PDF —
40 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Qiyamah pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Qiyamah pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Qiyamah Hiikkaa. Suuratu Al-Qiyamah (Meccan) 40 Aayah.

← Al-MuddaththirSuuratu Al-Qiyamah Al-Insan →


40 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﮊﮋﮌﮍﮎ
75:1 Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiinin kakadha
ﮏﮐﮑﮒﮓ
75:2 Lubbuu of komattuu taateenis nan kakadha; (mindaa galfamuuf jirtu)
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
75:3 Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
75:4 Eeyyeen (walitti ni qabna)(Nuti) qubbeen isaatuu akka turanitti deebifnee sirreessuu irratti dandaoodha
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
75:5 Dhugumatti namni fuuldura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha
ﮧﮨﮩﮪﮫ
75:6 Guyyaan Qiyaamaa yoomii?"gaafata
ﮬﮭﮮﮯ
75:7 (Guyyaan sun) yeroo ijji dhamaatu
ﮰﮱﯓ
75:8 (Yeroo) jiini ifa dhabu (gaddiddaa’u)
ﯔﯕﯖﯗ
75:9 Aduufi jiinis walitti qabamu
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝ
75:10 Guyyaa san namni "bakki baqaa eessa?" jedha
ﯞﯟﯠﯡ
75:11 Dhorgamaa! (Guyyaa san) iddoon baqaa hin jiru
ﯢﯣﯤﯥﯦ
75:12 Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
75:13 Namni guyyaa san wanti inni hojjateefi dhiise itti himama
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
75:14 Dhugumatti, namni of irratti ragaadha
ﯴﯵﯶﯷ
75:15 Odoma rakkoo adda addaa dhiyeeffateeyyuu
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
75:16 Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin
ﯿﰀﰁﰂﰃ
75:17 Dhugumatti, isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira
ﰄﰅﰆﰇﰈ
75:18 Yeroo Nuti isa qaraane qiraatii isaa hordofi
ﰉﰊﰋﰌﰍ
75:19 Ergasii isa ibsuun Nurra jira
ﭑﭒﭓﭔﭕ
75:20 Dhugumatti, isin ariifattuu (duuniyaa) jaalattu
ﭖﭗﭘ
75:21 Aakhiraa ni dhiiftu
ﭙﭚﭛﭜ
75:22 Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha
ﭝﭞﭟﭠ
75:23 Gara Gooftaa ishees ilaaltuudha
ﭡﭢﭣﭤ
75:24 Fuulli gariinis Guyyaa san akkaan suntuurtuudha
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
75:25 Balaan guddaan ishee irratti raawwatamuu yaaddi
ﭫﭬﭭﭮﭯ
75:26 Dhaga’aa! Yeroo (lubbuun bauuf) kokkee bira geesse
ﭰﭱﭲﭳﭴ
75:27 (Yeroo) "eenyutu isa yaala?" jedhame
ﭵﭶﭷﭸ
75:28 (Namni duaa jiru sun) ‘dhugumatti, inni (addunyaa kana irraa) adda bauu dha’ jechuu yeroo mirkaneeffate
ﭹﭺﭻﭼ
75:29 (Yeroo) mogoleen mogoleetti maramte
ﭽﭾﭿﮀﮁ
75:30 Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiiti
ﮂﮃﮄﮅﮆ
75:31 Hin amanne; hin salaanne
ﮇﮈﮉﮊ
75:32 Garuu kijibsiisee irraa gara gale
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
75:33 Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme
ﮑﮒﮓﮔ
75:34 Badiin siif haa ta’u! Ammas badiin
ﮕﮖﮗﮘﮙ
75:35 Sana booda badiin siif haa ta’u! Ammas badiin
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
75:36 Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
75:37 Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa taee hin turree
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
75:38 Ergasii dhiiga ititaa taeeti (nama godhee) uumee guute
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
75:39 Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
75:40 Sila (Rabbiin akkas godhe) sun duaa jiraachisuu irratti dandaaa mitii

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers