PDF —
227 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Ash-Shu'ara pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Ash-Shu'ara pdf Oromo — Buufi Suuratu Ash-Shu'ara Hiikkaa. Suuratu Ash-Shu'ara (Meccan) 227 Aayah.

← Al-FurqanSuuratu Ash-Shu'ara An-Naml →


227 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﭑﭒ
26:1 Xaa Siin Miim
ﭓﭔﭕﭖﭗ
26:2 Kun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
26:3 (Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
26:4 Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormi isaanii isheedhaaf gadi jedhaa taati ture
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
26:5 Isaan kan sobsiisan ta’anii malee gorsi (kitaabni) haaraan Rahmaan irraa isaaniif kan dhufu hin taane
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
26:6 Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiruOduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
26:7 Sila gara Dachii akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine isaan hin ilaallee
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
26:8 Dhugumatti, sana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis kan amanan hin taane
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
26:9 Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
26:10 Yeroo Gooftaan kee “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” [jedhee] Muusaa waame [yaadadhu]
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
26:11 “Gara ummata Fir’awn [dhaqi]Sila Rabbiin hin sodaatanii? [jedhiin].”
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
26:12 [Muusaanis] ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha
ﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
26:13 [Yoo na sobsiisan] qomti kiyyas ni dhiphataArrabni kiyyas hin diriiruKanaafuu gara Haaruunitti ergi
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
26:14 Isaaniifis yakka [dhiigaatu] narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.”
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
26:15 [Rabbiinis] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu)Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaaDhugumatti, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
26:16 “Fir’awnitti dhaqaatii ‘Nuti ergamaa Gooftaa aalama hundaati’ jedhaa
ﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
26:17 “Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa]
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅ
26:18 [Fir’awnis] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree
ﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍ
26:19 Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) sanas hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe]
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
26:20 [Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
26:21 Yeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyyas beekumsa naaf kennee ergamtoota irraa na godhe
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
26:22 Sunis Ilmaan Israa’iil gabra godhachuu keetiin tola ati narratti himattuudha.”
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
26:23 Fir’awn “gooftaan aalama hundaa maali?” jedhe
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
26:24 [Muusaanis]: “gooftaa Samii, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
26:25 [Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
26:26 [Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
26:27 [Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
26:28 [Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
26:29 [Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
26:30 [Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
26:31 [Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
26:32 [Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
26:33 Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
26:34 [Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
26:35 “Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe)
ﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
26:36 [Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisiMagaalota keessattis walitti qabdoota ergi
ﯼﯽﯾﯿﰀ
26:37 Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.”
ﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
26:38 Saahiroonnis beellama guyyaa beekamaatiif walitti qabaman
ﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
26:39 Namootaanis ni jedhame: “Isin sila walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘ
26:40 Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.”
ﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
26:41 Falfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila dhugumatti yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
26:42 [Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
26:43 Muusaanis “Isin waan darbuu feetan darbaa” isaanin jedhe
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
26:44 Haadaafi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
26:45 Muusaanis ulee isaa ni darbateYeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite
ﮈﮉﮊﮋ
26:46 Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan
ﮌﮍﮎﮏﮐ
26:47 Ni jedhanis: “Gooftaa aalama hundaatti amanne
ﮑﮒﮓﮔ
26:48 Gooftaa Muusaafi Haaruunitti.”
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
26:49 [Fir’awnis] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin eeyyamin isatti amantanii? Dhugumatti, inni hayyuu keessan kan sihrii isin barsiiseedhaFuuldurattis [waan ta’u] beekuuf jirtuDhugumatti, ani Harka keessaniifi Luka keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummuraDhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
26:50 Ni jedhan: “Miidhaan [nurra] hin jiru! Dhugumatti, nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
26:51 Dhugumatti, nuti warra jalqaba amanan ta’uudhaan Rabbiin keenya badii keenya nuuf araaramuu ni kajeella .”
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
26:52 Gara Muusaattis “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) dhugumatti isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun wahyii goone
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
26:53 Fir’awnis magaalota keessatti walitti qabdoota ergee
ﯳﯴﯵﯶﯷ
26:54 “Dhugumatti warri kun gareewwan xiqqoodha
ﯸﯹﯺﯻ
26:55 Isaanis dhugumatti nu dallansiisoodha
ﯼﯽﯾﯿ
26:56 Nutis baay’ee of eegdota” [jedhe]
ﰀﰁﰂﰃﰄ
26:57 Ashaakiltiileefi burqaawwan irraas isaan baafne
ﰅﰆﰇﰈ
26:58 Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas
ﰉﰊﰋﰌﰍﰎ
26:59 Akka kanatti Ilmaan Israa’iil ishee dhaalchifne
ﰏﰐﰑ
26:60 Bariifatoo ta’anii isaan hordofan
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
26:61 Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti dhugumatti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
26:62 [Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jiraInni [furmaatatti] na qajeelcha.”
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
26:63 Gara Muusaatti “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun wahyii goone[Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e
ﭱﭲﭳﭴ
26:64 Bakka sanattis warra biraa dhiheessine
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
26:65 Muusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine
ﭻﭼﭽﭾ
26:66 Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsine
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
26:67 Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
26:68 Dhugumatti Rabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha
ﮏﮐﮑﮒﮓ
26:69 Seenaa Ibraahimis isaan irratti dubbisi
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
26:70 Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
26:71 “Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
26:72 [Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii
ﮨﮩﮪﮫﮬ
26:73 Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?”
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
26:74 [Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
26:75 [Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu
ﯛﯜﯝﯞ
26:76 Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
26:77 Dhugumatti, isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalama hundaa malee (inni jaalalloo kooti)
ﯦﯧﯨﯩﯪ
26:78 [Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.”
ﯫﯬﯭﯮﯯ
26:79 Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha
ﯰﯱﯲﯳﯴ
26:80 Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa
ﯵﯶﯷﯸﯹ
26:81 Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha
ﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
26:82 Isa guyyaa murtiis badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha
ﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
26:83 Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenniNamoota gaggaariittis na dhaqqabsiisi
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
26:84 Dhaloota boodaa keessattis faaruu gaarii naaf taasisi
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
26:85 Dhaaltota Jannata qananii dhaalan irraas na taasisi
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
26:86 Abbaa kiyyaafis araaramiDhugumatti, inni jallattoota irraa ta’eera
ﭥﭦﭧﭨﭩ
26:87 Guyyaa isaan (gabroonni) kaafamanis na hin xinneessin.”
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
26:88 Guyyaa qabeenyiifi ilmaanis homaa hin fayyadne
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
26:89 Nama onnee qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee
ﭸﭹﭺﭻ
26:90 [Guyyaa] Jannannis warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte
ﭼﭽﭾﭿ
26:91 [Guyyaa] Ibiddi jahannamis jallattootaaf muldhifamte
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
26:92 [Guyyaa] “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
26:93 “Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isin tumsuu? Yookiin of ni tumsuu?”
ﮏﮐﮑﮒﮓ
26:94 Isaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbaman
ﮔﮕﮖﮗ
26:95 Waraanni Ibliis hunduu (ni darbaman)
ﮘﮙﮚﮛﮜ
26:96 Isaan ishee keessatti wal falmaa ni jedhu
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
26:97 Allaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre
ﮤﮥﮦﮧﮨ
26:98 Yeroo Gooftaa aalama hundaatti isin qixxeessinu san
ﮩﮪﮫﮬﮭ
26:99 Ficiltoota malee homtuu nu hin jallisne
ﮮﮯﮰﮱﯓ
26:100 Araarsitoonni tokkollee nuuf hin jiru
ﯔﯕﯖﯗ
26:101 Hiriyaan garaa laafus (hin jiru)
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
26:102 Odoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
26:103 Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
26:104 Dhugumatti Gooftaan kee isumatu injifataa, rahmata godhaadha
ﯰﯱﯲﯳﯴ
26:105 Ummanni Nuuh ergamtoota sobsiiftee jirti
ﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
26:106 Yeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii
ﯽﯾﯿﰀﰁ
26:107 Ani isiniif ergamaa amanamaadha
ﰂﰃﰄﰅ
26:108 Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa
ﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒ
26:109 Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane
ﰓﰔﰕﰖ
26:110 Rabbiin sodaadhaaAjaja kiyyas fudhaa.”
ﰗﰘﰙﰚﰛﰜﰝ
26:111 [Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
26:112 [Innis] ni jedhe: “Waan isaan dalagaa turan maalittin beeka
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
26:113 Odoo beektanii qormaanni isaanii Gooftaa kiyya qofa irra malee hin taane
ﭡﭢﭣﭤﭥ
26:114 Ani ari’aa (fageesaa) Mu’uminootaa hin taane
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
26:115 Ani akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.”
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
26:116 [Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
26:117 [Nuuhis] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni koo na sobsiisaniiru
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
26:118 Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessiAnaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraarsi.”
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
26:119 Nutis isaafi namoota isa waliin turan doonii guutamte keessatti isaan baraarsine
ﮌﮍﮎﮏﮐ
26:120 Ergasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsine
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
26:121 Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
26:122 Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
ﮡﮢﮣﮤ
26:123 Aad (ummanni huud) ergamtoota sobsiifte
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
26:124 Yeroo obboleessi isaanii Huud isaaniin jedhe: “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii
ﮭﮮﮯﮰﮱ
26:125 Ani isiniif ergamaa amanamaadha
ﯓﯔﯕﯖ
26:126 Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
26:127 Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
26:128 Sila isin kan [nama tarutti] qishintanu taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu
ﯪﯫﯬﯭﯮ
26:129 Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu
ﯯﯰﯱﯲﯳ
26:130 Yeroo [namoota adabbiif] qabdanis gara jabeeyyii taatanii qabdan
ﯴﯵﯶﯷ
26:131 Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
26:132 Isa waan [gaggaarii] isin beektan hundaan isin badhaases sodaadhaa
ﯾﯿﰀﰁ
26:133 Beyladootaafi ilmaaniinis isin badhaase
ﰂﰃﰄ
26:134 Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise]
ﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋ
26:135 Ani adabbii Guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.”
ﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕ
26:136 [Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo warra gorsan irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
26:137 Kun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti
ﭗﭘﭙﭚ
26:138 Nuti kan adabamnuu miti” [jedhan]
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
26:139 Isa sobsiisanii Nutis isaan balleessineDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
26:140 Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
ﭮﭯﭰﭱ
26:141 Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
26:142 Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii
ﭺﭻﭼﭽﭾ
26:143 Ani isiniif ergamaa amanamaadha
ﭿﮀﮁﮂ
26:144 Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
26:145 Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
26:146 Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu
ﮖﮗﮘﮙ
26:147 Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti
ﮚﮛﮜﮝﮞ
26:148 Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu)
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
26:149 Cocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu)
ﮥﮦﮧﮨ
26:150 Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa
ﮩﮪﮫﮬﮭ
26:151 Ajaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
26:152 Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe]
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
26:153 [Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
26:154 Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii mitiWarra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.”
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
26:155 [Saalihis] ni jedhe: “Isheen kun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira
ﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
26:156 Hamtuun ishee hin tuqinaa[Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.”
ﯺﯻﯼﯽ
26:157 Ishee waraananii yeroma san sheena’oota ta’an
ﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
26:158 Adabbichis isaan qabateDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane
ﰋﰌﰍﰎﰏﰐ
26:159 Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕ
26:160 Ummanni Luuxis ergamoota sobsiifte
ﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
26:161 Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii
ﭞﭟﭠﭡﭢ
26:162 Dhugumatti, ani isiniif ergamaa amanamaadha
ﭣﭤﭥﭦ
26:163 Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
26:164 Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane
ﭴﭵﭶﭷﭸ
26:165 Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
26:166 Waan Gooftaan keessan haadhotii manaa keessan irraa isiniif uumes ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe]
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
26:167 [Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
26:168 [Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
26:169 Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.”
ﮛﮜﮝﮞ
26:170 Isaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarsine
ﮟﮠﮡﮢﮣ
26:171 Jaartii tokko kan warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee
ﮤﮥﮦﮧ
26:172 Ergasii warra biroo ni balleessine
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
26:173 Bokkaa [adabbii] isaan irratti roobsineRoobni warra akeekkachiifamanii waa fokkate
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
26:174 Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
26:175 Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
ﯡﯢﯣﯤﯥ
26:176 Jiraattonni Aykah (bosonaa) ergamoota sobsiifte
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
26:177 Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu
ﯭﯮﯯﯰﯱ
26:178 Ani isiniif ergamaa amanamaadha
ﯲﯳﯴﯵ
26:179 Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa
ﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
26:180 Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane
ﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
26:181 Safara guutaa; [haqa namaa] hir’iftoota irraa hin ta’inaa
ﰋﰌﰍﰎ
26:182 Madaala sirrii ta’een madaalaa
ﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘ
26:183 Namoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa; badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
26:184 Isa isiniifi dhaloota duraanii uume sodaadhaa.”
ﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
26:185 [Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
26:186 Ati nama fakkii keenyaa malee (uumaa biroo) hin taane; nutis sobdoota irraa ta’uu si yaadna
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
26:187 Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate samii irraa cittuu wahii nurratti kuffisi” [jedhaniin]
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
26:188 [Inni] ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.”
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
26:189 Isa sobsiisanAdabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabateDhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
26:190 Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
26:191 Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
ﮓﮔﮕﮖﮗ
26:192 Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati
ﮘﮙﮚﮛﮜ
26:193 Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
26:194 Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha onnee kee irratti [buuse]
ﮣﮤﮥﮦ
26:195 Qooqa Arabiffaa ifaa ta’een
ﮧﮨﮩﮪﮫ
26:196 Dhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
26:197 Sila beektonni Ilmaan Israa’iil isa beekuun mallattoo isaaniif (warra Makkaatiif) hin ta’uu
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
26:198 Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
26:199 Innis isaan irratti dubbisee, isaan kan isatti amanan hin taane
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
26:200 Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onnee badi raawwattootaa keessa seensifne
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
26:201 Hanga adabbii laalessaa ta’e arganitti isatti hin amananu
ﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
26:202 Inni (adabbichi) odoo isaan hin beekin tasa isaanitti dhufa
ﯸﯹﯺﯻﯼ
26:203 [Akka amannuuf] “yeroon nuuf kennamuu danda’aa?” jedhu
ﯽﯾﯿ
26:204 Sila adabbii keenya ariifachiifatuu
ﰀﰁﰂﰃﰄ
26:205 Mee naaf himi! Odoo waggoota hedduuf isaan qanansiifnee
ﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
26:206 Sana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
26:207 Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
26:208 Magaalaa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine
ﭠﭡﭢﭣﭤ
26:209 [Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane
ﭥﭦﭧﭨﭩ
26:210 Sheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
26:211 Isaaniifis hin malu[Isa fiduu] hin danda’anus
ﭰﭱﭲﭳﭴ
26:212 Dhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
26:213 Rabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin[Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata
ﭿﮀﮁﮂ
26:214 Firoota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
26:215 Mu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
26:216 Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin
ﮒﮓﮔﮕﮖ
26:217 [Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu
ﮗﮘﮙﮚﮛ
26:218 Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu]
ﮜﮝﮞﮟ
26:219 [Isa] sochiiwwan ati warra sagadan keessatti gootu [argu irratti hirkadhu]
ﮠﮡﮢﮣﮤ
26:220 Dhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
26:221 Sheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
26:222 Kijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti
ﯓﯔﯕﯖﯗ
26:223 Wanta dhagahanis [waa himtuu irratti] gadi buusuIrra baay’een isaanii immo kijibdoota
ﯘﯙﯚﯛ
26:224 Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
26:225 Isaan dhugumatti sulula (bowwaa) hunda keessa akka seenan hin agartuu
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
26:226 Dhugumatti isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu]
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
26:227 Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baay’inaan Rabbiin faarsan, erga miidhamanii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee[Isaan hin komatanu]Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers