PDF —
77 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Furqan pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Furqan pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Furqan Hiikkaa. Suuratu Al-Furqan (Meccan) 77 Aayah.

← An-NurSuuratu Al-Furqan Ash-Shu'ara →


77 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝ
25:1 Inni furqaaniin (Qur’aana) akka aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf jecha gabricha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’atte
ﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
25:2 [Inni] Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf ta’e; ilmas kan hin godhatin; kan mootummaa [isaa] keessattis hiriyaan Isaaf hin jirreefi waan hundaa uumee akka isaaniin maluun sirreesse
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
25:3 Isaa gaditti gooftolee homaa hin uumne kan isaanuu uumamanu, kan of irraa miidhaa deebisuu ta’ee bu’aa fiduu hin dandeenye, ajjeesuu, jiraachisuufi du’a irraa kaasuus hin dandeenye [gabbaramoo] godhatan
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
25:4 Warri kafaran “kun soba inni (Muhammad) of irraa uumeefi namoonni biraa irratti isa gargaaran malee waan biraatii miti” jedhanDhugumatti isaan miidhaafi cubbuu rawwatanii jiru
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
25:5 “(Kun) hogbarruu warra durii ishee barreessisee isheenis ganamaafi galgala isa irratti dubbifamtuudha” jedhan
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
25:6 ”Isa samiifi dachii keessatti iccitii [hunda] beekutu isa buuse” jedhiDhugumatti, Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta’eera
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
25:7 Isaanis “kan nyaata nyaatuufi magaalota keessa adeemu kun ergamaa akkamiiti? Sila maaliif maleykaan gara isaa buufamanii isaa wajjin dinniinaa hin taane” jedhan
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
25:8 ”Yookiin immoo maaliif qabeenyi guddaan wahii gara isaatti hin darbamne? Yookiin ashaakiltii ishee irraa nyaatu maaliif isaaf hin taane?” (jedhu)Miidhaa hojjatoonnis “isin nama falfalli itti hojjatame malee [nama fayyaa] hordafaa hin jirtan” jedhan
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
25:9 Akka isaan fakkeenya siif godhanii jallatanii karaa sirrii [argachuu] hin dandeenye ilaali (xiinxali)
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
25:10 Inni (Rabbiin) yoo fedhe waan san irra caalu, Jannata jala ishee laggeen yaatu siif godhee gamoowwanis siif godhu toltuun isaa baay’ate
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
25:11 Dhugumatti isaan Qiyaamaa ni sobsiisanNama Qiyaamaa sobsiiseefis ibidda boba’aa qopheessinee jirra
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
25:12 Yeroo iddoo fagoo irraa isaan argite dallansuufi halaaka (iyya akka harree) isheef ni dhagahu
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
25:13 Yeroo takaalamanii (harki isaanii morma isaaniitti hidhamee) ishee irraa iddoo dhiphootti darbamanis achitti badii waammatan
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
25:14 “Har’a badii tokko qofa hin waaminaatii badii hedduu waamaa” [hin argattanu isaaniin jedhama]
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
25:15 ”Sila kanatu caalamoo Jannata yeroo hundaa ishee warri Rabbiin sodaatan baallamamantu caala?” jedhiinIsheen isaaniif mindaafi itti gala taateetti
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
25:16 Kan keessatti hafan ta’anii ishee keessatti wanta fedhan hundatu isaaniif jira; [Kunis] gooftaa kee irratti waadaa kadhatamaa (kan mu’uminoonni duraan Rabbiin kadhatan) ta’eera
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
25:17 Guyyaa Rabbiin isaaniifi wantoota isaan Rabbii gaditti gabbaran walitti qabee “sila gabroota kiyya kanneen isintu jallisemoo isaanumatu karaa bade?” jedhu san [yaadadhu]
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
25:18 [Isaanis] “[yaa Rabbi!] Ati qulqulloofte! Sii gaditti gargaartota (jaalalleewwan) godhachuun kan nuuf malu hin taane; Garuu hanga gorsa [kee] dagatanii ummata bade ta’anitti Ati isaaniifi abbootii isaaniis qanansiifte” jedhan
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
25:19 Dhugumatti, waan isin jettan keessatti isin sobsiisaniiruKanaafuu [adabbii Rabbii] deebisuus ta’ee [warra adabbiin tuquuf] tumsuu hin dandeessanNama isin irraa miidhaa hojjates adabbii guddaa isa dhandhamsiifna
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
25:20 Siin durattis ergamoota irraa kan nyaata nyaataniifi magaalota keessa deeman taasifnee malee hin ergine; garii keessan gariidhaaf mokkoroo taasifne; ni obsituu? Gooftaan kee [waan hunda] argaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
25:21 Warri qunnamtii keenya hin sodaanne “sila maaliif Maleykonni nutti hin buufamne? yookiin maaliif Gooftaa keenya hin argine?” jedhanDhugumatti, isaan lubbuu isaanii keessatti boonaniiru; jallina guddaas jallataniiru
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
25:22 Guyyaa isaan Maleykota argan, guyyaa san jallattootaaf gammachuun hin jiru[Maleykonnis] “(gammachuun kamillee isin irratti) dhorgamiinsa dhorgamaadha[]” jedhu
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
25:23 Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee faca’aa isa goone
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
25:24 Warri Jannataa guyyaa san iddoo jireenyaa keessatti akkaan caalaa; iddoo boqonnaattis akkaan miidhagaadha
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
25:25 Guyyaa samiin duumessaan dhodhootuufi Maleykonni[] bu’iinsa buufamanis [yaadadhaa]
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
25:26 Mootummaan dhugaa guyyaa san kan RahmaaniInni guyyaa kaafiroota irratti cimaa ta’eedha
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
25:27 Guyyaa miidhaa hojjattoonni “yaa badii koo! odoon Ergamichaa wajjiin karaa sirrii qabadhee” jedhee [gaabbiidhaan] harka isaa lamaan ciniinu [yaadadhaa]
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
25:28 ”Yaa badii kiyya! Odoon ebaluun jaalallee onnee taasifachuu baadhee maal qaba
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
25:29 Dhugumatti, gorsa irraa erga inni natti dhufee booda na jalliseera.” Sheyxaanni namaaf salphisaa ta’eera
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
25:30 Ergamichis “Yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni kiyya Qur’aana kana dhiifamaa (oodamaa) taasifatan” jedhe
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
25:31 Akkuma kana nabiyyii hundaafuu jallattoota irraa diina isaaniif gooneKaraa irratti qajeelchuufi [Mu’uminaaf] tumsuu irratti Rabbiin kee ga’aadha
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
25:32 Isaan kafaran ni jedhan: “Maaliif Qur’aanni hundi al tokko isarratti hin buufamin?” Akka kanatti onnee kee isaan gadi dhaabuuf jecha (adda addaan buufne)Suuta suutaan isa ibsine
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
25:33 Yoo [deebii] dhugaafi kan hiikti isaa gaarii ta’e siif kennine malee gaaffiidhaan sitti dhufanii hin hafan
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
25:34 [Isaan] warra fuula isaanii irratti gara jahannam oofamaniidhaIsaan warra iddoo hamaa qubataniifi karaas jallataniidha
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
25:35 Dhugumatti, Nuti Muusaaf kitaaba (Tawraatiin) kenninee Obboleessa isaa Haaruuniinis isa waliin deeggaraa taasifnee jirra
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
25:36 ”Gara warra keeyyattoota keenya sobsiisanii deemaa” isaaniin jenneAchumaan [ergamaan lamaan sobsiifnaan] balleessuu isaan balleessine
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
25:37 Ummata Nuuhis yeroma isaan ergamoota sobsiisan isaan dhidhimsinee namootaafis mallattoo isaan taasifneMiidhaa raawwattootaafis adabbii laalessaa qopheessineerra
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
25:38 [Ummata] Aad, Samuud, warra Eelaa[]fi jaarrota baay’ee jidduu sana jiranis (balleesinee jira)
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
25:39 Hunda isaanitiif fakkeenyota taasifnee jirraHunda isaaniis barbadeessuu barbadeessinee jirra
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
25:40 Dhugumatti, isaan Magaalattii Roobni hamaan itti roobe irra qaxxaamuraa turaniiruSila isaan kan ishee argan hin taanee [maaliif hin gorfamne]? Dhugaatti kaafama [Qiyaamaa] kan sodaatan hin taane
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
25:41 Yeroo si arganis “Isa kanaa inni Rabbiin ergamaa taasisee erge” jechuun qishnaa malee waan biraa si hin taasifatanu
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
25:42 ”Odoo nuti isaan [gabbaruu] irratti obsuu baannee, silaa (Muhammad) gabbaramtoota keenya irraa nu jallisuutti dhihaatee ture” (jedhu)Fuulduratti yeroo adabbii argan immoo namni karaa bade eenyuun akka ta’e beekuuf jiru
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
25:43 Sila nama gabbaramaa isaa fedhuma lubbuu isaa taasifate hin arginee? Sila ati isa irratti tiksaa (eegaa) taataa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
25:44 Sila ati irra baay’een isaanii ni dhaga’u yookiin (waan itti himame) ni hubatu jettee yaaddaa? Isaan akka beyladaa malee waan biraa hin taaneInumaa isaan (horii) irra karaa jallatoodha
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
25:45 Sila gara Gooftaa keetii akkamitti Gaaddisa akka diriirse hin ilaallee?[] Odoo fedhees turaa isa taasisa tureErgasii Aduu (jiraachuu) isaa (gaaddisaa) irratti ragaa taasifne
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
25:46 Ergasiis qabiinsa suuta suutaa gara keenyatti isa (gaaddisa) qabne (hir’isne)
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
25:47 Inni (Rabbiin) Isa halkan uffata, hirriba immoo boqonnaa isiniif taasiseefi Guyyaas yeroo olii gadi sochootan taasiseedha
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
25:48 Ammas Inni Isa rahmata (bokkaa) isaa dura qilleensa gammachiisaa godhee ergeedhaSamii irraas bishaan qulqulluu buusne
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
25:49 Akka dachii duute isaan jiraachisnuufi waan uumne irraa horiifi namoota baay’ee isa obaasnuuf [Samii irraa rooba buufne]
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
25:50 Dhugumatti, akka gorfamaniif jecha gidduu isaaniitti isa raabsinee jirraIrra hedduun namaas kafaruu malee [amanuu] ni didan
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
25:51 Odoo feenee magaalota hunda keessatti akeekkachiisaa ni ergina ture
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
25:52 Kaafirootaaf hin ajajaminii isaan (Qur’aana kanaan) qabsoo guddaa isaan irratti qabsaa’i
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
25:53 Inni Isa galaana lama, tokko mi’aayaa dhugaatiif mijaa’uu, kaan immoo soogiddoo kuraawaa ta’e, wal maddii qabee gadi dhiisee jidduu isaan lamaanittis dawoofi daangaa daangeffamaa taasiseedha
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
25:54 Ammas Inni Isa bishaan irraa nama uumee ergasii fira (sanyii)fi soddaa tasiseedhaGooftaan kee danda’aa ta’e
ﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈ
25:55 Rabbii gaditti waan isaan hin fayyadneefi hin miine gabbaruKaafirri Gooftaa isaa irratti deeggaraa [sheyxanaa] ta’eera
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
25:56 Nutis gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine
ﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
25:57 Jedhi: “Isa irratti mindaa isin hin gaafadhu; garuu namni karaa gooftaa isaa qabachuu fedhe [haa saddaqatu].”
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
25:58 Jiraataa Isa hin duune irratti hirkadhuFaarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessiBadii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
25:59 Inni Samiifi Dachii, akkasumas waan isaan lamaan gidduu jiran (hunda) guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (haala isaaf maluun) ol ta’e; (Inni) RahmaaniKanaaf haala keessa beekaa ta’een isa gaafadhu
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
25:60 [Yeroo Rahmaaniif sujuuda godhaa jedhaman “Rahmaan immoo maali? Waanuma isin nu ajajjan hundaaf sujuuda goonaa?” jedhuKunis Rabbirraa] fagaachuu isaaniif dabale
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
25:61 Inni Samii keessatti buruuja[] taasisee ishee keessattis (biiftuu) ifaafi ji’a ibsaa taasise khayriin Isaa baay’ate
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
25:62 Inni Isa halkaniifi guyyaa namoota gorfamuu fedhaniif yookiin galata galchuu fedhaniif wal irraa bakka bu’aa taasiseedha
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
25:63 Gabroonni Rahmaan isaan suutaan Dachii irra deeman; yeroo wallaaltonni isaan dubbisanis “Salaaman” (nagaa) jedhanuudha
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
25:64 Isaan Gooftaa isaaniitiif sujuuda godhaa; dhaabbataa bulaniidha
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
25:65 Ammas warra jedhani: “(yaa) Gooftaa keenya! adabbii jahannam nurraa deebisi; dhugumatti adabbiin ishee kan nama irraa hin deemneedha
ﯲﯳﯴﯵﯶ
25:66 Dhugumatti, isheen iddoo qubannaafi jireenyaa ta’uun fokkattee jirti.”
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
25:67 Ammas (gabroonni Rabbii) isaan yeroo arjooman karaa malee hin balleessineefi hin donnoomne kan gidduu kanatti (kennaan isaanii) sirrii ta’eedha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
25:68 Ammas isaan Rabbii wajjin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin ajjeesuu haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefneefi hin sagaagalleedhaNamni (hojii gadhee) kana raawwate, adabbii qunnama
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
25:69 Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifamaIsa keessa salphifamaa ta’ee yeroo hunda jiraatas
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
25:70 Nama tawbateefi amanee dalagaa gaarii hojjate maleeIsaan sun Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiiraafRabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
25:71 Namni tawbateefi gaarii hojjate, inni dhugumatti tawbaa gaarii gara Rabbiitti deebi’ee jira
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
25:72 Ammas (gabrooni Rabbii) isaan ragaa cubbuu hin baaneefi yeroo tapha bira qaxxaamuranis kabajaadhaan qaxxaamuraniidha
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
25:73 Ammas isaan yeroo keeyyattoota Gooftaa isaanitiin yaadachiifaman [kan hubataniifi fudhatan ta’anii malee] duudaafi jaamaa ta’anii ishee irratti hin kufneedha
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
25:74 Ammas warra “Gooftaa keenya! Niitolii keenyaafi sanyii keenyas gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenniWarra Rabbiin sodaataniifis imaama (dursaa) nu taasisi” jedhanuudha
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
25:75 Isaan sun waan obsaniif jecha (Jannata keessatti) iddoo ol aanaa ta’e (gamoo) mindeeffamuIshee keessattis kabajaafi nageenya qunnamu
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
25:76 Ishee keessa yeroo hunda jiraatuIsheen iddoo qubannaafi jireenyaa kan akkaan miidhagdeedha
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
25:77 Jedhi: “Odoo kadhaan (Iimaanni) keessan jiraachuu baatee, silaa Gooftaan kiyya homattuu isin hin lakkaa’u tureDhugumatti isin sobsiiftanii jirtuKanaaf adabbiin (isiniif qophaa’e) kan yeroo hunda isin waliin jiraatu ta’a.”

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers