Al-Hujurat · 9/18
Hiikkaa Sagaleeffama — Al-Hujurat
وَإِن طَائِفَتَانِ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ اقْتَتَلُوا فَأَصْلِحُوا بَيْنَهُمَا ۖ فَإِن بَغَتْ إِحْدَاهُمَا عَلَى الْأُخْرَىٰ فَقَاتِلُوا الَّتِي تَبْغِي حَتَّىٰ تَفِيءَ إِلَىٰ أَمْرِ اللَّهِ ۚ فَإِن فَاءَتْ فَأَصْلِحُوا بَيْنَهُمَا بِالْعَدْلِ وَأَقْسِطُوا ۖ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُقْسِطِينَ ۝٩
Wa in taaa`ifataani minal mu`mineenaq tataloo faaslihoo bainahumaa fa-im baghat ih daahumaa `alal ukhraa faqaatilul latee tabhee hattaa tafeee`a ilaaa amril laah; fa-in faaa`t fa aslihoo bainahumaa bil`adli wa aqsitoo innal laaha yuhibbul muqsiteen
📖 Afaan Oromoon
Yoo gareen mu’uminoota irraa ta’an lama wal waraanan, gidduu isaaniitti araara buusaaYoo lamaan keessaa isheen tokko ishee lammataa irratti daangaa darbite, ishee daangaa darbite san hanga isheen gara ajaja Rabbii deebitutti waraanaaYoo isheen (ajaja Rabbiitif) bulte gidduu isaanitti haqaan tolchaa; wal qixxeessasDhugumatti, Rabbiin warra wal qixxeessan jaallata
🎧 Caqasi

📜 Aayah 7-11 — Al-Hujurat

7وَاعْلَمُوا أَنَّ فِيكُمْ رَسُولَ اللَّهِ ۚ لَوْ يُطِيعُكُمْ فِي كَثِيرٍ مِّنَ الْأَمْرِ لَعَنِتُّمْ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ حَبَّبَ إِلَيْكُمُ الْإِيمَانَ وَزَيَّنَهُ فِي قُلُوبِكُمْ وَكَرَّهَ إِلَيْكُمُ الْكُفْرَ وَالْفُسُوقَ وَالْعِصْيَانَ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الرَّاشِدُونَ
Isin keessa ergamaan Rabbii jiraachuu beekaaDhimmoota baay’ee keessatti odoo isin jala deemee rakkinni isin irra ga’a tureGaruu Rabbiin iimaana gara keessanitti jaallachiiseeti, onnee keessan keessattis isa miidhagsee, kufrii, fincilaafi dilii gara keessanitti jibbamaa godheIsaan sun isaanumatu qajeeloodha
8فَضْلًا مِّنَ اللَّهِ وَنِعْمَةً ۚ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Tolaafi ni’imaa Rabbi irraa ta’een (kana godhe)Rabbiinis beekaa, ogeessa
9وَإِن طَائِفَتَانِ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ اقْتَتَلُوا فَأَصْلِحُوا بَيْنَهُمَا ۖ فَإِن بَغَتْ إِحْدَاهُمَا عَلَى الْأُخْرَىٰ فَقَاتِلُوا الَّتِي تَبْغِي حَتَّىٰ تَفِيءَ إِلَىٰ أَمْرِ اللَّهِ ۚ فَإِن فَاءَتْ فَأَصْلِحُوا بَيْنَهُمَا بِالْعَدْلِ وَأَقْسِطُوا ۖ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُقْسِطِينَ
Yoo gareen mu’uminoota irraa ta’an lama wal waraanan, gidduu isaaniitti araara buusaaYoo lamaan keessaa isheen tokko ishee lammataa irratti daangaa darbite, ishee daangaa darbite san hanga isheen gara ajaja Rabbii deebitutti waraanaaYoo isheen (ajaja Rabbiitif) bulte gidduu isaanitti haqaan tolchaa; wal qixxeessasDhugumatti, Rabbiin warra wal qixxeessan jaallata
10إِنَّمَا الْمُؤْمِنُونَ إِخْوَةٌ فَأَصْلِحُوا بَيْنَ أَخَوَيْكُمْ ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ
Mu’uminoonni obboleeyyani; kanaafuu gidduu obboleeyyan keessanii tolchaaAkka mararfatamtanuuf jecha Rabbiin sodaadhaa
11يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا يَسْخَرْ قَوْمٌ مِّن قَوْمٍ عَسَىٰ أَن يَكُونُوا خَيْرًا مِّنْهُمْ وَلَا نِسَاءٌ مِّن نِّسَاءٍ عَسَىٰ أَن يَكُنَّ خَيْرًا مِّنْهُنَّ ۖ وَلَا تَلْمِزُوا أَنفُسَكُمْ وَلَا تَنَابَزُوا بِالْأَلْقَابِ ۖ بِئْسَ الِاسْمُ الْفُسُوقُ بَعْدَ الْإِيمَانِ ۚ وَمَن لَّمْ يَتُبْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ
Dhiironni dhiirota biraa hin tuffatinIsaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni malaDubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin)Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni malaTokkoon keessan isa biraa maqaa hin xureessin; maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaaErga amanuutii maqaan faasiquummaa (amantiin alaa) akkam fokkataa dha! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota
Al-HujuratTarreeffama Qur'ana
18Aayah
MedinanRevelation
9Aayah

Hiikkaa — Al-Hujurat 9

Suuratu Al-Hujurat Aayah 9 - Dubbisi, Caqasi, Hiikkaa, Oromo : Yoo gareen mu’uminoota irraa ta’an lama wal waraanan, gidduu isaaniitti…

Suuratu Aayah 9/18 — Al-Hujurat الحجرات (Medinan). Dubbisi Caqasi Hiikkaa (Oromo). Caqasi: Al-Hujurat Caqasi, Al-Hujurat Hiikkaa, Al-Hujurat mp3, Al-Hujurat pdf. Aayah 7–11. Afaan Oromoon: العربية.




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers