Al-Baqarah · 180/286
Hiikkaa Sagaleeffama — Al-Baqarah
كُتِبَ عَلَيْكُمْ إِذَا حَضَرَ أَحَدَكُمُ الْمَوْتُ إِن تَرَكَ خَيْرًا الْوَصِيَّةُ لِلْوَالِدَيْنِ وَالْأَقْرَبِينَ بِالْمَعْرُوفِ ۖ حَقًّا عَلَى الْمُتَّقِينَ ۝١٨٠
Kutiba `alaikum izaa hadara ahadakumul mawtu in taraka khairanil wasiyyatu lilwaalidaini wal aqrabeena bilma`roofi haqqan `alalmut taqeen
📖 Afaan Oromoon
Yeroo duuti tokkoon keessanitti dhufe, yoo kan qabeenya of duubatti dhiise ta’e: abbaa, haadhaafi firootaaf haala gaariin dhaamuun isin irratti murteeffameera
🎧 Caqasi

📜 Aayah 178-182 — Al-Baqarah

178يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُتِبَ عَلَيْكُمُ الْقِصَاصُ فِي الْقَتْلَى ۖ الْحُرُّ بِالْحُرِّ وَالْعَبْدُ بِالْعَبْدِ وَالْأُنثَىٰ بِالْأُنثَىٰ ۚ فَمَنْ عُفِيَ لَهُ مِنْ أَخِيهِ شَيْءٌ فَاتِّبَاعٌ بِالْمَعْرُوفِ وَأَدَاءٌ إِلَيْهِ بِإِحْسَانٍ ۗ ذَٰلِكَ تَخْفِيفٌ مِّن رَّبِّكُمْ وَرَحْمَةٌ ۗ فَمَنِ اعْتَدَىٰ بَعْدَ ذَٰلِكَ فَلَهُ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Yaa warra amantan! Ajjeechaa keessatti "qisaasni" (seerri adabbii wal qixxeessuu) isin irratti barreeffameeraBilisni bilisaan, gabrichi gabrichaan, dubartiin dubartiidhaanNamni obboleessa isaa irraa wanti tokko isaaf dhiifame, toltuun hordofuufi kaffaltiin gumaa dhiigaas haala gaariin raawwatamuutu irra jiraKun laaffisuufi rahmata Gooftaa keessan irraa ta’eedhaNamni sana booda daangaa dabre, isaaf adabbii laalessaa ta’etu jira
179وَلَكُمْ فِي الْقِصَاصِ حَيَاةٌ يَا أُولِي الْأَلْبَابِ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ
Yaa warra sammuu qabdan! "Qisaasa" keessa lubbuu (du’a) irraa baraaruutu isiniif jiraAkka isin ajjeechaa irraa eeggattaniif (kana goone)
180كُتِبَ عَلَيْكُمْ إِذَا حَضَرَ أَحَدَكُمُ الْمَوْتُ إِن تَرَكَ خَيْرًا الْوَصِيَّةُ لِلْوَالِدَيْنِ وَالْأَقْرَبِينَ بِالْمَعْرُوفِ ۖ حَقًّا عَلَى الْمُتَّقِينَ
Yeroo duuti tokkoon keessanitti dhufe, yoo kan qabeenya of duubatti dhiise ta’e: abbaa, haadhaafi firootaaf haala gaariin dhaamuun isin irratti murteeffameera
181فَمَن بَدَّلَهُ بَعْدَمَا سَمِعَهُ فَإِنَّمَا إِثْمُهُ عَلَى الَّذِينَ يُبَدِّلُونَهُ ۚ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
Namni erga isa (dhaamsa) dhagayee booda isa jijjiire, badiin isaa warra isa jijjiiran irratti ta’aDhugumatti, Rabbiin dhagayaa, beekaadha
182فَمَنْ خَافَ مِن مُّوصٍ جَنَفًا أَوْ إِثْمًا فَأَصْلَحَ بَيْنَهُمْ فَلَا إِثْمَ عَلَيْهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Namni isa dhaamu san irraa jal’ina yookiin badii sodaatee gidduu isaaniitti nagaa buuse, badiin isa irra hin jiruDhugumatti, Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha
Al-BaqarahTarreeffama Qur'ana
286Aayah
MedinanRevelation
180Aayah

Hiikkaa — Al-Baqarah 180

Suuratu Al-Baqarah Aayah 180 - Dubbisi, Caqasi, Hiikkaa, Oromo : Yeroo duuti tokkoon keessanitti dhufe, yoo kan qabeenya of duubatti…

Suuratu Aayah 180/286 — Al-Baqarah البقرة (Medinan). Dubbisi Caqasi Hiikkaa (Oromo). Caqasi: Al-Baqarah Caqasi, Al-Baqarah Hiikkaa, Al-Baqarah mp3, Al-Baqarah pdf. Aayah 178–182. Afaan Oromoon: العربية.




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers