Suuratu As-Saff
PDF —
Built right in your browser — download starts automatically
Suuratu As-Saff pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu As-Saff pdf Oromo — Buufi Suuratu As-Saff Hiikkaa. As-Saff (Medinan) 14 Aayah.
Related
- As-Saff HiikkaaOromo
- As-Saff mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu As-Saff

ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesseInnis injifataa ogeessa
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
Yaa warra amantan! Maaliif waan hin hojjanne haasoftu
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
Waan hin hojjanne haasauun keessan jibbaansi isaa Rabbiin biratti guddate
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
Rabbiin warra karaa Isaa keessatti akka ijaarsaa wal qabataa taanii hiriiraan lolan ni jaalata
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
Yeroo Muusaan ummata isaatiin "yaa ummata (kiyya)! Odoo akka ani Ergamaa Rabbii kan gara keessanitti (ergame tauu) sirriitti beektanuu maaliif na rakkiftan?" jedhe [yaadadhaa]Yeroma isaan jallatanu Rabbiin onnee isaanii jalliseRabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
Yeroo Iisaa Ibni Maryam "yaa Banii Israaiil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bue dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad taeen (isin) gammachiisu taee gara keessan ergame" jedhe [yaadadhaa]Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes "kun sihrii (falfala) ifa galaa dha" jedhan
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
Nama odoo gara Islaamaa waamamuu Rabbi irratti kijiba uumee odeesse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Rabbiinis ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
Ifa Rabbii afaan isaaniitiin balleessuu fedhuOdoma kaafiroonni jibbaniiyyuu Rabbiin ifa Isaa ni guuta
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
Inni Isa odoo mushrikoonni jibbanuu, amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii haqaatiin ergeedha
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
Yaa warra amantan! Mee daldala adabbii laalessaa irraa isin baraarsu irratti isin qajeelchuu
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
Rabbiifi ergamaa Isaatti amantu, akkasumas karaa Rabbii keessatti qabeenyaafi lubbuu keessaniin qabsooftuYoo kan beektan taataniif kanatu (waan hunda) isiniif caala
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
(Yoo kana dalagdaniif Rabbiin) badii keessan isiniif araaramaJannatoota laggeen jala ishee yaatus isin seensisaManneen babbareedaa Jannata qubannaa keessattis (isiniif qopheessee jira)Kun milkii guddaadha
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
Waan biraas kan isin jaalattan (isiniif kenna)(Isheenis) tumsa Rabbi irraa taeefi banamuu (Makkaa) dhihoo taeedhaMu’uminootas gammachiisi
ﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚﰛﰜﰝﰞﰟﰠﰡﰢ
Yaa warra amantan! Akkuma Iisaa Ibnu Maryam hawaariyyootaan "(waamicha ani) gara Rabbiitti (godhu irratti) namni na tumsu eenyu?" jennaan hawaariyoonnis "nutu tumsitoota Rabbiiti" jedhan san isinis tumsitoota Rabbii taaaIlmaan Israaiil irraayis gartokkeen amananii gartokkeen kafaranIsaan amanan san diinota isaanii irratti jabeessinaan injifatoo taan
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







