Al-Baqarah · 82/286
Hiikkaa Sagaleeffama — Al-Baqarah
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ  ۝٨٢
Wallazeena aamanoo wa `amilus saalihaati ulaaa`ika Ashaabul Jannati hum feeha khaalidoon
📖 Afaan Oromoon
Warri amananii, gaggaarii hojjatan immoo isaan warra jannataa kan ishee keessatti hafanuudha
🎧 Caqasi

📜 Aayah 80-84 — Al-Baqarah

80وَقَالُواْ لَن تَمَسَّنَا ٱلنَّارُ إِلَّآ أَيَّامًا مَّعۡدُودَةًۚ قُلۡ أَتَّخَذۡتُمۡ عِندَ ٱللَّهِ عَهۡدًا فَلَن يُخۡلِفَ ٱللَّهُ عَهۡدَهُۥٓۖ أَمۡ تَقُولُونَ عَلَى ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ 
Ibiddi guyyaa lakkaa’amtuu malee nu hin tuqxu" jedhan"Sila isin Rabbiin bira waadaa kaayattanii? [Yoo akkas ta’eef] Rabbiin waadaa isaa hin diigu; [miti] dhugaatti, waan hin beekne Rabbi irratti dubbattu" jedhi
81بَلَىٰۚ مَن كَسَبَ سَيِّئَةً وَأَحَٰطَتۡ بِهِۦ خَطِيٓـَٔتُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ 
[Dubbiin akka isin jettan] miti! Namni hamtuu hojjatee hamtuun isaa isa marsite, isaan warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha
82وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ 
Warri amananii, gaggaarii hojjatan immoo isaan warra jannataa kan ishee keessatti hafanuudha
83وَإِذۡ أَخَذۡنَا مِيثَٰقَ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ لَا تَعۡبُدُونَ إِلَّا ٱللَّهَ وَبِٱلۡوَٰلِدَيۡنِ إِحۡسَانًا وَذِي ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡيَتَٰمَىٰ وَٱلۡمَسَٰكِينِ وَقُولُواْ لِلنَّاسِ حُسۡنًا وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ ثُمَّ تَوَلَّيۡتُمۡ إِلَّا قَلِيلًا مِّنكُمۡ وَأَنتُم مُّعۡرِضُونَ 
Ammas yeroo Nuti Ilmaan Israa’iil irraa "Rabbiin malee [waan biraa] hin gabbarinaa; abbaafi haadhaaf, firootaafis, yatiimotaafis, hiyyeeyyiifis tola oolaa; namootattis toltuu haasa’aa; salaatas gadi dhaabaa; zakaas kennaa" (jechuun) waadaa qabanne [yaadadhaa]Ergasii nama muraasa isin irraa ta’e malee, duuba deebi’aa taatanii irraa gara galtani
84وَإِذۡ أَخَذۡنَا مِيثَٰقَكُمۡ لَا تَسۡفِكُونَ دِمَآءَكُمۡ وَلَا تُخۡرِجُونَ أَنفُسَكُم مِّن دِيَٰرِكُمۡ ثُمَّ أَقۡرَرۡتُمۡ وَأَنتُمۡ تَشۡهَدُونَ 
Yeroo Nuti "dhiiga keessan hin dhangalaasinaa; namoota keessanis manneen isaanii irraa hin baasinaa" (jechuun) waadaa keessan qabannee ergasii isin ragaa taatanii mirkaneessitan [yaadadhaa]
Al-BaqarahTarreeffama Qur'ana
286Aayah
MedinanRevelation
82Aayah

Hiikkaa — Al-Baqarah 82

Suuratu Aayah 82/286 — Al-Baqarah البقرة (Medinan). Dubbisi Caqasi Hiikkaa (Oromo). Caqasi: Al-Baqarah Caqasi, Al-Baqarah Hiikkaa, Al-Baqarah mp3, Al-Baqarah pdf. Aayah 80–84. Afaan Oromoon: العربية.




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers