Suuratu Nuh pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Nuh pdf Oromo — Buufi Suuratu Nuh Hiikkaa. Suuratu Nuh (Meccan) 28 Aayah.
Related
- Suuratu Nuh HiikkaaOromo
- Suuratu Nuh mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Nuh

ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
71:1
Nuti "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
71:2
(Nuuhis) ni jedhe: "yaa ummata kiyya! Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
71:3
Rabbiin gabbaraa; Isa sodaadhaa; anaafis ajajamaa" jechuun
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
71:4
Dilii keessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaaeettis isin tursiisaBeellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamuOdoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu)
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
71:5
(Nuuhiin) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Ani ummata kiyya halkaniifi guyyaan waame
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
71:6
Waamichi kiyya (dhugaa irraa) baqa malee homaa isaaniif hin daballe
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
71:7
Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaata ani isaan waamuun qubbeen isaanii gurra isaanii keessa kaa’anii uffata isaanii haguuggatanii (badii) itti fufan; booniinsa boonan
ﯧﯨﯩﯪﯫ
71:8
Ergasii lallabeen isaan waame
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
71:9
Achi boodas ani ifan isaaniif godhe; hasaasuus isaanittin hasaase
ﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
71:10
‘Gooftaa keessan araarama kadhaa; dhugumatti Inni Akkaan Araaramaadhan’ jedhe
ﭑﭒﭓﭔﭕ
71:11
Rooba baayee deddeebiaa isin irratti erga
ﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
71:12
Qabeenyaafi ilmaanis isiniif dabalaAshaakiltii isiniif godheeti laggeenis isiniif taasisa
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
71:13
Maaltu isiniif jiraayi guddina Rabbii hin sodaanne
ﭧﭨﭩﭪ
71:14
Dhugumatti, sadarkaa sadarkaadhaan isin uumeera
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
71:15
Sila akka Rabbiin samii torban wal jalaa gubbaatti uume hin arginee
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
71:16
Isaan keessattis jia ibsaa taasisee; aduus madda ifaafi hoaa (siraaja) taasise
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
71:17
Rabbiinis biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
71:18
Ergasii ishee keessatti isin deebiseeti, baasuus isin baasa
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
71:19
Rabbiinis dachii afata isiniif godhe
ﮎﮏﮐﮑﮒ
71:20
Akka isin ishee irraa karaalee babalaa seentaniif
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
71:21
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan
ﮡﮢﮣﮤ
71:22
Tooftaa gurguddaa baasan
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
71:23
‘Gabbaramtoota keessaniis hin dhiisinaa; waddi, suwaai, yaghuus, yauuqiifi nasriinis hin dhiisinaa (waliin) jedhan
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝ
71:24
Dhugumatti, (namoota) baayee jallisaniiruMiidhaa raawwattootaaf jallinna malee hin dabalin.”
ﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
71:25
Diliiwwan isaanii irraa kan kae, bishaaniin nyaachifamanii ibidda seensifamanRabbiin alatti tumsitoota isaaniif hin arganne
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
71:26
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Kaafiroota irraa nama tokkollee dachii irratti hin dhiisin
ﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
71:27
Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira tae malees hin dhalan (hin horan)
ﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑ
71:28
Gooftaa kiyya! Anaaf, abbaafi haadha kiyyaaf, nama mu’umina taee mana kiyya seeneef, muuminootaafi muumintittiifis araaramiKaafirootaafis badii malee hin dabalin.”
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







