Suuratu Al-Qiyamah Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Al-Qiyamah hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (40 Aayah — مكية). Al-Qiyamah Caqasi, Al-Qiyamah Hiikkaa, Al-Qiyamah mp3, Al-Qiyamah pdf.

Suuratu Al-Qiyamah Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
لَا أُقْسِمُ بِيَوْمِ الْقِيَامَةِ ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiinin kakadha
وَلَا أُقْسِمُ بِالنَّفْسِ اللَّوَّامَةِ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Lubbuu of komattuu taateenis nan kakadha; (mindaa galfamuuf jirtu)
أَيَحْسَبُ الْإِنسَانُ أَلَّن نَّجْمَعَ عِظَامَهُ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa
بَلَىٰ قَادِرِينَ عَلَىٰ أَن نُّسَوِّيَ بَنَانَهُ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Eeyyeen (walitti ni qabna)(Nuti) qubbeen isaatuu akka turanitti deebifnee sirreessuu irratti dandaoodha
بَلْ يُرِيدُ الْإِنسَانُ لِيَفْجُرَ أَمَامَهُ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Dhugumatti namni fuuldura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha
يَسْأَلُ أَيَّانَ يَوْمُ الْقِيَامَةِ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Guyyaan Qiyaamaa yoomii?"gaafata
فَإِذَا بَرِقَ الْبَصَرُ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
(Guyyaan sun) yeroo ijji dhamaatu
وَخَسَفَ الْقَمَرُ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
(Yeroo) jiini ifa dhabu (gaddiddaa’u)
وَجُمِعَ الشَّمْسُ وَالْقَمَرُ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Aduufi jiinis walitti qabamu
يَقُولُ الْإِنسَانُ يَوْمَئِذٍ أَيْنَ الْمَفَرُّ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Guyyaa san namni "bakki baqaa eessa?" jedha
كَلَّا لَا وَزَرَ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Dhorgamaa! (Guyyaa san) iddoon baqaa hin jiru
إِلَىٰ رَبِّكَ يَوْمَئِذٍ الْمُسْتَقَرُّ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti
يُنَبَّأُ الْإِنسَانُ يَوْمَئِذٍ بِمَا قَدَّمَ وَأَخَّرَ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Namni guyyaa san wanti inni hojjateefi dhiise itti himama
بَلِ الْإِنسَانُ عَلَىٰ نَفْسِهِ بَصِيرَةٌ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
Dhugumatti, namni of irratti ragaadha
وَلَوْ أَلْقَىٰ مَعَاذِيرَهُ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
Odoma rakkoo adda addaa dhiyeeffateeyyuu
لَا تُحَرِّكْ بِهِ لِسَانَكَ لِتَعْجَلَ بِهِ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin
إِنَّ عَلَيْنَا جَمْعَهُ وَقُرْآنَهُ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
Dhugumatti, isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira
فَإِذَا قَرَأْنَاهُ فَاتَّبِعْ قُرْآنَهُ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
Yeroo Nuti isa qaraane qiraatii isaa hordofi
ثُمَّ إِنَّ عَلَيْنَا بَيَانَهُ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
Ergasii isa ibsuun Nurra jira
كَلَّا بَلْ تُحِبُّونَ الْعَاجِلَةَ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
Dhugumatti, isin ariifattuu (duuniyaa) jaalattu
وَتَذَرُونَ الْآخِرَةَ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
Aakhiraa ni dhiiftu
وُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ نَّاضِرَةٌ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha
إِلَىٰ رَبِّهَا نَاظِرَةٌ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
Gara Gooftaa ishees ilaaltuudha
وَوُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ بَاسِرَةٌ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
Fuulli gariinis Guyyaa san akkaan suntuurtuudha
تَظُنُّ أَن يُفْعَلَ بِهَا فَاقِرَةٌ ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
Balaan guddaan ishee irratti raawwatamuu yaaddi
كَلَّا إِذَا بَلَغَتِ التَّرَاقِيَ ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
Dhaga’aa! Yeroo (lubbuun bauuf) kokkee bira geesse
وَقِيلَ مَنْ ۜ رَاقٍ ۝٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 27
(Yeroo) "eenyutu isa yaala?" jedhame
وَظَنَّ أَنَّهُ الْفِرَاقُ ۝٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 28
(Namni duaa jiru sun) ‘dhugumatti, inni (addunyaa kana irraa) adda bauu dha’ jechuu yeroo mirkaneeffate
وَالْتَفَّتِ السَّاقُ بِالسَّاقِ ۝٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 29
(Yeroo) mogoleen mogoleetti maramte
إِلَىٰ رَبِّكَ يَوْمَئِذٍ الْمَسَاقُ ۝٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 30
Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiiti
فَلَا صَدَّقَ وَلَا صَلَّىٰ ۝٣١
📖 Hiikkaa Aayah 31
Hin amanne; hin salaanne
وَلَٰكِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ ۝٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 32
Garuu kijibsiisee irraa gara gale
ثُمَّ ذَهَبَ إِلَىٰ أَهْلِهِ يَتَمَطَّىٰ ۝٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 33
Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme
أَوْلَىٰ لَكَ فَأَوْلَىٰ ۝٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 34
Badiin siif haa ta’u! Ammas badiin
ثُمَّ أَوْلَىٰ لَكَ فَأَوْلَىٰ ۝٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 35
Sana booda badiin siif haa ta’u! Ammas badiin
أَيَحْسَبُ الْإِنسَانُ أَن يُتْرَكَ سُدًى ۝٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 36
Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa
أَلَمْ يَكُ نُطْفَةً مِّن مَّنِيٍّ يُمْنَىٰ ۝٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 37
Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa taee hin turree
ثُمَّ كَانَ عَلَقَةً فَخَلَقَ فَسَوَّىٰ ۝٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 38
Ergasii dhiiga ititaa taeeti (nama godhee) uumee guute
فَجَعَلَ مِنْهُ الزَّوْجَيْنِ الذَّكَرَ وَالْأُنثَىٰ ۝٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 39
Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise
أَلَيْسَ ذَٰلِكَ بِقَادِرٍ عَلَىٰ أَن يُحْيِيَ الْمَوْتَىٰ ۝٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 40
Sila (Rabbiin akkas godhe) sun duaa jiraachisuu irratti dandaaa mitii
← 74 Al-Qiyamah (75/114) 76 →
Dubbisi Suuratu Al-Qiyamah Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

75القيامة Al-Qiyamah 📚 40 Aayah مكية

Aayah amma aayah – Suuratu Al-Qiyamah — 40 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers