Suuratu An-Nur
64 Aayah · Medinan · Oromo
bismillah
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
(Isheen kun) suuraa Nuti ishee buufnee, dirqama ishee taasifnee, akka gorfamtanuuf jecha ishee keessattis keeyyattoota ifa ta’an buufneedha
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
Dubartii (gaa’ilaan dura) sagaagaltuufi dhiira (odoo hin fuudhin) sagaagalus tokko tokkoon isaanii rukuttaa dhibba isaan rukutaaYoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taataniif, amantii (adaba yookiin haddii) Rabbii keessatti isaan lamaaniif garaa laafuun isin hin qabatinadabbii isaan lamaaniis gareen mu’uminoota irraa ta’e itti haa hirmaatu
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
Dhiirri sagaagalaan sagaagaltuu yookiin dubartii mushrika taate malee hin fuudhuDubartiin sagaagaltuunis dhiira sagaagalaa yookiin dhiira mushrika ta’e malee namni biraa ishee hin fuudhuSun mu’uminoota irratti dhorgamee jira
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
Isaan dubartoota kabajaa ofii eegan sagaagalummaan maqaa isaanii xureessanis, ergasii ragaa afur fiduu hin dandeenye, rukuttaa saddeettama isaan rukutaaRagummaa isaaniis gonkumaa irraa hin fuudhinaaIsaan sun isaanumatu finciltoota
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
Isaan sana booda tawbatanii, tolchan malee(Isaan sanaaf) dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
Isaan odoo lubbuu isaanii malee ragaan isaaniif hin jirre niitiwwan isaanii sagaagalummaan maqaa xureessanis, kakuun tokkoo isaanii ‘inni dhugaa dubbattoota irraayi’ jechuun yeroo afur Rabbiin kakachuudha
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
(Ragaan) shaneessituunis yoo inni namoota sobaan maqaa ishee xureessan irraa ta’e, ‘abaarsi Rabbii isa irra haa jiraatu’ jechuun kakachuudha
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
“Inni sobdoota irraayyi” jettee yeroo afur Rabbiin kakachuutu adabbii (addunyaa) ishee irraa deebisa
ﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
(Ragaan) shanessituus ‘yoo inni (dhiirsi ishee) namoota dhugaa jedhan irraa ta’e abaarsi Rabbii ishee irra haa jiraatu’ jechuudha
ﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, (silaa Rabbiin isin adabbii ture)Dhugumatti, Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, ogeessa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
Dhugumatti, isaan (Aa’ishaa iratti) soba fidan garee isin irraa ta’aniidhaIsa isiniif hamtuu hin seinaaInumaa inni isiniif caalaadhaNama isaan irraa ta’e hundaafuu, hamtuu irraa wantuma inni carraaqqatetu isaaf jiraIsa isaan irraa (soba) guddaa baadhate immoo adabbii guddaa taetu isaaf jira
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
Maaliif yeroo isa (soba kana) dhageessan, mu’uminoonni dhiiraas ta’ee kan dubaraa, ofii isaaniitiif toltuu yaadanii “Kun soba ifa bahaadha” jechuu dhaban
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
Maaliif isa irratti ragaalee afur fiduu dhiisan? Eega ragootaan hin dhufin, isaan sun Allaah biratti sobdoonni isaanuma
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
Odoo tolaafi rahmanni Allaah addunyaa kanaafi Aakhiraa isin irra jiraachuu baatee, silaa waan isin waa’ee isaa odeessitaniif adabbii guddaatu isin tuqa ture
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
Yeroo isin arraba keessaniin olola isaa ooftanii, afaan keessaniinis waan sirritti hin beekne jettanii, odoo inni Rabbiin biratti guddaa ta’ee jiruu isin waan laafaa isa seetan san (adabni guddaan isin tuqa ture)
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
Sila yeroo isa (soba kana) dhageessan “waa’ee kanaa dubbachuun nuuf hin malu(Yaa Rabbi!) Ati qulqulloofte! Kun soba guddaadha” maaliif hin jenne
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
Yoo muimintoota taataniif akka isin (gocha) kana fakkaatutti gonkumaa hin deebine Rabbiin isin gorsa
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
Allaah’n keeyyattoota Isaa isiniif ibsaRabbiinis beekaa, ogeessa
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈ
Dhugumatti, isaan gochi fokkataan isaan amanan keessatti tamsa’uu jaallatan, isaaniif addunyaafi Aakhiraa keessatti adabbii laalessaa ta’etu (isaaniif) jiraRabbumatu beeka; isin hin beektanu
ﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒ
Odoo tolaafi rahmanni Allaah isin irra jiraachuu baatee, ammaas odoo Rabbiin mararfataa rahmata godhaa ta’uu baatee, (silaa isin adabbii ture)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
Yaa warra amantan! Tarkaanfiiwwan shayxaanaa hin hordofinaaNamni tarkaanfiilee shayxaanaa hordofe, inni (sheyxaanni) gocha fokkataafi gocha jibbamaa ta’anitti ajajaOdoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa tokkoon keessanis gonkumaa badii irraa hin qulqullooftanu tureGaruu Rabbiin nama fedhe ni qulqulleessaRabbiin dhaga’aa, beekaadha
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
Isin irraa namoonni tolaafi qabeenyaan badhaadhan firoota isaanii, hiyyeeyyiifi namoota karaa Rabbii keessatti godaananiif kennuu diduu irratti hin kakatinDhiifama haa godhanu; namaafis irra haa dabranuSila Rabbiin isiniif araaramuu hin jaallattanuu? Allaahnis araaramaa, rahmata godhaadha
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
Dhugumatti, isaan dubartoota tikfamoo, sagaagalummaa irraa dagatoofi mu’uminoota ta’an maqaa xureessan, addunyaafi Aakhiraattis abaaramaniiruIsaaniif adabbii guddaatu jira
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
Guyyaa Arrabni isaanii, harki isaaniitiifi miilli isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’an (adabamu)
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
Guyyaa san Rabbiin mindaa (hojii) isaanii kan dhugaa guutee isaaniif kennaIsaanis Rabbiin dhugaa, ifa baasaa ta’uu ni beeku
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
Dubartoonni badoon dhiirota badoofi, dhiironni badoonis dubartoota badoof ta’uDubartoonni gaariin dhiirota gaariifi, dhiironni gaggaariinis dubartoota gaariifiIsaan sun waan isaan jedhan irraa qulqulleeffamoodhaIsaaniif araaramaafi kennaa gaarii ta’etu (Jannatatu) jira
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
Yaa warra amantan! Mana keessan hin ta’in hanga hayyamsiifattaniifi abbootii isaanii nagaa gaafattanitti hin seeninaaAkka gorfamtaniif jecha santu isiniif caala
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
Yoo ishee keessatti nama tokkos arguu baattan, hanga isiniif hayyamamutti ishee hin seeninaaYoo deebi’aa isiniin jedhames deebi’aaSantu isiniif irra qulqulluudhaRabbiinis waan isin dalagdan hunda beekaadha
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
Mana namni keessa hin jiraanne kan ishee keessa meeshaan keessan jiru (hayyama malee) yoo seentan badiin isin irra hin jiruRabbiin waan isin mul’iftaniifi waan isin dhoksitanis ni beeka
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
Mu’uminootaan “(ija keessan gadi qabadhaa)” jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaama saalaa isaaniis ni tikfatuSantu isaaniif irra qulqulluudhaDhugumatti, Rabbiin keessa beekaa waan isaan dalaganiiti
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃ
Dubartoota mu’uminootaatiinis “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaama saalaa isaaniis ni tikfatu“Faaya isaaniis isa isaan irraa ofiin mul’ate malee hin mul’isinaa; haguuggaa isaanii qoma isaaniitti haa uffisanu; miidhagina qaama isaanii dhiirsa isaanii, yookiin abbootii isaanii, yookiin abbootii dhiirsa isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin ilmaan dhiirsa isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleettiiwwan isaanii, yookiin dubartoota isaanii (mu’uminoota ta’an), yookiin gabroota too’annaa isaanii jala jiran, yookiin tajaajiltoota dhiira irraa ta’an kan fedhii hin qabne ta’aniifi yookiin ijoollee qaama saala dubartootaa irratti hin mul’atinitti (hin beekinitti) malee miidhagina isaanii hin mul’isinMiidhagina isaanii irraa wanti isaan dhoksan akka beekamuuf jecha miila isaaniitiin dachii hin dhiitinYaa mu’uminootaa! Akka milkooftaniif jecha hundi keessanuu gara Rabbiitti tawbaa deebi’aa.” jedhiin
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
Isin irraas konfoleysa (dhiiraas ta’ee dubaratii hin fuudhin) fuusisaaGabroota keessan kan dhiiraatiifi dubartootaa irraas ta’an isaan gaggaarii (fuusisaa)Yoo hiyyeeyyii ta’anis Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsaRabbiin dureessa, beekaadha
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
Isaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti, kabajaa ofii haa eeggatanGabroota too’annaa keessan jala jiran gidduus yoo isaan keessatti toltuu beektan, isaan barreeffama (beellamaan bilisoomuu) barbaadaniif, barreessaaQabeenya Rabbii kan Inni isiniif kenne irraas isaaniif kennaaShamarran gabrootaa keessan yoo isaan kabajaa ofii eeguu fedhan isin bu’aa jireenya addunyaatiif jecha, sagaagalummaa irratti isaan hin dirqinaaNamni isaan dirqe, dhugumatti Rabbiin erga isaan dirquutii (isaanif) araaramaa, rahmata godhaadha
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
Dhugumatti, Nuti keeyyattoota ifa ta’aniifi fakkeenya warra isin dura dabranii irraas, akka warra Rabbiin sodaataniifis gorsa ta’aniif jecha gara keessanitti buufnee jirra
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
Rabbiin ifaa samiifi dachiitiFakkeenyi ifa Isaa akka foddaa ibsaan ishee keessa jiruutiIbsaan sun immoo birillee keessa jiraBirillichis akka urjii calaqqisaa muka barakeeffamtuu, zeytuunaa irraa taate, kan kallattii bahaas ta’ee, dhihattiis hin ta’in, kan zeytiin ishee odoo ibiddi isa tuquu baattellee ifuutti dhihaatu kan fakkaattuudha(Kana jechuun) ifaa ifaa irraati ta’ee dha! Rabbiin nama fedhe gara ifaa Isaatti qajeelchaAmmas Rabbiin namootaaf fakkeenyota taasisaRabbiin waan hunda beekaadha
ﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐ
Manneen (masjiidoota) kabajamuufi maqaan Allaah ishee keessatti dubbatamuutti (faarfamuutti) Rabbiin ajaje keessatti, ishee keessatti ganamaafi galgalas Isa qulqulleessu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
Dhiironni daldalas ta’ee gurgurtaan yaadannoo Rabbii irraa, salaata dhaabuufi zakaa kennuu irraa isaan hin dagnetu guyyaa isa keessa onneefi ijji gara gaggaltu kan sodaatan ta’anii (ishee keessatti Rabbiin qulqulleessu)
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
Akka Rabbiin irra gaarii waan isaan dalaganii isaaniif galata galchee, tola Isaa irraas isaaniif dabaluuf (Isa sodaatu)Rabbiin nama fedhe herrega malee soora
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
Warri kafaran dalagaaleen isaanii akka siribii dirree keessa jirtuu, kan dheebotaan bishaan isa se’uutiYeroo isa bira ga’e homaa ta’uu isaa dhabe; Allaah of biratti argee (Rabbiin) galata isaa guutee isaaf galcheetiRabbiin saffisaa herregaati
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
Yookiin akka dukkana galaana gadi fagoo ta’e keessa jiru, kan danbaliin gubbaa isaa danbaliin (biraa) jiru kan isa gubbaa duumessi jiru haguuguuti(Isheen kun) dukkana gariin ishee garii gubbaa jirtuudha; yeroo harka isaa baase argutti hin dhihaatuNamni Allaahn ifaa isaaf hin taasisin, ifaan homaatuu isaaf hin jiru
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
Sila dhugumatti Allaah wanti samiifi dachii keessa jiraniifi allaattiinis koola (qoochoo) isaanii diriirsanii akka Isa qulqulleessan (faarsan) hin arginee? Hunduu dhugumatti, Isaaf sagaduufi Isa qulqulleessuus beekaniiruRabbiin waan isaan dalagan beekaadha
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
Mootummaan samiifi dachii kan AllaahtiDeebiinis garuma Allaahti
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚ
Sila Allaahn duumessa oofee, ergasii gidduu isaa walitti qabee, ergasii tuulamaa isa taasisuu hin arginee? Sana booda bokkaa gidduu isaatii kan ba’u argitaAkkasumas samii irraa gaara ishee keessatti ta’e kan cabbii irraa ta’e irraa (cabbii) buuseeti, nama fedheen tuqee, nama fedhe irraas isa deebisaIfti hangaasuu isaa ija balleessutti dhihaata
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
Rabbiin halkaniifi guyyaa gara gaggalchaDhugumatti, kana keessa namoota hubannoo qabaniif gorsatu jira
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
Allaahn wantoota lubbuu qaban hunda bishaan irraa uumeIsaan irraa warra garaa isaaniitiin deeman (looyan)tu jiraIsaan irraas warra miila lamaan deemantu jiraIsaan irraas warra (miila) afuriin deemantu jiraRabbiinis waan fedhe uumaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
Nuti dhugumatti keeyyattoota ifa ta’an buufnee jirraRabbiinis nama fedhe gara karaa sirrii qajeelcha
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
(Munaafiqoonni) “Allaahfi ergamaatti amanne; ajajamnes” jedhaniiti, ergasii gareen isaan irraa ta’e sana booda garagalaIsaan sun, mu’uminoota miti
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
Yeroo akka gidduu isaaniitti murteessuuf gara Allaahfi ergamaa Isaatti waamamanis, gareen isaan irraa ta’e yoosuu garagaloodha
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
Yoo dhugaan isaaniif jiraate immoo ariifatoo ta’anii gara isaa (ergamaa) dhufu
ﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
Sila onnee isaanii keessa dhukkubni jiramoo, Rabbiifi ergamaa Isaatu dabaan (haqa malee) isaan irratti murteessaa sodaatu? Lakkii; isaan isaanumatu miidha raawwattoota
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
Jechi Mu’uminootaa yeroo akka gidduu isaaniitti murteessuuf gara Rabbiifi ergamaa isaatti waamaman “dhageenye; ajajamnes” jechuu qofaIsaan sun milkaa’oon isaanuma
ﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃ
Namni Allaahfi ergamaa Isaa tole jedhee, Allaaha sodaatee, Isas sodaate, isaan sun isaanumatu milkaa’oodha
ﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙ
Yoo (duulaaf) bahuutti isaan ajajje, dhugumatti, akka ba’an kakuu isaanii cimaa Rabbiin kakatu“Hin kakatinaa, ajajamuu beekamaatu (isiniif caalaa dha)” jedhiinDhugumatti, Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
Jedhi: “Rabbiif ajajamaa; akkasuma ergamaafis ajajamaaYoo duubatti deebitan, kan isa irra jiru dirqama isa irra kaa’ame qofaIsin irras waanuma baachifamtan qofatu jiraYoo isaaf ajajamtan ni qajeeltuErgamaa irra kan jiru (itti kenname) ifaan ifatti geessuu qofa
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
Rabbiin isin irraa warra amananii, gaggaarii hojjatan akkuma warra isaan duraa (dachii irratti) bakka buusee ture, dachii irratti bakka isaan buusuuf jira‘Amantii isaaniif jaalate isaaniif mijeessee, erga sodaa isaaniitii nagayatti isaaniif jijjiiraa’ waadaa galeeraOdoo humaa natti hin qindeessin Ana qofa gabbaru (waadaa gale)Sana booda warri kafare, isaanumatu finciltoota
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
Akka rahmanni isiniif godhamuuf jecha, salaata (sirnaan) sagadaa; zakaas kennaa; ergamaafis ajajamaa
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
Isaan kafaran dachii keessatti waan miliqan hin se’inTeessoon isaaniis ibidda ta’aDeebichi waa fokkate
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
Yaa warra amantan! Isaan (gabroonni) mirgi keessan dhuunfatteefi isin irraa isaan umrii saalfii (gaa’ilaa) hin ga’in yeroo sadi hayyama isin haa gaafatanu: salaata fajrii dura, yeroo walakkaa guyyaa ho’aaf uffata keessan baafattaniifi salaata ishaa’ii boodaYeroo sadi kan isin qullaa baataniidhaIsaan kanaan ala gariin keessan garii irra yoo naanna’an, isin irras ta’ee isaan irra diliin hin jiraatuAkka kanatti Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif addeessaAllaahn beekaa, ogeessa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
Ijoolleen isin irraa ta’an yeroo umrii gaa’ilaa ga’an, akkuma warri isaaniin duraa hayyamsiifataa turanitti haa hayyamsiifatanuAkka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif ibsaRabbiin beekaa, ogeessa
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
Dubartoonni manguddooman kan heeruma hin kajeelle odoo miidhagina isaanii hin saaxilin uffata isaanii (kan gubbaa) lafa kaa’uu keessatti badiin isaan irra hin jiruGaruu tikfamuutu isaaniif irra caalaAllaahn dhaga’aa, beekaadha
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
(Namaa wajjin nyaachuu keessatti) Jaamaa irra rakkinni hin jiruNaafa (hokkolaa) irrattis rakkinni hin jiruDhukkubsataa irraas rakkinni hin jiruIsin irrattiis mana keessan irraa, yookiin manneen abbootii keessanii irraa, yookiin manneen haadholii keessanii irraa, yookiin manneen obboleeyyan keessan dhiiraa irraa, yookiin manneen obboleettiwwan keessanii irraa, yookiin manneen wasiila (abbeeraawwan) keessanii irraa, yookiin manneen adaadota keessanii irraas, yookiin manneen eessumman keessanii irraas yookiin manneen haboowwan (aaddee) keessanii irraa, yookiin waan furtuun isaa harka keessan jiru irraa, yookiin (mana) hiriyyaa keessanii irraa nyaachuu keessatti rakkinni isin irra hin jiruWalii wajjinis ta’ee adda addaan nyaachuu keessatti badiin isin irra hin jiraatuYeroo manneen seentan of irratti nagaa buusaaKabajaa Rabbi biraa taate, barakeeffamtuu, qulqulluu taate (of irratti buusaa)Akka kanatti akka xiinxaltaniif Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif ibsa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
Mu’uminoonni dhugaa, isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, yeroo isaa wajjin dhimma walitti qabaa ta’e irratti ta’an, hanga isa hayyamsiifatanitti achii hin deemneedhaDhugumatti, isaan si hayyamsiifatan, isaan sun warra Rabbiifi ergamaa Isaatti amananiidhaKanaafuu yeroo garii dhimma isaanitiif si hayyamsiifatan, isaan irraa nama feetef hayyami; Rabbi irraas araarama isaaniif kadhuDhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
Waamicha ergamaa (Rabbii) gidduu keessanitti akka gariin keessan garii waamu hin taasisinaaDhugumatti, Rabbiin isaan isin irraa dhokatanii luqqa’an (ba’an) ni beekaKanaafuu isaan ajaja isaa (nabiyyii) faallessan rakkoon wahii isaan tuquu, yookiin adabbiin laalessaan isaan tuquu of irraa haa eeganu
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
Dhagayaa! Dhugumatti, wanti samiifi dachii keessa jiran kan RabbiitiDhugumatti, Inni waan isin irra jirtan ni beekaGuyyaa gara Isaa deebi’anis waan isaan dalagan itti odeessaRabbiin waan hunda beekaadha

Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers