Suuratu Az-Zukhruf pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Az-Zukhruf pdf Oromo — Buufi Suuratu Az-Zukhruf Hiikkaa. Suuratu Az-Zukhruf (Meccan) 89 Aayah.
Related
More Suuratu PDF
Suuratu Az-Zukhruf

ﮀﮁ
43:1
Haa Miim
ﮂﮃﮄ
43:2
Kitaaba addeessaa ta’eenin kakadha
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
43:3
Akka isin hubattaniif Nuti Qur’aana Arabiffaa isa taasifne
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
43:4
Inni haadha kitaabaa ol aanaa ogummaan guutamee Nu bira jiru keessatti argama
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
43:5
Ummata daangaa dabritoota waan taataniif gorsa isin irraa dabsinaa
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
43:6
Warra duraa keessattis nabiyyoota meeqaatama erginee jirra
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
43:7
Nabiyyiin tokkollee isaanitti dhufee yoo itti qishinan (baacan) malee hin hafne
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
43:8
Humnaan isaan irra cimoo warra ta’an balleessinee jirraFakkeenyi warra jalqabaa dabreera
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
43:9
Odoo samiifi dachii eenyutu uume jettee isaan gaafattee “Isa injifataa beekaa ta’etu isaan uume” jedhu
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
43:10
(Rabbiin) Isa dachii afaa isiniif godhee, ishee keessattis akka qajeeltaniif karaalee isiniif godhe
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
43:11
Ammas (Rabbiin) Isa samii irraa bishaan madaalaan buusee, ergasii ittiin dachii duutuu jiraachifneAkkuma kana baafamtu
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
43:12
Isa cimdii hunda uumee, dooniifi beyladoota irraas waan yaabbattan isiniif godhe
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
43:13
Akka dugda isaanii irratti baatanii, ergasii ni’imaa Gooftaa keessanii yeroo ol baatan yaadattanii “Inni kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nuti isa danda’oo hin turre” jettaniif
ﮀﮁﮂﮃﮄ
43:14
Nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
43:15
Gabroota Isaa irraa qooda Isaaf taasisaniDhugumatti, namni kafraa ifa bahaadha
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
43:16
Sila waan uumu irraa ilmaan dubaraa (ofiif) taasifatee, isin immoo ilmaan dhiiraatiin isin filee
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
43:17
Yeroo tokkoon isaanii waan “Rahmaaniif” fakkeenya taasiseen gammachiifame, dallansuun guutameeti fuulli isaa gurraacha ta’a
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
43:18
Nama faaya miidhaginaa keessatti guddifamu, kan falmii keessatti sirriitti ibsuus hin dandeenye (godhatee)
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
43:19
Maleeykota isaan gabroota Rahmaan ta’an dubara taasisanYeroo isaan uumaman bira jiran moo? Ragaan isaanii fuuldura barreeffameeti gaafatamus
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
43:20
“Odoo Rahmaan fedhee isaan hin gabbarru turre” jedhanIsaan ni kijibu malee sana irratti beekumsa homaatuu hin qaban
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
43:21
Moo (Qur’aana) kana dura kitaaba isaan sirritti qabatan isaaniif kennine
ﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅ
43:22
Lakkii! Isaan “nuti abboota keenya amantii wahii irratti argine, nutis faana isaanii irra qajeeloodha” jedhan
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
43:23
Akkasumas (Yaa Muhammad!) siin dura magaalaa kam keessattuu sodaachisaa erginee, qanani’oon ishee “Nuti abbootii keenya amantii wahii irratti argine; nuti faanuma isaanii irra hordoftoota” jedhan malee hin hafne
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
43:24
(Ergamichis) “odoo ani waan abbootii keessan irratti argitan irra qajeelaatiin isinitti dhufee jiruu (hordoftuu)?” jedhe(Mushrikoonnis) “nuti waan isin ittiin ergamtanitti kafaroodha” jedhan
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
43:25
Kanaafuu isaan irraa haaloo ba’anneBooddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaali
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
43:26
Yeroo Ibraahiim abbaa isaatiifi ummata isaatiin jedhes [yaadadhu]:“Dhugumatti ani waan isin gabbartan irraa qulqulluudha
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
43:27
Isa na uume maleeInni na qajeelcha.”
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
43:28
Akka isaan deebi’aniif jechattii isa booda haftuu ishee godhe
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
43:29
Dhugumatti, isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga dhugaafi ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufuttin qanansiise
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
43:30
Dhugaan isaanitti dhufnaan immoo “kuni falfala; nuti isatti kafaroodha” jedhan
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
43:31
Ni jedhan: “Qur’aanni kun nama guddaa ganda lamaan irraa ta’etti maaliif buufamuu dhabe?”
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
43:32
Sila Rahmata Gooftaa keetii isaantu qoodaa? Nutu jiruu addunyaa keessatti waan ittiin jiraatan gidduu isaaniitti qoodeAkka gariin isaanii garii tajaajilaa godhatuuf jecha garii isaanii garii irra sadarkaan ol fuuneRahmata Gooftaa keetiitu waan isaan walitti qaban irra caala
ﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇ
43:33
Odoo namni (gara addunyaa jallachuun) ummata tokko ta’uu baatee, silaa namoota Rahmaanitti kafaraniif ijoo manneen isaaniitiifi sadarkaawwan ittiin ol ba’an meeta irraa taasifna turre
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
43:34
Manneen isaaniitiifis hulaaleefi sireewwan irratti hirkatanis (meeta irraa isaaniif goona turre)
ﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
43:35
Faayaas (ni goonaaf)Kun hunduu qananii jiruu addunyaa qofaAakhiraan Gooftaa kee biratti warra Rabbiin sodaataniifi
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
43:36
Nama gorsa (Qur’aana) Rahmaan irraa gara gale, sheeyxaana isaaf ramadna; inni isaaf hiriyaadha
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
43:37
Isaanis karaa (Rabbii) irraa isaan dhorgu; isaan immoo karaa qajeelaa irra waan jiran of se’u
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
43:38
Yeroo Nutti dhufe “yaa gaabbii kiyya! Odoo gidduu kiyyaafi gidduu kee fageenyi baha lamaanii (bahaafi dhihaa) jiraatee” jedhaHiriyichi waa fokkate
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
43:39
Har’a ibidda keessatti waliin jiraachuun keessan waan lubbuu keessan miitaniif homaa isin hin fayyadu
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
43:40
Sila ati duudaa dhageessiftaa yookiin jaamaafi nama jallina ifa ta’e keessa jiru ni qajeelchitaa
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
43:41
(Yaa Muhammad!) yoo si deemsifnellee, Nuti isaan irraa haaloo ba’achuuf jirra
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
43:42
Yookiin isa waadaa isaaniif galle yoo sitti agarsiifnes, Nuti isaan irratti danda’oodha
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
43:43
Isa gara keetti wahyii godhame san qabadhuAti karaa qajeelaa irra jirta
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝ
43:44
Inni (Qur’aanni) siifi ummata keetiifis gorsaFuula dura ni gaafatamtu
ﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
43:45
Ergamtoota keenya irraa nama si dura ergine “Sila Rahmaan malee gooftolii gabbaraman taasifnee jirraa?”gaafadhu
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
43:46
Dhugumatti, Muusaa raajiiwwan keenyaan gara Fir’awniifi qoondaaltota isaatti erginee, “ani ergamaa Gooftaa aalama hundaati” jedhe
ﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
43:47
Yeroo raajiiwwan keenyaan isaanitti dhufu, isaan yeroo san isheetti kolfu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
43:48
Raajii irraa ishee obboleettii ishee irra caaltu malee isaan hin agarsiifnuAkka isaan (gara keenya) deebi’aniif adabaanis isaan qabne
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
43:49
“Ati yaa kan sihrii hojjattu! Gooftaa kee waan waadaa siif galeen nuuf kadhuDhugumatti, nuti ni qajeella” jedhan
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
43:50
Yeroma adabbii isaan irraa deebifnu isaan waadaa diigan
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
43:51
Fir’awnis ummata isaa keessatti lallabee, “yaa ummata kiyya! sila mootummaan Misraa anaaf hin turree? Laggeen kunis ana jala hin yaa’anii? Sila hin agartanuu?” jedhe
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
43:52
“Isa laafaa (tuffatamaa), dubbii adda baasuu hin dandeenye kana irra anatu caala
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
43:53
Yoo akkas ta’e maaliif gumeewwan warqee (dahaba) irraa hojjataman isa irratti hin buufamne? Yookiin maleykonni isa wajjin ta’anii maaliif hin dhufne?” (jedhe)
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
43:54
Akkanaan ummata isaa kakaasee ajaja isaa fudhatanDhugumatti, isaan ummata fincilaa turan
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
43:55
Yeroo isaan Nu dallansiisan, haaloo isaanitti baanee, hunda isaaniituu dhidhimsine
ﮯﮰﮱﯓﯔ
43:56
Dhaloota isaan boodaatiif hangafaafi fakkeenya isaan taasifne
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
43:57
Yeroo ilmi Maryam (Iisaan) fakkeenya godhamu ummanni kee isa irraa kolfu (gammadu)
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
43:58
“Gooftolee keenya moo isatu caala?” jedhanWaan kana falmiif malee siif hin godhanuDhugumatti, isaan ummata mormitoota
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
43:59
Dhugumatti, Inni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oollee, Ilmaan Israa’iliif fakkeenya isa taasifne malee waan biraa miti
ﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
43:60
Odoo feenee maleeykota isin irraa bakka bu’an dachii keessa goona turre
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
43:61
Inni Qiyaamaaf mallattoo dhaa, ishee hin shakkinaa; ana hordofaaKanatu karaa qajeelaadha
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
43:62
Sheyxaanni (dhugaa hordofuu irraa) akka isin hin dhorgineInni isiniif diina ifa ba’aadha
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
43:63
Iisaan yeroo ragaalee ifa ta’aniin dhufe, ni jedhe: “Dhugumatti, ani beekumsaanin isinitti dhufe; ammaas akkan garii waan isin keessatti wal dhabdanii isiniif ibsuufin (dhufe.) Rabbiin sodaa dhaa; anaafis ajajamaa
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
43:64
Allaahn Isumatu Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessaniIsa (qofa) gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
43:65
Gareewwan gidduu isaaniitti (dhimma kana irratti) wal dhabaniiruIsaan miidhaa dalaganiif adabbii guyyaa laalessaatu jira
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
43:66
Sila Qiyaamaan daguudhaan odoo isaan hin beekin isaanitti dhufuu malee maal eegu
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
43:67
Jaalalleewwan guyyaa san isaan Rabbiin sodaatan malee, gariin isaanii gariif diina
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
43:68
Yaa gabroota kiyya! Har’a sodaan isin irra hin jiru; isin hin gadditanus
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
43:69
Isaan keeyyattoota keenyatti amananii, Muslimoota ta’an
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
43:70
Isiniifi haadholiin manaa keessanis gammadaa jannata seenaa” (isaaniin jedhama)
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
43:71
Qoriiwwan warqee irraa ta’aniifi kubbaayyaan isaan irra naanna’amaIshee keessas waan lubbuun feetuufi ijji itti gammaddutu jiraIsin ishee (jannata) keessatti hafoodha” (jedhamaani)
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
43:72
Jannata ishee dhalchifamtan kana waan hojjachaa turtaniini
ﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
43:73
Isiniif ishee keessa fuduraalee baay’ee isaan irraa nyaattantu jira
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
43:74
Yakkamtoonni adabbii jahannam keessatti hafu
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
43:75
(Adabichi) Isaan irraa hin salphifamu; isaanis ishee keessatti abdii muratoodha
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
43:76
Nuti isaan hin miine; garuu isaan (ofumaaf) miidhaa hojjattoota ta’an
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
43:77
(Waardiyaa ibiddaatiin) “yaa Maalik! Gooftaan kee akka du’a nutti murteessu (nuuf gaafadhuu)” lallabu(Maalikis) “isin ishee keessa turoodha” jedhe
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
43:78
hugumatti, Nuti haqaan isinitti dhufnee turreGaruu irra baay’een keessan haqa jibbitoota turtan
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
43:79
Tooftaa baasanii turani, nutis tooftaa itti baafne
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
43:80
Nuti iccitii isaaniitiifi maqoo isaanii hin dhageenyuu yaadanii? Lakkisaa! (ni dhageenya); ergamtoonni keenyas isaan biraa barreessaa jiru
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
43:81
(Yaa Muhammad!) jedhi: “odoo Rahmaaniif ilmi jiraatee, silaa anatu jalqaba warra (isa) gabbaraniiti.”
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
43:82
Rabbiin samiifi dachii kan Gooftaa arshii ta’e waan isaan ittiin (Isa) wassafan (ibsan) irraa qulqullaa’eera
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
43:83
Hanga guyyaa isaanii, isa waadaa galaman qunnamanitti (dhara keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
43:84
Inni Isa samii keessatti gabbaramaa, dachii keessattis gabbaramaatiInni ogeessa, beekaadha
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
43:85
Inni mootummaan samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu kan Isaa ta’e, kan beekumsi Qiyaamaas Isa bira jiru, kan gara Isaatti deebifamtan sun toltuun isaa baay’ate
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
43:86
Warri Rabbii gaditti waammatan, namoota dhugaa beekanii ragaa bahaniif malee, manguddummaa seenuu hin danda’anu
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
43:87
Eenyu akka isaan uume odoo isaan gaafattee “Allaahdha” jedhuAkkamumatti irraa garagalfamuree
ﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
43:88
Jechi inni (nabi Muhammad SAW!) “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan kun ummata hin amanne” jedhe (sunis Allaah bira jira)
ﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
43:89
(Yaa Muhammad!) isaan irraa gara galii “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedhiin; (waan isaan mudatu) fuula dura beekuuf jiru
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







