La sourate Al-Waqiah en Oromo
Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) argamte |
Argama isheetiif kijibni hin jirtu |
Gadi qabduu, ol fuutuudha |
Yeroo dachiin raafama cimaa raafamte |
(Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte |
Dhukkee facaafamtuus taate |
(Yeroo) Isinis garee sadi taatan |
(Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha) |
(Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha) |
(Gareen sadaffaa) Isaan gara toltuutti dursitoota dursoodha |
Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota |
Jannata qananii keessatti ta’u |
Warra duraa irraa baay’eedha |
Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha |
Sireewwan dhawamte irratti ta’u |
Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti hirkatu |
Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a |
Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een |
Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis |
Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u) |
Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin |
وَحُورٌ عِينٌ(22) Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira) |
Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan |
Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone) |
Isii (jannata) keessatti wacaafi wal arrabsuus hin dhaga’an |
“Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an) |
Warri mirgaa; warra mirgaa waa’een isaanii akkam tola |
(Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu |
Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu) |
Gaaddisa diriirfamaa (keessa) |
Bishaan dhangala’u (keessa) |
Fuduraalee baay’ee (keessa) |
Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa) |
Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu) |
Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne |
Dubroota isaan goone |
Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone) |
Warra mirgaatiif (qophaa’an) |
Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi |
Warra boodaa irraahis baay’eedha |
Warri bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu) |
Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu |
Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa |
(Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in |
Dhugumatti, isaan sana dura qanansiifamoo turan |
Dilii guddaa itti fufu turan |
وَكَانُوا يَقُولُونَ أَئِذَا مِتْنَا وَكُنَّا تُرَابًا وَعِظَامًا أَإِنَّا لَمَبْعُوثُونَ(47) “Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan |
“Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan) |
“(Yaa Muhammad!) dhugumatti, isaan jalqabaas ta’ee isaan boodaas (ni kaafamu)” jedhiin |
Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru |
Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa |
Muka Zaqquum irraa nyaatoodha |
Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha |
Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha |
Dhugaatii akka gaala dheebottee dhugdu |
Kun simannaa isaanii kan guyyaa murtiiti |
Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine |
Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa |
Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoo dha |
نَحْنُ قَدَّرْنَا بَيْنَكُمُ الْمَوْتَ وَمَا نَحْنُ بِمَسْبُوقِينَ(60) Nutu du’a gidduu keessanitti murteesseNuti dadhabsiifamoo miti |
عَلَىٰ أَن نُّبَدِّلَ أَمْثَالَكُمْ وَنُنشِئَكُمْ فِي مَا لَا تَعْلَمُونَ(61) Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti) |
وَلَقَدْ عَلِمْتُمُ النَّشْأَةَ الْأُولَىٰ فَلَوْلَا تَذَكَّرُونَ(62) Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne |
Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa |
Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha |
لَوْ نَشَاءُ لَجَعَلْنَاهُ حُطَامًا فَظَلْتُمْ تَفَكَّهُونَ(65) Odoo feenee caccabaa gooneeti kan dinqisiifattan taatan |
“Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu) |
“Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu) |
Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa |
أَأَنتُمْ أَنزَلْتُمُوهُ مِنَ الْمُزْنِ أَمْ نَحْنُ الْمُنزِلُونَ(69) Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha |
Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifnaSila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne |
Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa |
أَأَنتُمْ أَنشَأْتُمْ شَجَرَتَهَا أَمْ نَحْنُ الْمُنشِئُونَ(72) Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha |
نَحْنُ جَعَلْنَاهَا تَذْكِرَةً وَمَتَاعًا لِّلْمُقْوِينَ(73) Nuti ibidda kana gorsaafi qananii imaltoonni itti fayyadaman ishee goone |
Maqaa Gooftaa kee Isa guddaa faarsi |
Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha |
Inni dhugumatti, odoo kan beektan ta’ee kakuu guddaadha |
Dhugumatti, inni Qur’aana kabajamaadha |
Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira |
Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu |
Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha |
Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan |
(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii |
Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu) |
Odoo yeroo san isin ilaaltanuu |
وَنَحْنُ أَقْرَبُ إِلَيْهِ مِنكُمْ وَلَٰكِن لَّا تُبْصِرُونَ(85) Isin hin argitan malee Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra |
Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa) |
Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu |
Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e |
(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira |
Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo |
Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama) |
Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo |
Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira |
Jahiim seenuutu isaaf jira |
Dhugumatti, inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha |
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi) |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Waqiah : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Waqiah complète en haute qualité.
![surah Al-Waqiah Ahmed El Agamy mp3 surah Al-Waqiah Ahmed El Agamy](https://i.pinimg.com/564x/b1/9f/03/b19f03a9f2f09c46afbfd4f03727aee7.jpg)
![surah Al-Waqiah Bandar Balila mp3 surah Al-Waqiah Bandar Balila](https://i.pinimg.com/564x/3e/27/fa/3e27fa5bbbd4d19ee2f4b4975224913e.jpg)
![surah Al-Waqiah Khalid Al Jalil mp3 surah Al-Waqiah Khalid Al Jalil](https://i.pinimg.com/564x/9b/26/36/9b2636f5bbf7ef72abdb817018e96a4d.jpg)
![surah Al-Waqiah Saad Al Ghamdi mp3 surah Al-Waqiah Saad Al Ghamdi](https://i.pinimg.com/564x/85/27/cf/8527cf694f379425e43b9a4fe54b6cfb.jpg)
![surah Al-Waqiah Saud Al Shuraim mp3 surah Al-Waqiah Saud Al Shuraim](https://i.pinimg.com/564x/ad/79/67/ad79679d76062df7166c6e2f52d397d6.jpg)
![surah Al-Waqiah Abdul Basit Abdul Samad mp3 surah Al-Waqiah Abdul Basit Abdul Samad](https://i.pinimg.com/564x/52/95/ae/5295ae7c08e4ebdc7eda3ddb5c6c0a19.jpg)
![surah Al-Waqiah Abdul Rashid Sufi mp3 surah Al-Waqiah Abdul Rashid Sufi](https://i.pinimg.com/564x/80/56/ee/8056ee030160e5c7216811b7b209343c.jpg)
![surah Al-Waqiah Abdullah Basfar mp3 surah Al-Waqiah Abdullah Basfar](https://i.pinimg.com/236x/f5/7b/a1/f57ba14ba4844cee88cdf7cfb2b06510.jpg)
![surah Al-Waqiah Abdullah Awwad Al Juhani mp3 surah Al-Waqiah Abdullah Awwad Al Juhani](https://i.pinimg.com/564x/aa/4d/0b/aa4d0b16c5fbc41efcd692947a4d75ad.jpg)
![surah Al-Waqiah Fares Abbad mp3 surah Al-Waqiah Fares Abbad](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/2b/28/ae/2b28aef3f9678b7cd89315d5ffceba2f.jpg)
![surah Al-Waqiah Maher Al Muaiqly mp3 surah Al-Waqiah Maher Al Muaiqly](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/ab/cc/99/abcc9949d0419ef1f0963a54aef06397.jpg)
![surah Al-Waqiah Al Minshawi mp3 surah Al-Waqiah Muhammad Siddiq Al Minshawi](https://i.pinimg.com/564x/21/76/8d/21768d297bd3460f7339b7b755f53d03.jpg)
![surah Al-Waqiah Mahmoud Khalil Al Hosary mp3 surah Al-Waqiah Al Hosary](https://i.pinimg.com/564x/3f/da/7e/3fda7ed5056347e700cac64d07e164c3.jpg)
![surah Al-Waqiah Mishari Al-afasi mp3 surah Al-Waqiah Al-afasi](https://i.pinimg.com/564x/0a/40/9e/0a409ef09a55700877c20d7195fe9126.jpg)
![surah Al-Waqiah Yasser Al Dosari mp3 surah Al-Waqiah Yasser Al Dosari](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/32/3e/17/323e173f4833680898f51240bedd4973.jpg)
Donnez-nous une invitation valide