8 Aayah · Medinan · Oromo
bismillah
ﮅﮆﮇﮈﮉ
99:1 Yeroo dachiin sochii ishee sosochoote
ﮊﮋﮌﮍ
99:2 Akkasumas, (yeroo) dachiin baaa ishee baafte
ﮎﮏﮐﮑﮒ
99:3 Namni "sila isheen maal taate?" jedhe
ﮓﮔﮕﮖ
99:4 Guyyaa san (dachiin) oduu ishee ni odeessiti
ﮗﮘﮙﮚﮛ
99:5 [Kunis] Waan Gooftaan kee isheetti beeksisa godheef
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
99:6 Guyyaa san namoonni hojii isaanii agarsiifamuuf jecha garee gareen (bakka dhaabbii irraa) deebi’u
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
99:7 Namni (hanga) madaala atomii toltuu dalage isuma arga
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
99:8 Namni (hanga) madaala atomii hamtuu dalages isuma arga

Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, September 29, 2026

Don't forget us in your sincere prayers