Suuratu Al-Mursalat Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Al-Mursalat hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (50 Aayah — مكية). Al-Mursalat Caqasi, Al-Mursalat Hiikkaa, Al-Mursalat mp3, Al-Mursalat pdf.

Suuratu Al-Mursalat Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
وَالْمُرْسَلَاتِ عُرْفًا ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
(Maleykota) wal hordoftuu taanii ergamaniinin kakadha
فَالْعَاصِفَاتِ عَصْفًا ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
(Bubbeewwan) humnaan bubbisuu bubbisaniinis
وَالنَّاشِرَاتِ نَشْرًا ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
(Bubbeewwan rooba) faffacaasuu facaasaniinis
فَالْفَارِقَاتِ فَرْقًا ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
(Keeyyatoota haqaafi dhara) adda baasuu adda baasanittis
فَالْمُلْقِيَاتِ ذِكْرًا ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
(Malaykota) ergaa buuftotattis
عُذْرًا أَوْ نُذْرًا ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Sababaa dhabamsiisuuf yookiin akeekkachiisuuf jecha (kan buusanittin kakadha)
إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَوَاقِعٌ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Wanti (Qiyaamaan) isin sodaachifamtan argamaadha
فَإِذَا النُّجُومُ طُمِسَتْ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Yeroo urjiiwwan ifti ishee haqamte
وَإِذَا السَّمَاءُ فُرِجَتْ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Yeroo samiinis babbanamte
وَإِذَا الْجِبَالُ نُسِفَتْ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Yeroo gaarreenis (bakka irraa) bubuqqifamte
وَإِذَا الرُّسُلُ أُقِّتَتْ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Yeroo Ergamoonnis beellamaan walitii qabamte
لِأَيِّ يَوْمٍ أُجِّلَتْ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Guyyaa kamiif beellamaman
لِيَوْمِ الْفَصْلِ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Guyyaa addaan bahiinsaatiif (beellamaman)
وَمَا أَدْرَاكَ مَا يَوْمُ الْفَصْلِ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
Guyyaan Addaan bahiinsaa maal akka tae maaltu si beeksise
وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
أَلَمْ نُهْلِكِ الْأَوَّلِينَ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
Sila Nuti warra duraanii hin balleessinee
ثُمَّ نُتْبِعُهُمُ الْآخِرِينَ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
Ergasiis warra boodaa isaan hordofsiifna
كَذَٰلِكَ نَفْعَلُ بِالْمُجْرِمِينَ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
Yakkamtootas akkanuma goona
وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
أَلَمْ نَخْلُقكُّم مِّن مَّاءٍ مَّهِينٍ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
Sila Nuti bishaan dadhabaa (maniyyii) irraa isin hin uumnee
فَجَعَلْنَاهُ فِي قَرَارٍ مَّكِينٍ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
Bakka mijaaaa keessas isa goone
إِلَىٰ قَدَرٍ مَّعْلُومٍ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
Hanga yeroo beekamaatti
فَقَدَرْنَا فَنِعْمَ الْقَادِرُونَ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
Ni shallagnes; nuti shallagdoota akkaan tole
وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
أَلَمْ نَجْعَلِ الْأَرْضَ كِفَاتًا ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu hin taasifnee
أَحْيَاءً وَأَمْوَاتًا ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
Jiraafi duaas (walitti qabdi)
وَجَعَلْنَا فِيهَا رَوَاسِيَ شَامِخَاتٍ وَأَسْقَيْنَاكُم مَّاءً فُرَاتًا ۝٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 27
Gaarreen raggaoo dhedheeraa ishee keessatti gooneBishaan miaawaas isin obaafne
وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ ۝٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 28
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
انطَلِقُوا إِلَىٰ مَا كُنتُم بِهِ تُكَذِّبُونَ ۝٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 29
(Isaaniin ni jedhama): "gara waan sobsiisaa turtanii deemaa
انطَلِقُوا إِلَىٰ ظِلٍّ ذِي ثَلَاثِ شُعَبٍ ۝٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 30
Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa
لَّا ظَلِيلٍ وَلَا يُغْنِي مِنَ اللَّهَبِ ۝٣١
📖 Hiikkaa Aayah 31
Gaaddiseessaa miti; bobaaa ibiddaa irraas hin duroomsu
إِنَّهَا تَرْمِي بِشَرَرٍ كَالْقَصْرِ ۝٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 32
Isheen qaanqeewwan akka gamoo darbatti
كَأَنَّهُ جِمَالَتٌ صُفْرٌ ۝٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 33
Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata
وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ ۝٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 34
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
هَٰذَا يَوْمُ لَا يَنطِقُونَ ۝٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 35
Kun Guyyaa isaan hin dubbanneedha
وَلَا يُؤْذَنُ لَهُمْ فَيَعْتَذِرُونَ ۝٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 36
Rakkoo haa himataniif isaaniif hin eeyyamamu
وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ ۝٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 37
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
هَٰذَا يَوْمُ الْفَصْلِ ۖ جَمَعْنَاكُمْ وَالْأَوَّلِينَ ۝٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 38
Kun guyyaa adda fooamiinsaati; Isiniifi warra duraas walitti qabne
فَإِن كَانَ لَكُمْ كَيْدٌ فَكِيدُونِ ۝٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 39
Yoo tooftaa wahii qabaattan tooftaa Natti baafadhaa
وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ ۝٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 40
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي ظِلَالٍ وَعُيُونٍ ۝٤١
📖 Hiikkaa Aayah 41
Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan gaaddisootaafi burqituuwwan keessa jiraatu
وَفَوَاكِهَ مِمَّا يَشْتَهُونَ ۝٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 42
Asheeta irraa waan fedhan (keessa taau)
كُلُوا وَاشْرَبُوا هَنِيئًا بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ ۝٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 43
Sababaa waan dalagaa turtaniitiif gammachuun nyaadhaa; dhugaa" (jedhamu)
إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجْزِي الْمُحْسِنِينَ ۝٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 44
Nuti akka kanatti warra toltuu hojjatan mindeessina
وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ ۝٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 45
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
كُلُوا وَتَمَتَّعُوا قَلِيلًا إِنَّكُم مُّجْرِمُونَ ۝٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 46
(Addunyaa irratti) "nyaadhaa; xiqqoo qananiaa; dhugumatti isin badii hojjattoota” (isaaniin jedhama)
وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ ۝٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 47
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ارْكَعُوا لَا يَرْكَعُونَ ۝٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 48
Yeroo ‘salaataa’ isaaniin jedhames hin salaatanu
وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ ۝٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 49
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
فَبِأَيِّ حَدِيثٍ بَعْدَهُ يُؤْمِنُونَ ۝٥٠
📖 Hiikkaa Aayah 50
Isaan ala haasawa kamitti amanu ree
← 76 Al-Mursalat (77/114) 78 →
Dubbisi Suuratu Al-Mursalat Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

77المرسلات Al-Mursalat 📚 50 Aayah مكية

Aayah amma aayah – Suuratu Al-Mursalat — 50 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers