PDF —
55 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Qamar pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Qamar pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Qamar Hiikkaa. Suuratu Al-Qamar (Meccan) 55 Aayah.

← An-NajmSuuratu Al-Qamar Ar-Rahman →


55 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﮬﮭﮮﮯﮰ
54:1 Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
54:2 Yeroo mallattoo wahii argan gara galaniiti “(kun) sihrii cimaadha” jedhu
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
54:3 (Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofuWanti hunduu galma ga’aadha
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
54:4 Dhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa dhorgaan jiru isaanitti dhufeera
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
54:5 Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera)Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
54:6 Isaan irraa garagaliGuyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
54:7 (Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’anii akka awwaannisa faca’ee fakkaatu
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
54:8 Gara waamaatti ori’uKaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮ
54:9 Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteeraGabricha keenya (Nuuh) sobsiisanii, “inni maraataa dha, dhorgameeras.” jedhan
ﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
54:10 “Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
54:11 Bishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
54:12 Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
54:13 Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa baadhanne (feene)
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
54:14 Galata isa itti kafaramee taatee tika keenyaan deemti
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
54:15 Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifneNamni ittiin gorfamu jiraa laata
ﮙﮚﮛﮜﮝ
54:16 (Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
54:17 Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerraNamni ittiin gorfamu jiraa
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
54:18 (Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifteadabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
54:19 Qilleensa qorraa guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa isaanitti ergine
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
54:20 Nama ni butti(Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu
ﯟﯠﯡﯢﯣ
54:21 (Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
54:22 Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirraNamni gorfamu jiraa
ﯬﯭﯮﯯ
54:23 (Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
54:24 Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti oggas jallinaafi maraatuu keessa jirra
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
54:25 Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha
ﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
54:26 Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru
ﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒ
54:27 Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodhaKanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
54:28 Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himiDhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha
ﭛﭜﭝﭞﭟ
54:29 Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane
ﭠﭡﭢﭣﭤ
54:30 (Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
54:31 Dhugumatti, Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergineErgasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
54:32 Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa
ﭶﭷﭸﭹﭺ
54:33 Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
54:34 Dhugumatti, Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirraMaatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
54:35 Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine)Akka kanatti nama galata Nuuf galche mindeessina
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
54:36 Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jiraIsaan garuu dinniinicha mormaniiru
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
54:37 Dhugumatti, keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatanKanaaf ija isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen)
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
54:38 Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate
ﮥﮦﮧﮨ
54:39 Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne)
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
54:40 Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
54:41 Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiifni dhufeera
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
54:42 Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne
ﯠﯡﯢﯣﯤﯦﯧﯨﯩﯪ
54:43 (Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
54:44 Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu
ﯱﯲﯳﯴﯵ
54:45 Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru
ﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
54:46 Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniitiQiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha
ﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
54:47 Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u
ﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
54:48 Guyyaa fuula isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar dhandhamaa” (jedhamaan)
ﰍﰎﰏﰐﰑﰒ
54:49 Nuti waan hunda hamma murtaa’een isa uumne
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
54:50 Ajajni keenya akkuma liphsuu ijaa yeroo tokko qofa
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
54:51 Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirraNamni gorfamu jiraa
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
54:52 Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira
ﭥﭦﭧﭨﭩ
54:53 Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
54:54 Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan jannataafi laggeen keessa jiraatu
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
54:55 Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers