PDF —
50 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Mursalat pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Mursalat pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Mursalat Hiikkaa. Suuratu Al-Mursalat (Meccan) 50 Aayah.

← Al-InsanSuuratu Al-Mursalat An-Naba →


50 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﮑﮒﮓ
77:1 (Maleykota) wal hordoftuu taanii ergamaniinin kakadha
ﮔﮕﮖ
77:2 (Bubbeewwan) humnaan bubbisuu bubbisaniinis
ﮗﮘﮙ
77:3 (Bubbeewwan rooba) faffacaasuu facaasaniinis
ﮚﮛﮜ
77:4 (Keeyyatoota haqaafi dhara) adda baasuu adda baasanittis
ﮝﮞﮟ
77:5 (Malaykota) ergaa buuftotattis
ﮠﮡﮢﮣ
77:6 Sababaa dhabamsiisuuf yookiin akeekkachiisuuf jecha (kan buusanittin kakadha)
ﮤﮥﮦﮧ
77:7 Wanti (Qiyaamaan) isin sodaachifamtan argamaadha
ﮨﮩﮪﮫ
77:8 Yeroo urjiiwwan ifti ishee haqamte
ﮬﮭﮮﮯ
77:9 Yeroo samiinis babbanamte
ﮰﮱﯓﯔ
77:10 Yeroo gaarreenis (bakka irraa) bubuqqifamte
ﯕﯖﯗﯘ
77:11 Yeroo Ergamoonnis beellamaan walitii qabamte
ﯙﯚﯛﯜ
77:12 Guyyaa kamiif beellamaman
ﯝﯞﯟ
77:13 Guyyaa addaan bahiinsaatiif (beellamaman)
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
77:14 Guyyaan Addaan bahiinsaa maal akka tae maaltu si beeksise
ﯦﯧﯨﯩ
77:15 Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
ﯪﯫﯬﯭ
77:16 Sila Nuti warra duraanii hin balleessinee
ﯮﯯﯰﯱ
77:17 Ergasiis warra boodaa isaan hordofsiifna
ﯲﯳﯴﯵ
77:18 Yakkamtootas akkanuma goona
ﯶﯷﯸﯹ
77:19 Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
77:20 Sila Nuti bishaan dadhabaa (maniyyii) irraa isin hin uumnee
ﭗﭘﭙﭚﭛ
77:21 Bakka mijaaaa keessas isa goone
ﭜﭝﭞﭟ
77:22 Hanga yeroo beekamaatti
ﭠﭡﭢﭣ
77:23 Ni shallagnes; nuti shallagdoota akkaan tole
ﭤﭥﭦﭧ
77:24 Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
ﭨﭩﭪﭫﭬ
77:25 Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu hin taasifnee
ﭭﭮﭯ
77:26 Jiraafi duaas (walitti qabdi)
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
77:27 Gaarreen raggaoo dhedheeraa ishee keessatti gooneBishaan miaawaas isin obaafne
ﭸﭹﭺﭻ
77:28 Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
77:29 (Isaaniin ni jedhama): "gara waan sobsiisaa turtanii deemaa
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
77:30 Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
77:31 Gaaddiseessaa miti; bobaaa ibiddaa irraas hin duroomsu
ﮑﮒﮓﮔﮕ
77:32 Isheen qaanqeewwan akka gamoo darbatti
ﮖﮗﮘﮙ
77:33 Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata
ﮚﮛﮜﮝ
77:34 Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
ﮞﮟﮠﮡﮢ
77:35 Kun Guyyaa isaan hin dubbanneedha
ﮣﮤﮥﮦﮧ
77:36 Rakkoo haa himataniif isaaniif hin eeyyamamu
ﮨﮩﮪﮫ
77:37 Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
77:38 Kun guyyaa adda fooamiinsaati; Isiniifi warra duraas walitti qabne
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
77:39 Yoo tooftaa wahii qabaattan tooftaa Natti baafadhaa
ﯚﯛﯜﯝ
77:40 Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
ﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
77:41 Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan gaaddisootaafi burqituuwwan keessa jiraatu
ﯤﯥﯦﯧ
77:42 Asheeta irraa waan fedhan (keessa taau)
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
77:43 Sababaa waan dalagaa turtaniitiif gammachuun nyaadhaa; dhugaa" (jedhamu)
ﯯﯰﯱﯲﯳ
77:44 Nuti akka kanatti warra toltuu hojjatan mindeessina
ﯴﯵﯶﯷ
77:45 Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
77:46 (Addunyaa irratti) "nyaadhaa; xiqqoo qananiaa; dhugumatti isin badii hojjattoota” (isaaniin jedhama)
ﯾﯿﰀﰁ
77:47 Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
ﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈ
77:48 Yeroo ‘salaataa’ isaaniin jedhames hin salaatanu
ﰉﰊﰋﰌ
77:49 Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae
ﰍﰎﰏﰐﰑ
77:50 Isaan ala haasawa kamitti amanu ree

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers