PDF —
49 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu At-Tur pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu At-Tur pdf Oromo — Buufi Suuratu At-Tur Hiikkaa. Suuratu At-Tur (Meccan) 49 Aayah.



49 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﮞﮟ
52:1 (Gaara) Xuuriin kakadhe
ﮠﮡﮢ
52:2 Kitaaba barreeffamaanis
ﮣﮤﮥﮦ
52:3 Xalaayaa bal’ifamaa keessatti
ﮧﮨﮩ
52:4 Mana jiraachifamaanis
ﮪﮫﮬ
52:5 Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis
ﮭﮮﮯ
52:6 Galaana qabsiifamaaniis
ﮰﮱﯓﯔﯕ
52:7 Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha
ﯖﯗﯘﯙﯚ
52:8 Wanti isa deebisu tokkolleen hin jiru
ﯛﯜﯝﯞﯟ
52:9 Guyyaa samiin socho’iinsa (hamaa) sochootu
ﯠﯡﯢﯣ
52:10 (Guyyaa) gaarreenis deemicha deemtu
ﯤﯥﯦﯧ
52:11 Warra guyyaa san kijibsiisaniif badii ibiddaatu jira
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
52:12 (Isaan) warra soba keessa taphataniidha
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
52:13 Guyyaa humnaan gara ibidda jahannam oofamiinsa oofaman
ﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
52:14 (Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
52:15 Sila kun falfala moo isinumatu hin argitanu
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
52:16 Ishee seenaa (dhandhamaa); obsitanus yookiin obsuu baattanus isiniif waluma qixaWanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman)
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
52:17 Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannataafi qananii keessa jiraatu
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
52:18 Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaaniis adabbii gubaa jalaa isaan baraarse
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
52:19 “Waan hojjataa turtaniif jecha gaarii haala ta’een nyaadhaa; dhugaa” (isaaniin jedhama)
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
52:20 Sireewwan hiriira galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu)Dubartoota adaadii ija babal’aa isaan fuusifna
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
52:21 Isaan amananii ilmaan isaaniis iimaanaan isaan hordofan, maatii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna(Galata) dalagaa isaanii irraas homaayyuu hin hir’ifnuNamni hunduu waan hojjateen qabamaadha
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
52:22 Mudraaleefi foon waan isaan fedhan irraa ta’e isaaniif daballa
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
52:23 Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) kan ishee keessa sobaafi diliin hin jirre walitti daddabarsu (waliif kennu)
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
52:24 Ijoollee dhiiraa isaanii warra faaya eegamaa fakkaatantu isaan irra naanna’u
ﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
52:25 Gariin isaaniis garii irratti gara galaniiti wal gaggaafatu
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
52:26 Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
52:27 Rabbiin nu qanansiisee, adabbii summaa’aa jalaas nu baraarse
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
52:28 Nuti dhugumatti, kana dura Isa kadhataa turreInni dhugumatti, Isumatu tola oolaa, mararfataadha.”
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
52:29 Yaadachiisi! Ati ni’imaa Gooftaa keetiitiin, raagaafi maraataa miti
ﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃ
52:30 “Weellisaadha; dhufuu du’aa isa irratti eegna” jedhan mitii
ﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
52:31 “Eegaa! Anis isin waliin warra eegu irrayii” jedhiin
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
52:32 Sila sammuu isaaniitu kanatti isaan ajaja moo? Lakkii, isaanumatu ummata daangaa darboodha
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
52:33 Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu moo?” lakkii, isaanumatu hin amanne
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
52:34 Yoo kan dhugaa dubbatan ta’aniif haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
52:35 Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman moo isaanumatu uumoo dha
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
52:36 Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
52:37 Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira moo isaantu injifattoota
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
52:38 Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
52:39 Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa jiru
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
52:40 Moo mindaa isaan gaafatteeti kaffaltiin isaa isaanitti ulfaate
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
52:41 Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
52:42 Lakkii! Tooftaa baasuu fedhaniWarri kafare isaanuma kan tooftaan itti baafamu
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
52:43 Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
52:44 Yoo samii irraa cittuu wahii kan gadi kuftu arganis “duumessa kuufamaadha” jedhu
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
52:45 Hanga guyyaa isaanii kan isa keessa dhuman qunnamanitti isaan dhiisi
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
52:46 Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti)
ﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
52:47 Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura adabbiitu jiraGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu
ﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
52:48 Murtii Gooftaa keetiitiif obsiDhugumatti, ati tika keenya jala jirtaYeroo kaatu Faaruu Gooftaa keetiitiin Isa qulqulleessi
ﰋﰌﰍﰎﰏﰐ
52:49 Halkanis Isa faarsi; yeroo urjiiwwan seenanis (faarsi)

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers