PDF —
135 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Taha pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Taha pdf Oromo — Buufi Suuratu Taha Hiikkaa. Suuratu Taha (Meccan) 135 Aayah.



135 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﭵﭶ
20:1 Xaa haa
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
20:2 (Yaa Muhammad!) Nuti Qur’aana akka ati rakkattuuf sirratti hin buufne
ﭽﭾﭿﮀﮁ
20:3 Nama Rabbiin sodaatu yaadachiisuuf malee
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
20:4 Isa dachiifi samii ol fuudhamoo uume irraa buufamaadha
ﮉﮊﮋﮌﮍ
20:5 Rahmaan Arshii irratti (ol ta’iinsa Isaaf malu) ol ta’eera
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
20:6 Wanti samii, dachiifi gidduu isaan lamaanii jiruufi wanti biyyee jala jiru hundi kan Isaati
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
20:7 Jecha yoo ol fuutes, dhugumatti Inni (Rabbiin) iccitiifi waan isa caalaa dhokates ni beeka
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
20:8 Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiruMaqoonni babbareedoon kan Isaa (qofa)
ﮭﮮﮯﮰﮱ
20:9 Sila oduun Muusaa sitti dhufeeraa
ﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
20:10 Yeroo Ibidda argu maatii isaatin “as taa’aa ani ibiddaan argee, waan irraa qabsiifatanin isinii fida yookiin ibidda biraa nama (karaa irratti) na qajeelchu argachuun kajeelaa” jedhe
ﯦﯧﯨﯩﯪ
20:11 Yeroma gara ishee dhufu “Yaa Muusaa!” (jechuun) itti lallabamee
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
20:12 “Dhugumatti, Ani Gooftaa keeti; kophee kee baafadhu, ati laga qulqulleeffamaa, Xuwaa keessa jirtaa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
20:13 Ani si filadheeraa waan buufamu dhageeffadhu
ﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
20:14 Dhugumatti, Ani Allaahdha; Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru! Ana gabbariYaadannoo kiyyaaf salaatas seeraan salaati
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
20:15 Dhugumatti, Qiyaamaan dhufaa jirtii akka lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtuuf jecha (of irraa) ishee dhoksuuttin dhihaadha
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
20:16 Namni isheetti hin amanin, kan fedhii isaa hordofe ishee irraa gara si hin galchin! (Yoo isa hordofte) ni badda.”
ﭹﭺﭻﭼﭽ
20:17 Yaa Muusaa! Wanti harka mirgaa kee keessa jiru sun maali?”
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
20:18 (Muusaan) ni jedhe: “Isheen ulee kiyya; ishee irrattin hirkadha; Re’ee kiyyaafis isheenin (baala mukaa) harcaasaIshee keessa anaaf dhimmi biraas ni jira.”
ﮌﮍﮎﮏ
20:19 (Rabbiin) ni jedhe: “yaa Muusaa! Ishee darbi.”
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
20:20 Ishee ni darbeYeroma san bofa fiigu taate
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
20:21 (Rabbiin) ni jedhe: “Ishee qabi; hin sodaatinis; haala ishee kan jalqabaatti ishee deebifnaa
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
20:22 Harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansiMallattoo biraa ta’uun dhibee (tokko) malee adii taatee baati.”
ﮫﮬﮭﮮﮯ
20:23 Mallattoolee keenya isaan gugurdoo irraa akka si agarsiifnuuf
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
20:24 Gara Fir’awnaa deemiDhugumatti, inni daangaa dabree jira.”
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
20:25 (Muusaan) ni jedhe: “Yaa Gooftaa kiyya! Qoma kiyya naaf bal’isi
ﯝﯞﯟﯠ
20:26 (Hojii) kiyyaas naaf laaffisi
ﯡﯢﯣﯤﯥ
20:27 Hidhaas (Cabaqas) arraba kiyya irraa hiiki
ﯦﯧﯨ
20:28 Jecha kiyya haa hubatanii
ﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
20:29 Maatii kiyya irraas gargaaraa naaf godhi
ﯯﯰﯱ
20:30 Haaruunuma obboleessa kiyya
ﯲﯳﯴﯵ
20:31 Isaan irree kiyya cimsi
ﯶﯷﯸﯹ
20:32 Dhimma kiyya keessattis isa hirmaachisi
ﯺﯻﯼﯽ
20:33 Akka baay’ee si faarsinuuf
ﯾﯿﰀ
20:34 Akka baay’inaanis si yaadannuuf
ﰁﰂﰃﰄﰅ
20:35 Dhugumatti, Ati nu argaa taateetta.”
ﰆﰇﰈﰉﰊﰋ
20:36 (Rabbiinis) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Dhugumatti, kadhaa kee kennamtee jirta
ﰌﰍﰎﰏﰐﰑ
20:37 Dhugumatti, yeroo biraas si qanansiifnee turre
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
20:38 Yeroo waan beeksifamu gara harmee keetii (wahyii) buufne
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
20:39 Sanduuqa keessa isa (daa’ima) kaayi; laga keessatti isa darbi; Lagichi moggaatti isa darbeeti diinni kiyyaafi diinni isaas isa fudhataJaalala Ana biraa ta’es si irratti darbeera; tika kiyya irratti akka guddattuuf
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
20:40 (Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin kee deemtee ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen [yaadadhu]Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha gara haadha keetiitti si deebifneLubbuus ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa jalaa si baraarree mokkora cimaas si mokkorree jirraErgasii waggaa baay’ee warra Madyan keessa turtee jirtaSana booda yeroo Ani siif murteessetti (bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa
ﮖﮗﮘ
20:41 Anis ofiif si filadheera
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
20:42 Atiifi obboleessi keetis mallattoolee kiyyaan deemaa; zikrii kiyya keessattis isin lachanuu hin laafinaa
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
20:43 Isin lamaanuu gara Fir’awni deemaa; dhugumatti, inni daangaa dabree jira
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
20:44 Akka gorfamuuf yookiin akka sodaachuu sodaatuuf jecha, jecha laafaa (gaarii) isaan jedhaa.”
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
20:45 Isaan lamaan ni jedhan: “Gooftaa keenya! Dhugumatti, nuti adabbii cimaa nu irratti raawwata; yookiin (nurrattis) daangaa darbuu sodaanna.”
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
20:46 (Rabbiin) ni jedhe: “Hin sodaatinaaDhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga’a; nan argas
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
20:47 Isin lachanuu isa bira dhaqaa: ‘Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; ilmaan Israa’iil nu waliin ergi; isaan hin adabinis; dhugumatti, nuti mallattoon Gooftaa kee biraa sitti dhufneNageenyis nama qajeelfama (Rabbii) hordofe irratti’ jedhaanii
ﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈ
20:48 “Dhugumatti, adabbiin nama sobsiisee garagale irratti ta’uun gara keenyatti wahyiin godhameera.”
ﰉﰊﰋﰌﰍ
20:49 (Fir’awn): “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?” jedhe
ﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗ
20:50 (Muusaan) ni jedhe: “Gooftaan keenya Isa (waan hunda) akkaataa uumama isaa isaaf kennee sana booda isa qajeelcheedha.”
ﰘﰙﰚﰛﰜﰝ
20:51 (Fir’awn) ni jedhe: “Haalli ummata darbanii hoo akkam ta’a?”
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
20:52 (Muusaanis) ni jedhe: “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jiraGooftaan kiyya hin dogoggoru; hin irranfatus.”
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
20:53 (Inni) Isa dachii afata isiniif godhee, ishee keessatti karaalee isiniif laaffisee, samii irraa bishaan buuse saniIsaan (bokkaan) akaakuu biqiltuulee adda addaa irraa taate ni baafne
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
20:54 (Isa irraa) nyaadhaa; beyladoota keessanis dheechisaaDhugumatti, kana keessa namoota sammuu qabaniif mallattotu jira
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
20:55 Ishee (dachii) irraa isin uumne; ishee keessatti isin deebifna; yeroo biraas ishee irraa isin baafna
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
20:56 Dhugumatti, mallattoolee keenya hunda ishee isatti (Fir’awnitti) argisiifneerra; innis ni sobsiisee; ni dides
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
20:57 (Fir’awn) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Sila ati dachii keenya irraa sihrii keetiin nu baasuuf dhuftee
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
20:58 Nutis sihrii fakkaataa isaatiin siif dhufnaKanaaf gidduu keenyaafi gidduu keetti beellama nutiifi atis irraa hin hafne iddoo giddu galeessa ta’etti godhi.”
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
20:59 (Muusaanis) ni jedhe: “Beellamni keessan guyyaa ayyaanaati; namoonnis waaree dura walitti qabamuudha.”
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
20:60 Ergasii Fir’awni gara galee, deemee dhara isaa walitti qabee sana booda dhufe
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
20:61 Muusaan isaaniin “Yaa badii keessan! Rabbi irratti soba hin odeessinaa; adabbiidhaan isin balleessaDhugumatti, namni (Rabbi irratti) soba odeesse hoonga’ee jira” jedhe
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
20:62 Dubbii isaanii irratti gidduu isaaniitti wal falman, maqoo isaaniis dhokfatan
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
20:63 Ni jedhan: “Jarri lamaan kun warra falfalaati (sihriitii), falfala isaanitiin dachii keessan irraa isin baasanii karaa (shari’a) keessan ishee caaltuu taate dhabamsiisuu fedhu
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
20:64 Kanaafuu tooftaa keessan walitti qabadhaa; sana booda hiriiraan koottaaDhugumatti, namni hardha irra aane (mo’ate) milkaa’eera
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
20:65 Yaa Muusaa! Ati darbachuu yookiin jalqaba nama darbuu nuti ta’uu (filadhu)” jedhaniin
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
20:66 (Muusaanis) “Lakkisaa; isinummaan darbaa!” jedheBattalumatti haadni isaaniifi uleen isaaniis falfala isaanii irraa kan kae waan fiigdu itti fakkeeffama
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
20:67 Muusaan lubbuu isaa keessatti sodaan itti dhaga’ame
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
20:68 “Hin sodaatin! Dhugumatti, ati sumatu mooha” jenneen
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
20:69 “Waan mirga kee keessa jiru darbi! Waan isaan dalagan ni liqimsitiWanti isaan dalagan (hundi) toftaa nama falfala hojjatuutiNamni falfala hojjatu bakkuma dhufettuu hin milkaa’u.”
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
20:70 Ergasii warri falfala hojjatan sujuuda bu’anii “Gooftaa Haaruniifi Muusaatti amanne” jedhan
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
20:71 (Fir’awn) ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, inni guddaa keessan kan falfala isin barsiiseedhaDhugumatti, harkaafi miila keessan wal dhabsiiseen kukkutaAmmas jirma muka timiraa irrattin isin fannisaIsinis (yoos) eenyu keenya (anamoo Gooftaa Muusaatu) adabbiin isaa irra cimaafi turaa akka ta’e beekuuf jirtu.”
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
20:72 Ni jedhan: “Waan nutti dhufe kan ragaawwan ifa bahan irraa ta’eefi Isa nu uume irra si hin filannuKanaafuu waan murteessitu murteessi! Wanti ati murteessitus jiruma addunyaa kana qofa
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
20:73 “Akka Inni dogoggora keenyaafi falfala irraas waan ati isatti nu dirqisiifte nuuf araaramuuf, dhugumatti, nuti Gooftaa keenyatti amannee jirraRabbitu caalaafi hafaadha
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅ
20:74 Dhugumatti, namni badii hojjataa ta’ee gara Rabbii isaa dhufe, isaaf dhugumatti, jahannamtu jira; ishee keessatti hin du’u, hin jiraatus
ﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐ
20:75 Namni Mu’umina ta’ee, dhugumaan hojii gaarii hojjataa gara Isaa dhufes isaan sun isaaniif sadarkaalee ol ta’aatu jira
ﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚﰛﰜﰝﰞ
20:76 Jannata qubsumaa kan jala ishee laggeen yaatutu (isaanif jira); ishee keessa yeroo hunda jiraatuKun immoo mindaa nama qulqulleeffateeti
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
20:77 Dhugumatti, gara Muusaa “Gabroota kiyya qabadhuu halkaniin deemi! Isaaniifis galaana keessatti karaa gogaa taasisi; (Fir’awn) si dhaqqabuufi (bishaaniin nyaatamuu isaa) hin sodaattu” jechuun wahyii goonee jirra
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
20:78 Fir’awnis hoomaa isaa waliin isaan hordofe; galaanicha irraas wanti isaan haguuge guutumatti isaan haguuge
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
20:79 Fir’awni ummata isaa ni jallise malee (isaan) hin qajeelchine
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
20:80 Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti Nuti diinota keessan jalaa isin baraarsinee moggaa mirga gaara Xuur irrattis waadaa isinii goonee, waan mi’aawaa damma fakkaatuufi foon allaattiis isin irratti buufnee jirra
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
20:81 Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa, isa keessattis daangaa hin dabrinaa; (yoo dabartan) dallansuu kiyyatu isin irratti bu’aNamni dallansuun kiyya isa irratti bu’e, dhugumatti, bade
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
20:82 Dhugumatti, nama tawbatee, amanee, gaggaarii hojjatee, sana booda (hanga du’utti) karaa qajeelaa qabateef inni akkaan araaramaadha
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
20:83 “Ummata kee biraa maaltu si jarjarse? Yaa Muusaa!” (jedheen)
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
20:84 (Muusaan) ni jedhe: “Kuunnoo isaan faana kiyya irra jiruYaa Gooftaa kiyya! Akka Ati (na irraa) jaallattuufiin gara kee jarjare.”
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
20:85 (Rabbiinis) ni jedhe: “Nuti dhugumatti, ummata kee bakka ati hin jirretti mokkorree jirra; Saamiriyyichis isaan jallise.”
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
20:86 Muusaan gara ummata isaa, dallanaa, gaddaa deebi’ee “Yaa ummata kiyya! Sila Rabbiin keessan waadaa gaarii isiniif hin seennee? (Yeroo) beellamichaatu isinitti dheeratemoo? Dallansuun gooftaa keessan irraa isinitti bu’uu feetaniiti waadaa kiyya diigdanii?”
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇ
20:87 [Isaan] ni jedhan: “Waadaa siif seenne fedha keenyaan hin diigneGaruu nuti ba’aa (faaya) bareedumaa kan warra (Fir’awn) baachifamneeti, (ibidda keessatti) ishee darbineAkkuma nuti darbinetti, Saamiriyyichis darbe.”
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
20:88 Sana booda qaama, Jibicha (mirgoo), sagaleen barooduun isaaf jiru isaaniif baasee “Kanatu gabbaramaa keessaniifi gabbaramaa Muusaati; (Muusaan isa) irraanfateeti (barbaaduuf deeme)” jedhan
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
20:89 Sila kan inni jecha tokkos isaaniif deebisuu dhabuufi isaan miidhuus ta’ee fayyaduu hin dandeenye ta’uu hin arganii
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
20:90 Dhugumatti, sana duras Haaruun “Yaa ummata kiyya! Inni (kun) waan isin ittiin mokkoramtaniidhaGooftaan keessan immoo Rahmaani; ana hordofaa; ajaja kiyyas tole jedhaa” isaaniin jedhee ture
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
20:91 [Isaan] “Hanga Muusaan gara keenya deebi’utti Nuti isa (Jibicha) gabbaruu irraa hin deemnu” jedhan
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
20:92 (Muusaanis) ni jedhe: “Yaa Haaruun! Yeroo jallachuu isaanii argite maaltu si dhorge
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
20:93 Ana hordofuu (maaltu si dhorge?) Moo ajaja kiyya fudhachuu didde?”
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
20:94 (Haaruunis) “Yaa ilma harmee kiyyaa! Areeda kiyyas ta’ee mataa kiyya hin qabinDhugumatti, ‘Ati gidduu ilmaan Israa’iil addaan baafte; jecha kiyyas hin eegdu (naan) jettaan sodaadhe” jedhe
ﮩﮪﮫﮬﮭ
20:95 (Muusaanis) ni jedhe: “Ati hoo yaa Saamiriyyii! Maal taate?”
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
20:96 (Saamiriyyiinis) “Ani waan isaan hin beekin beekeetin, faana kottee (farda) ergamaa (Jibriil) irraa (biyyee) hammaarrii tokko fudheen ishee darbeLubbuun kiyyas gocha kana naaf miidhagsite” jedhe
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
20:97 (Muusaanis) ni jedhe: “DeemiDhugumatti, jireenya keessatti ‘Nan tuqinaa jechaa jiraachuun siif tahaadha.’ ammas dhugumatti, siif beellama ati hin hanbifamnetu siif jiraGara gabbaramaa kee isa gabbaraa turtee ilaaliNuti dhugumatti, isa gubna; sana booda (caccabaa isaa) galaana keessatti facaasinsa facaafna.”
ﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍ
20:98 Dhugaan gabbaramaan keesan Allaah Isa Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jirre qofaInni waan hunda beekumsaan wal ga’eera
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
20:99 Akkuma oduu (warra Fir’awn) kanatti waan dur dabre irraa sitti odeessinaNuti dhugumatti, of biraa yaadannoo (Qur’aana) siif kenninee jirra
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
20:100 Namni isa (Qur’aana) irraa garagale, dhugumatti, inni Guyyaa Qiyaamaa ba’aa (dilii) baadhata
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
20:101 Yeroo hunda isa (adaba ba’aa kanaa) keessa jiraataGuyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii ta’uun waa fokkate
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
20:102 Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu (dubbadhu)Guyyaa san badii raawwattoota (ija) cuquliisa (jaamaa) taasifnee walitti qabna
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
20:103 Gidduu isaaniitti “Isin (guyyoota) kudhan malee (addunyaa irra) hin turre” jechuun walitti hasaasu
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
20:104 Nuti yeroo mala irra beekaan isaanii “isin guyyaa tokko malee hin teenye” jedhu waan isaan jedhan akkaan beekna
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
20:105 Gaarreen irraas si gaafatuAtis “Gooftaan kiyya faffacaasuu ishee faffacaasa” jedhiin
ﮘﮙﮚﮛ
20:106 “Lafa wal qixxaa’aa biqilaa hin qabne taasisee ishee dhiisa
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
20:107 Ishee keessatti bu’aa bahiis hin argitu.”
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
20:108 Guyyaa san lallabaa hordofu; asiifi achi irraa dabuun isaaniif hin jiraatuSagaleen hunduu Rahmaaniif gadi jettiShokoksaa malee homaa hin dhageessu
ﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
20:109 Guyyaa san manguddummaan homaa hin fayyaddu; nama Rahmaan isaaf hayyameefi jecha isaas irraa jaallateef malee
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
20:110 Inni waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniitis beekaIsaan immoo beekumsaan isa hin marsine
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
20:111 Fuulli (Rabbii) jiraataa, waan hundaan dhaabatuuf gadi jetteDhugumatti, namni miidhaa baadhate hoonga’e
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
20:112 Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, (hamtuu irratti) dabaluus ta’ee hirdhina (mindaa isaa) hin sodaatu
ﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑ
20:113 Akkanatti dubbifamaa Afaan Arabaa goonee isa (Qur’aana) buufne; isa keessattis akeekkachiisa irraa akka isaan sodaataniif yookiin akka gorsa isaaniif haaromsuuf addeessine
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
20:114 Egaa Allaahn, mootiin dhugaa, ol ta’eeraOdoo wahyiin isaa gara kee bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aana (dubbisuutti) hin jarjarin“(Yaa) Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali” jedhi
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
20:115 Dhugumatti, sana duras Aadamitti beeksisa goonee, dagatee tureNuti kutannoo isaaf hin argine
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
20:116 Yeroo maleykotaan “Aadamiif sujuuda bu’aa” jennes [yaadadhu]Ibliisa malee yoosuu sujuuda bu’anInni ni dide
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
20:117 Ergasii ni jenne: “Yaa Aadam! Dhugumatti, kun diina keetiifi (diina) niitii teetiitiKanaafuu jannata keessaa akka isin lamaanuu hin baafne; (yoo jannataa baate) ni rakkatta
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
20:118 Dhugumatti, ati ishee (jannata) keessatti beela’uu dhabuufi daaruu dhabuunis siif jira
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
20:119 Ammas ati ishee keessatti dheebochuu dhabuufi aduun gubachuu dhabuunis siif jira.”
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
20:120 Ergasii sheyxaanni gara isaatti hasaasee: “Yaa Aadam! Gara muka yeroo hundaatiifi mootummaa hin dhabamne irratti si qajeelchuu?” jedheen
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
20:121 Yoosuu isaan lamaan ishee irraa nyaatani; qaamni saalaa isaanii isaaniif mul’atte; baala jannataa irraa of irratti maxxansuu eegalanAadamis ajaja Gooftaa isaa didee dogoggore
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝ
20:122 Sana booda Rabbiin isaa isa filatee, isaaf tawbaa qeebalee isa qajeelche
ﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
20:123 (Rabbiin) ni jedhe: “Gariin keessan gariif diina ta’aatii, isin lamaanuu waliin ishee (jannata) irraa (gara dachii) gadi bu’aaErgasii yoo Ana irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin rakkatus
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
20:124 Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphoo ta’etu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna.”
ﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈ
20:125 “Gooftaa kiyya! Odoon (addunyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (har’a) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
20:126 (Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatteAtis hardha akkuma sanitti dagatamta.”
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
20:127 Egaa akkuma kanatti nama daangaa dabree, keeyyattoota Gooftaa isaatti hin amanin mindaa isaaf kenninaadabbii Aakhiraatu irra cimaafi irra hafaadha
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
20:128 Sila dhaloota isaaniin duraa irraa (heddu) kan isaan manneen isaanii keessa deemaa jiran meeqaatama balleessuun keenya isaaniif adda hin baanee? Dhugumatti, kana keessa abbootii sammuutiif mallattooleetu jira
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
20:129 Odoo jechattiin Gooftaa kee irraa dabarteefi beellamni murtaa’e jiraachu baatee, silaa (adabni aaddunyaatti) isaan qabaa ta’a ture
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
20:130 Waan isaan jedhan irratti obsiGooftaa keetis baha biiftuu duraafi lixa ishee dura faaruun Isa qulqulleessiYeroo halkaniitiifi qarqara guyyaa irraas (Isa) qulqulleessi(Kunis mindaa inni siif kennu) akka jaallattuufi
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
20:131 Ija kee lamaanis gara waan Nuti gareewwan adda addaa isaan (kaafiroota) irraa ta’an akka isa keessatti isaan mokkoruuf jecha ittiin qanansiifne kan miidhagina jireenya addunyaa ta’ee hin diriirsinKennaa Rabbii keetiitu caalaafi irra hafaadha
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
20:132 Maatii keetis salaatatti ajaji; ishee irrattis obsiNuti soorata si hin gaafannuNutu si sooraBooddeen (gaariin) warra Rabbi sodaatuufi
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
20:133 Ni jedhanis: “Maaliif Gooftaa isaa irraa mallattoo wahiitin nutti hin dhufne?” Sila ragaan ifa taate kan kitaabota durii keessa jirtu isaanitti hin dhufnee
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃ
20:134 Odoo Nuti isa (Rasuula -SAW) dura adabbiin isaan balleessinee, silaa ni jedhu turan: “Gooftaa keenya! Odoo ergamaa gara keenyatti ergitee, silaa odoo salphinaafi xiqqeenyi nu hin mudatin dura keeyyattoota kee hordofna turre.”
ﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐ
20:135 (Yaa Muhammad!): “Hunduu eegaadhaIsinis eegaaNamni warra karaa sirrii ta’eefi namni qajeele eenyuun akka ta’e beekuuf jirtu” jedhi

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers