Suuratu Al-Qamar Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Al-Qamar hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (55 Aayah — مكية). Al-Qamar Caqasi, Al-Qamar Hiikkaa, Al-Qamar mp3, Al-Qamar pdf.

Suuratu Al-Qamar Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
اقْتَرَبَتِ السَّاعَةُ وَانشَقَّ الْقَمَرُ ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe
وَإِن يَرَوْا آيَةً يُعْرِضُوا وَيَقُولُوا سِحْرٌ مُّسْتَمِرٌّ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Yeroo mallattoo wahii argan gara galaniiti “(kun) sihrii cimaadha” jedhu
وَكَذَّبُوا وَاتَّبَعُوا أَهْوَاءَهُمْ ۚ وَكُلُّ أَمْرٍ مُّسْتَقِرٌّ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
(Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofuWanti hunduu galma ga’aadha
وَلَقَدْ جَاءَهُم مِّنَ الْأَنبَاءِ مَا فِيهِ مُزْدَجَرٌ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Dhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa dhorgaan jiru isaanitti dhufeera
حِكْمَةٌ بَالِغَةٌ ۖ فَمَا تُغْنِ النُّذُرُ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera)Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu
فَتَوَلَّ عَنْهُمْ ۘ يَوْمَ يَدْعُ الدَّاعِ إِلَىٰ شَيْءٍ نُّكُرٍ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Isaan irraa garagaliGuyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu
خُشَّعًا أَبْصَارُهُمْ يَخْرُجُونَ مِنَ الْأَجْدَاثِ كَأَنَّهُمْ جَرَادٌ مُّنتَشِرٌ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’anii akka awwaannisa faca’ee fakkaatu
مُّهْطِعِينَ إِلَى الدَّاعِ ۖ يَقُولُ الْكَافِرُونَ هَٰذَا يَوْمٌ عَسِرٌ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Gara waamaatti ori’uKaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu
۞ كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ فَكَذَّبُوا عَبْدَنَا وَقَالُوا مَجْنُونٌ وَازْدُجِرَ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteeraGabricha keenya (Nuuh) sobsiisanii, “inni maraataa dha, dhorgameeras.” jedhan
فَدَعَا رَبَّهُ أَنِّي مَغْلُوبٌ فَانتَصِرْ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
“Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate
فَفَتَحْنَا أَبْوَابَ السَّمَاءِ بِمَاءٍ مُّنْهَمِرٍ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Bishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne
وَفَجَّرْنَا الْأَرْضَ عُيُونًا فَالْتَقَى الْمَاءُ عَلَىٰ أَمْرٍ قَدْ قُدِرَ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan
وَحَمَلْنَاهُ عَلَىٰ ذَاتِ أَلْوَاحٍ وَدُسُرٍ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa baadhanne (feene)
تَجْرِي بِأَعْيُنِنَا جَزَاءً لِّمَن كَانَ كُفِرَ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
Galata isa itti kafaramee taatee tika keenyaan deemti
وَلَقَد تَّرَكْنَاهَا آيَةً فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifneNamni ittiin gorfamu jiraa laata
فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata
وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerraNamni ittiin gorfamu jiraa
كَذَّبَتْ عَادٌ فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifteadabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree
إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِيحًا صَرْصَرًا فِي يَوْمِ نَحْسٍ مُّسْتَمِرٍّ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
Qilleensa qorraa guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa isaanitti ergine
تَنزِعُ النَّاسَ كَأَنَّهُمْ أَعْجَازُ نَخْلٍ مُّنقَعِرٍ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
Nama ni butti(Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu
فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata
وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirraNamni gorfamu jiraa
كَذَّبَتْ ثَمُودُ بِالنُّذُرِ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru
فَقَالُوا أَبَشَرًا مِّنَّا وَاحِدًا نَّتَّبِعُهُ إِنَّا إِذًا لَّفِي ضَلَالٍ وَسُعُرٍ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti oggas jallinaafi maraatuu keessa jirra
أَأُلْقِيَ الذِّكْرُ عَلَيْهِ مِن بَيْنِنَا بَلْ هُوَ كَذَّابٌ أَشِرٌ ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha
سَيَعْلَمُونَ غَدًا مَّنِ الْكَذَّابُ الْأَشِرُ ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru
إِنَّا مُرْسِلُو النَّاقَةِ فِتْنَةً لَّهُمْ فَارْتَقِبْهُمْ وَاصْطَبِرْ ۝٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 27
Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodhaKanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis
وَنَبِّئْهُمْ أَنَّ الْمَاءَ قِسْمَةٌ بَيْنَهُمْ ۖ كُلُّ شِرْبٍ مُّحْتَضَرٌ ۝٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 28
Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himiDhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha
فَنَادَوْا صَاحِبَهُمْ فَتَعَاطَىٰ فَعَقَرَ ۝٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 29
Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane
فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ ۝٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 30
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata
إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ صَيْحَةً وَاحِدَةً فَكَانُوا كَهَشِيمِ الْمُحْتَظِرِ ۝٣١
📖 Hiikkaa Aayah 31
Dhugumatti, Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergineErgasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan
وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ ۝٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 32
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa
كَذَّبَتْ قَوْمُ لُوطٍ بِالنُّذُرِ ۝٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 33
Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru
إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ حَاصِبًا إِلَّا آلَ لُوطٍ ۖ نَّجَّيْنَاهُم بِسَحَرٍ ۝٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 34
Dhugumatti, Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirraMaatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine
نِّعْمَةً مِّنْ عِندِنَا ۚ كَذَٰلِكَ نَجْزِي مَن شَكَرَ ۝٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 35
Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine)Akka kanatti nama galata Nuuf galche mindeessina
وَلَقَدْ أَنذَرَهُم بَطْشَتَنَا فَتَمَارَوْا بِالنُّذُرِ ۝٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 36
Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jiraIsaan garuu dinniinicha mormaniiru
وَلَقَدْ رَاوَدُوهُ عَن ضَيْفِهِ فَطَمَسْنَا أَعْيُنَهُمْ فَذُوقُوا عَذَابِي وَنُذُرِ ۝٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 37
Dhugumatti, keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatanKanaaf ija isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen)
وَلَقَدْ صَبَّحَهُم بُكْرَةً عَذَابٌ مُّسْتَقِرٌّ ۝٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 38
Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate
فَذُوقُوا عَذَابِي وَنُذُرِ ۝٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 39
Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne)
وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ ۝٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 40
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa
وَلَقَدْ جَاءَ آلَ فِرْعَوْنَ النُّذُرُ ۝٤١
📖 Hiikkaa Aayah 41
Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiifni dhufeera
كَذَّبُوا بِآيَاتِنَا كُلِّهَا فَأَخَذْنَاهُمْ أَخْذَ عَزِيزٍ مُّقْتَدِرٍ ۝٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 42
Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne
أَكُفَّارُكُمْ خَيْرٌ مِّنْ أُولَٰئِكُمْ أَمْ لَكُم بَرَاءَةٌ فِي الزُّبُرِ ۝٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 43
(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira
أَمْ يَقُولُونَ نَحْنُ جَمِيعٌ مُّنتَصِرٌ ۝٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 44
Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu
سَيُهْزَمُ الْجَمْعُ وَيُوَلُّونَ الدُّبُرَ ۝٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 45
Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru
بَلِ السَّاعَةُ مَوْعِدُهُمْ وَالسَّاعَةُ أَدْهَىٰ وَأَمَرُّ ۝٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 46
Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniitiQiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha
إِنَّ الْمُجْرِمِينَ فِي ضَلَالٍ وَسُعُرٍ ۝٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 47
Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u
يَوْمَ يُسْحَبُونَ فِي النَّارِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمْ ذُوقُوا مَسَّ سَقَرَ ۝٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 48
Guyyaa fuula isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar dhandhamaa” (jedhamaan)
إِنَّا كُلَّ شَيْءٍ خَلَقْنَاهُ بِقَدَرٍ ۝٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 49
Nuti waan hunda hamma murtaa’een isa uumne
وَمَا أَمْرُنَا إِلَّا وَاحِدَةٌ كَلَمْحٍ بِالْبَصَرِ ۝٥٠
📖 Hiikkaa Aayah 50
Ajajni keenya akkuma liphsuu ijaa yeroo tokko qofa
وَلَقَدْ أَهْلَكْنَا أَشْيَاعَكُمْ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ ۝٥١
📖 Hiikkaa Aayah 51
Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirraNamni gorfamu jiraa
وَكُلُّ شَيْءٍ فَعَلُوهُ فِي الزُّبُرِ ۝٥٢
📖 Hiikkaa Aayah 52
Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira
وَكُلُّ صَغِيرٍ وَكَبِيرٍ مُّسْتَطَرٌ ۝٥٣
📖 Hiikkaa Aayah 53
Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha
إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي جَنَّاتٍ وَنَهَرٍ ۝٥٤
📖 Hiikkaa Aayah 54
Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan jannataafi laggeen keessa jiraatu
فِي مَقْعَدِ صِدْقٍ عِندَ مَلِيكٍ مُّقْتَدِرٍ ۝٥٥
📖 Hiikkaa Aayah 55
Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu
← 53 Al-Qamar (54/114) 55 →
Dubbisi Suuratu Al-Qamar Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

54القمر Al-Qamar 📚 55 Aayah مكية

Aayah amma aayah – Suuratu Al-Qamar — 55 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers