PDF —
44 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Ma'arij pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Ma'arij pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Ma'arij Hiikkaa. Suuratu Al-Ma'arij (Meccan) 44 Aayah.

← Al-HaqqahSuuratu Al-Ma'arij Nuh →


44 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﮮﮯﮰﮱﯓ
70:1 Adaba (kaafiroota irratti) argamaa tae kadhataan wahii kadhate
ﯔﯕﯖﯗﯘ
70:2 Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru
ﯙﯚﯛﯜﯝ
70:3 Rabbii Abbaa kortoowwanii tae irraa (argama)
ﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
70:4 Malaykonniifi Jibiriil guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama tae keessatti gara Isaa ol koru
ﯪﯫﯬﯭ
70:5 Obsa gaarii obsi
ﯮﯯﯰﯱ
70:6 Isaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu
ﯲﯳﯴ
70:7 Nuti immoo dhihootti isa argina
ﯵﯶﯷﯸﯹ
70:8 Guyyaa Samiin akka meeta baqee taatu
ﯺﯻﯼﯽ
70:9 (Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu
ﯾﯿﰀﰁﰂ
70:10 (Guyyaa) firri fira hin gaafanne
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
70:11 Isaan agarsiifamuNamni dilaawaan odoo ilmaan isaa kennee adabbii guyyaa sanii jalaa bilisa baee jaalata
ﭜﭝﭞ
70:12 Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata)
ﭟﭠﭡﭢ
70:13 Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
70:14 Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata)
ﭪﭫﭬﭭﭮ
70:15 Dhorgamaa! Dhugummatti, isheen balala ibiddaati
ﭯﭰﭱ
70:16 Buqqiftuu gogaa sammuuti
ﭲﭳﭴﭵﭶ
70:17 Nama (amantii irraa) duubatti deebiee, gara gale ni waamti
ﭷﭸﭹ
70:18 (Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti)
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
70:19 Dhugumatti, namni obsa dhabeessa taee uumame
ﮀﮁﮂﮃﮄ
70:20 Yeroo hamtuun isa tuqe dallanaadha (gammachuu dhaba)
ﮅﮆﮇﮈﮉ
70:21 Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha
ﮊﮋﮌ
70:22 Warra sagadan malee
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
70:23 Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee)
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
70:24 Isaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru
ﮙﮚﮛ
70:25 Kadhataafi hiyyeessa hin kadhanneef
ﮜﮝﮞﮟﮠ
70:26 Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
70:27 Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha)
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
70:28 Dhugumatti, adabbiin Gooftaa isaanii amanamaa miti
ﮮﮯﮰﮱﯓ
70:29 Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
70:30 Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; dhugumatti, isaan komatamoo miti
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
70:31 Namni sanaan ala barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
70:32 Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan
ﯭﯮﯯﯰﯱ
70:33 Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan
ﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
70:34 Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan
ﯸﯹﯺﯻﯼ
70:35 Warri sun jannata keessatti kabajamoodha
ﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
70:36 Warra kafareef maaltu jiraayi gara kee ariifatu
ﰃﰄﰅﰆﰇﰈ
70:37 Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii
ﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑ
70:38 Sila namni isaan irraa tae hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa
ﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘ
70:39 Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne
ﰙﰚﰛﰜﰝﰞﰟﰠ
70:40 Gooftaa Bahaafi Dhiha hedduutiinin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
70:41 Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (dandaoo dha)Nuti dadhabsiifamoo hin taane
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
70:42 Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
70:43 Guyyaa qabrii irraa arifataa baan isaan waan gara taabotaa dhangalaan fakkaatu
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
70:44 Ijji isaanii xiqqaattee salphinni isaan haguugdiSun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers