PDF —
8 Aayah Medinan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Bayyinah pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Bayyinah pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Bayyinah Hiikkaa. Suuratu Al-Bayyinah (Medinan) 8 Aayah.

← Al-QadrSuuratu Al-Bayyinah Az-Zalzalah →


8 Aayah · Medinan · Oromo
bismillah
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
98:1 Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran odoo ragaan isaanitti hin dhufin kan dhiifamanu[] hin taane
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
98:2 (Ragichis) ergamaa Rabbi irraa ta’e kan kitaabota qulqulleeffame dubbisu
ﮫﮬﮭﮮ
98:3 Ishee keessa barreeffamoota sirriitu jira
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
98:4 Isaan kitaaba kennamanis hanga ragaan ifaan isaanitti dhufutti adda hin facaane
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
98:5 Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu, salaata dhaabuufi zakaa kennuutti malee homaa hin ajajamneKun immoo amantii qajeelaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
98:6 Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran ibidda jahannam keessatti hafoo ta’anii jiraatuWarri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
98:7 Dhugumatti, isaan amananiifi gaggaarii hojjatan, isaan sun isaanumatu irra caalaa uumamaati
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
98:8 Mindaan isaanii Gooftaa isaanii biratti jannata qubsumaa kan jala ishee laggeen yaatu yeroo hunda ishee keessa jiraatuRabbiin isaan irraa jaalateera; isaanis Isa irraa jaalataniiruKun nama Gooftaa isaa sodaatuuf qofa ta’a

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers