:3 Isaan dura (dhaloota) jaarraa meeqaatama balleessinee jirraYeroo baqaaf hin taane walitti lallaban
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
38:4 Sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee, ni jedhan: “kun falfalaa, sobaadha
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
38:5 Sila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha.”
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
38:6 Gurguddoon isaan (mushrikoota) irraa ta’an deemaniiti “gooftolee keessan (gabbaruu) irratti obsaa; dhugumatti, inni kun wanta nurraa barbaadamuudha
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
38:7 Amantii gara dhumaa (kiristaanummaa) keessatti kana hin dhageenyeKun waanuma haara’a uumame malee homaa miti
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
38:8 Sila yaadannoon (Qur’aanni) kun nu hunda gidduu isa qofarratti buufamee?” Dhugumatti, isaan yaadannoo kiyya irraa mamii keessa jiruGaruu hanga ammaatti adabbii (kiyya) hin dhandhamnee (kanaaf kafaran)
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
38:9 Furtuuwwan rahmata Rabbii keetii kan injifataa, arjoomaa ta’ee isaan bira jiraa
ﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
38:10 Moo mootummaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaanii jirantu kan isaaniitii? Oggas, karaa keessaan (gara samii) ol haa ba’anii
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
38:11 Isaan bakka sana (dirree badrii) keessa jiran humna waraana xiqqoo(dha)Akkuma warri gamtaa durii injifataman saniiti (injifatamuuf jiru)
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
38:12 Isaaniin dura ummanni Nuuh, Aadiifi Fir’awni abbaa shikaalaa kan ta’an (ergamaa isaanii) sobsiisaniiru
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
38:13 Samuud, ummanni Luuxiifi warri bosonaas (sobsiisanii jiru)Isaan hunduu gareewwan (dhugaa irratti duulanii dha)
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
38:14 Hundi isaanii ergamtoota sobsiisan malee hin hafneKanaafuu adabbiin (kiyya) isaan irratti mirkanaa’e
ﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
38:15 Isaan kun iyyansa tokko kan deebi’uun isheef hin jirre malee homaa hin eegan
ﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓ
38:16 Ni jedhan: “Yaa Rabbii keenya! (Adaba irraa) qooda keenya guyyaa qormaataa dura nuuf arifachiisi.”
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
38:17 Waan isaan jedhan irratti obsiGabricha keenya Daawuudiin abbaa jabeenyaa kan ta’e yaadadhuDhugumatti, inni akkaan tawbataa ture
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
38:18 Nuti gaarreen isa waliin galgalaafi ganama kan Rabbiin faarsan ta’anii laaffifnee jirra
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
38:19 Allaattiinis walitti qabamtuu taatee (isa waliin akka faarsan mijeessinee jirra)Hunduu gara Isaa deebi’oodha
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
38:20 Mootummaa isaa jabeessinee jirraHikmaa (nabiyyummaa)fi haasa’a adda baasuus isaaf kennineerra
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
38:21 Sila oduun wal falmitootaa kan yeroo dadaa koranii gamoo (isaa) seenan si dhaqqabeeraa
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
38:22 Yeroo isaan isa irra seenanu, isaan irraa rifate“Hin sodaatin; (nuti) wal falmitoota lama kan gariin keenya garii irratti daangaa dabreedhaKanaaf gidduu keenyatti dhugaan murteessiHin jallisinii, gara karaa sirrii nu qajeelchi” jedhan
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
38:23 Dhugumatti, kun obboleessa kiyyaIsaaf hoolota dhaltuu sagaltamii sagaltu jiraAnaaf immoo hoolaa dhaltuu tokko qofatu jira“Ishee naaf kenni” jedheeti, kadhaa keessatti natti jabeesse
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
38:24 (Daawuud) ni jedhe: “dhugumatti, hoolaa kee gara hoolota isaatti dabalachuuf si gaafachuudhaan miidhaa sirratti dalagee jiraDhugumatti, irra hedduun warra wajjin hojjatanii gariin isaanii garii irratti miidhaa dalagu; isaan amananii, toltuu dalagan maleeIsaanis baay’ee xiqqoodha.” Daawuud akka isa qoranne beekeeti, Rabbii isaa araarama kadhatee, rukuu’as bu’ee, (gara Gooftaa isaatti) deebi’e
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
38:25 (Nutis) sana isaaf araaramneDhugumatti, isaaf Nu biratti dhihaannaafi iddoo deebii (jannata) gaarii ta’etu jira
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖ
38:26 Yaa Daawuud! Nuti dachii keessatti bakka bu’aa si taasifnee jirraKanaaf gidduu namootaatti dhugaan murteessiKaraa Rabbii irraa si jallisaa fedha lubbuu hin hordofinDhugumatti, isaan karaa Rabbii irraa jallatan, waan guyyaa herregaa dagataniif isaaniif adabbii cimaa ta’etu jira
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
38:27 Samii, dachiifi wantoota gidduu lamaan isaanii jiran hunda, taphaaf hin uumneSun hubannoo isaan kafaraniitiIsaan kafaraniif ibidda irraa laga hamaa ta’etu isaaniif jira
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
38:28 Sila isaan amananii, toltuu dalagan akka warra dachii keessatti balleessa dalaganii ni goonaa? Warra Allaah sodaatanis akka warra yakkamoo ni taasifnaa
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
38:29 (Kun) kitaaba barakaa, akka isaan keeyyattoota isaa xiinxalaniifi akka warri sammuu qaban ittiin gorfamuuf jecha gara keetti isa buufneedha
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
38:30 Daawuudiifis Suleeymaaniin kennineGabricha akkam tole! Dhugumatti, inni akkaan tawbataadha
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
38:31 Waaree booda faradoon leenjifamoon, fiigichatti cimoo ta’an yeroo isa irra fidaman (dubbadhu)
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
38:32 Ni jedhe: “ani hanga aduun (dukkana halkaniitiin) dhokattutti jaalala qabeenyaa (fardaa) yaadannoo Gooftaa kiyyaa caalaa filadhe
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
38:33 Isaan kana gara kiyya deebisaa” (jedhee), battalumatti lukaafi morma isaanii mummuruutti seene
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
38:34 Dhugumatti Suleeymaaniin mokkorree turreSiree isaa irratti qaama laafaa darbineSana booda ( tawbaa) deebi’e
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
38:35 Ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Naaf araarami; aangoo ana booda eenyuufillee hin malles naaf kenniDhugumatti, Ati situ akkaan kennaadha.”
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
38:36 Qilleensi isaaf laaffifnee, ajaja isaatiin laaftuu taatee gara inni fedhetti deemti
ﯥﯦﯧﯨﯩ
38:37 Shayxaanotas isaan akkaan ijaaraniifi bishaan keessa akkaan lixan hunda (isaaf laaffifne)
ﯪﯫﯬﯭﯮ
38:38 Warri biroos kan diriin walitti hidhaman (isaaf laaffifne)
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
38:39 “Kun kennaa keenyaa, kenni! yookiin dhorgadhu! herregni homaatuu sirra hin jiru” (janneen)
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
38:40 Dhugumatti, isaafis Nu bira dhihaannaafi deebii gaarii ta’etu jira
ﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
38:41 Gabricha keenya Ayyuubiinis yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “shayxaanni rakkinaafi adabaan na tuqee jira” (jedhe) dubbadhu
ﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑ
38:42 (Rabbiin): “Dachii miila keetiin rukutiKun (bishaan) qabbanaa’aa dhiqataafi dhugaatiif oolu” (jedheen)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
38:43 Rahmata Nu biraa ta’eefi gorsa warra sammuu qabaniif jecha maatii isaa (deebifnee) isaaf kenninee, fakkaataa isaaniis (isaaf daballe)
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
38:44 “Harka keetiinis harcummee qabii (niitii kee) isaan rukuti; Waadaa (kee) hin cabsin” (jenneen)Dhugumatti, (isa mokkorreeti) obsaa ta’uu isa agarreGabricha akkam gaarii ta’e! Dhugumatti, inni akkaan tawbaa deebi’aadha
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
38:45 Gabroota keenya Ibraahiim, Is-haaqiifi Ya’aquubiin kanneen (Ibaadaa irratti) cimoofi ija xiinxaltu qaban san dubbadhu
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
38:46 Dhugumatti, Nuti haala gaariidhaan isaan qulqulleessine(Isheenis) ganda (Aakhiraa) yaadachuudha
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
38:47 Dhugumatti isaan Nu biratti filatamoo gaggaarii irraayi
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
38:48 Ismaa’il, Yasa’iifi Zulkifliinis dubbadhu; (isaan) hunduu filatamtoota irraayi
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
38:49 Kuni (isaaniif) faaruudhaDhugumatti, isaan Rabbiin sodaataniif deebii gaariitu jira
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
38:50 Jannata qubsumaa kan balballi isaaniif banaa ta’antu jira
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
38:51 Ishee keessa (siree irratti) hirkatanii jiraatuIshee keessatti fuduraalee baay’eefi dhugaatiis ni waammatu
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
38:52 Dubartoota nama biraa ilaaluu irraa ija gabaabsan, kan umriin isaanii wal qixa ta’etu isaan bira jira
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
38:53 Kun waan guyyaa herregaatiif beellama godhamtaniidha
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
38:54 Dhugumatti, kun kennaa keenyaa, dhumti isaaf hin jiru
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝ
38:55 Kun (kan mu’uminootaati)Daangaa dabartootaaf immoo deebii hamaa ta’etu jira
ﯞﯟﯠﯡﯢ
38:56 Jahannama ishee seenantu jiraAfatichi waa fokkate
ﯣﯤﯥﯦﯧ
38:57 Kuni bishaan danfaafi malaadhaa, haa dhandhamanu
ﯨﯩﯪﯫﯬ
38:58 [Adabbiin] biraa fakkaataa isaa [kan duraa] ta’e gosa baay’eetu jira
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
38:59 Kuni garee isinii waliin ibidda seenaniidha” (maleykaan jettiin)“Simannaan gaariin isaaniif hin ta’in, isaanis (numaa waliin) ibidda seenoodha” (matootiin jedhan)
ﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
38:60 (Hordoftoonnis) ni jedhu: “Isinis simannaan gaariin isiniif hin godhaminIsintu karaa kan nuuf godhee (isin hordofne).” Iddoon teessumaa waa fokkatee
ﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒ
38:61 Ni jedhu: “Gooftaa keenya! nama kana karaa nuuf godhe ibidda keessatti adabbii dachaa ta’e isaaf dabali.”
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
38:62 (Matootiin warra ibiddaa) Ni jedhu: “Maaliif namoota (duniyatti) warra baay’ee badii hojjatan irraa lakkaa’aa turre (asitti) hin argine
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
38:63 (Nutu) qishnaa isaan godhate moo, ijatu isaan irraa nu dabe?”
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
38:64 Dhugumatti, sun dhugaadha; (inni) wal mormii warra ibiddaati
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
38:65 “Ani akeekkachiisaadha; Rabbii tokkicha injifataa ta’e malee dhugaan gabbaramaan hin jiru” jedhi
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
38:66 Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiruu, injifataa, araaramaa ta’e malee
ﭿﮀﮁﮂﮃ
38:67 Jedhi: “inni (Qur’aanni ) oduu guddaadha
ﮄﮅﮆﮇ
38:68 Isin isa irraa garagaltani
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
38:69 Yeroo isaan (waa’ee Aadam keessatti) falman ani waa’ee jiraattoota olii (maleykotaa) irraa beekumsa hin qabu
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
38:70 Ani sodaachisaa ifa galaa ta’uu malee beeksifni (biraa) gara kiyya hin godhamu.”
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
38:71 Yeroo Gooftaan kee malaykotaan “Ani nama dhoqqee irraa uumuufan jira” jedhe [yaadadhu]
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
38:72 “Ergan isa sirreessee, ruuhii kiyya (kan Ani uume) irraa isa keessatti afuufee booda isaaf sujuuda bu’aa” (jedheen)
ﮯﮰﮱﯓﯔ
38:73 Malaykonni hundi isaanii sujuuda bu’an
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
38:74 Garuu Ibliis boonee, kaafiroota irraa ta’e
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
38:75 (Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Ibliis! Waan Ani harka kiyyaan uumeef sujuuduu maaltu si dhorge? Ni boonte moo, of tuultota irraa taate?”
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
38:76 (Ibliisis) ni jedhe: “Anatu isarra caala; ana ibidda irraa na uumte, isa immoo suphee (horofa) irraa isa uumte.”
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
38:77 (Rabbiin) ni jedhe: “ishee irraa ba’i; ati dhugumaan (rahmata irraa) fageeffamaadha
ﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃ
38:78 Hanga guyyaa murtiitti abaarsi kiyya sirra haa jiraatu.”
ﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
38:79 (Ibliisis) ni jedhe: “hanga guyyaa (du’a irraa) kaafamaniitti na tursiisi.”
ﰋﰌﰍﰎﰏ
38:80 (Rabbiinis) “dhugumatti, ati warra tursiifaman irraayi” jedheen
ﰐﰑﰒﰓﰔ
38:81 “Hanga guyyaa yeroo beekamaatti.”
ﰕﰖﰗﰘﰙ
38:82 (Ibliisis) ni jedhe: “jabeenya keetiin kakadhee! Isaan hunda nan jallisa
ﰚﰛﰜﰝﰞ
38:83 Gabroota kee irraa isaan qulqulleefamoo malee.”
ﭑﭒﭓﭔﭕ
38:84 (Rabbiin) ni jedhe: “Egaa dhugaan (Ana irraayi), Ani dhugumaan jedhas
ﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
38:85 Jahannamiin siifi isaan irraa namoota si hordofan hundaaniin guuta.”
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
38:86 (Yaa Muhammad!) jedhi: “(Qur’aana) kana irratti mindaa isin hin gaafadhuAni warra of dirqan irraayis miti
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮ
38:87 Inni gorsa aalama hundaati malee homaa miti
ﭯﭰﭱﭲﭳ
38:88 Dhugumatti, oduu isaa yeroo booda beekuuf jirtu.”

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers