Suuratu At-Tur Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu At-Tur hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (49 Aayah — مكية). At-Tur Caqasi, At-Tur Hiikkaa, At-Tur mp3, At-Tur pdf.

Suuratu At-Tur Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
وَالطُّورِ ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
(Gaara) Xuuriin kakadhe
وَكِتَابٍ مَّسْطُورٍ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Kitaaba barreeffamaanis
فِي رَقٍّ مَّنشُورٍ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Xalaayaa bal’ifamaa keessatti
وَالْبَيْتِ الْمَعْمُورِ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Mana jiraachifamaanis
وَالسَّقْفِ الْمَرْفُوعِ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis
وَالْبَحْرِ الْمَسْجُورِ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Galaana qabsiifamaaniis
إِنَّ عَذَابَ رَبِّكَ لَوَاقِعٌ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha
مَّا لَهُ مِن دَافِعٍ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Wanti isa deebisu tokkolleen hin jiru
يَوْمَ تَمُورُ السَّمَاءُ مَوْرًا ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Guyyaa samiin socho’iinsa (hamaa) sochootu
وَتَسِيرُ الْجِبَالُ سَيْرًا ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
(Guyyaa) gaarreenis deemicha deemtu
فَوَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Warra guyyaa san kijibsiisaniif badii ibiddaatu jira
الَّذِينَ هُمْ فِي خَوْضٍ يَلْعَبُونَ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
(Isaan) warra soba keessa taphataniidha
يَوْمَ يُدَعُّونَ إِلَىٰ نَارِ جَهَنَّمَ دَعًّا ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Guyyaa humnaan gara ibidda jahannam oofamiinsa oofaman
هَٰذِهِ النَّارُ الَّتِي كُنتُم بِهَا تُكَذِّبُونَ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
(Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha
أَفَسِحْرٌ هَٰذَا أَمْ أَنتُمْ لَا تُبْصِرُونَ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
Sila kun falfala moo isinumatu hin argitanu
اصْلَوْهَا فَاصْبِرُوا أَوْ لَا تَصْبِرُوا سَوَاءٌ عَلَيْكُمْ ۖ إِنَّمَا تُجْزَوْنَ مَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
Ishee seenaa (dhandhamaa); obsitanus yookiin obsuu baattanus isiniif waluma qixaWanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman)
إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي جَنَّاتٍ وَنَعِيمٍ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannataafi qananii keessa jiraatu
فَاكِهِينَ بِمَا آتَاهُمْ رَبُّهُمْ وَوَقَاهُمْ رَبُّهُمْ عَذَابَ الْجَحِيمِ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaaniis adabbii gubaa jalaa isaan baraarse
كُلُوا وَاشْرَبُوا هَنِيئًا بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
“Waan hojjataa turtaniif jecha gaarii haala ta’een nyaadhaa; dhugaa” (isaaniin jedhama)
مُتَّكِئِينَ عَلَىٰ سُرُرٍ مَّصْفُوفَةٍ ۖ وَزَوَّجْنَاهُم بِحُورٍ عِينٍ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
Sireewwan hiriira galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu)Dubartoota adaadii ija babal’aa isaan fuusifna
وَالَّذِينَ آمَنُوا وَاتَّبَعَتْهُمْ ذُرِّيَّتُهُم بِإِيمَانٍ أَلْحَقْنَا بِهِمْ ذُرِّيَّتَهُمْ وَمَا أَلَتْنَاهُم مِّنْ عَمَلِهِم مِّن شَيْءٍ ۚ كُلُّ امْرِئٍ بِمَا كَسَبَ رَهِينٌ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
Isaan amananii ilmaan isaaniis iimaanaan isaan hordofan, maatii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna(Galata) dalagaa isaanii irraas homaayyuu hin hir’ifnuNamni hunduu waan hojjateen qabamaadha
وَأَمْدَدْنَاهُم بِفَاكِهَةٍ وَلَحْمٍ مِّمَّا يَشْتَهُونَ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
Mudraaleefi foon waan isaan fedhan irraa ta’e isaaniif daballa
يَتَنَازَعُونَ فِيهَا كَأْسًا لَّا لَغْوٌ فِيهَا وَلَا تَأْثِيمٌ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) kan ishee keessa sobaafi diliin hin jirre walitti daddabarsu (waliif kennu)
۞ وَيَطُوفُ عَلَيْهِمْ غِلْمَانٌ لَّهُمْ كَأَنَّهُمْ لُؤْلُؤٌ مَّكْنُونٌ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
Ijoollee dhiiraa isaanii warra faaya eegamaa fakkaatantu isaan irra naanna’u
وَأَقْبَلَ بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ يَتَسَاءَلُونَ ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
Gariin isaaniis garii irratti gara galaniiti wal gaggaafatu
قَالُوا إِنَّا كُنَّا قَبْلُ فِي أَهْلِنَا مُشْفِقِينَ ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre
فَمَنَّ اللَّهُ عَلَيْنَا وَوَقَانَا عَذَابَ السَّمُومِ ۝٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 27
Rabbiin nu qanansiisee, adabbii summaa’aa jalaas nu baraarse
إِنَّا كُنَّا مِن قَبْلُ نَدْعُوهُ ۖ إِنَّهُ هُوَ الْبَرُّ الرَّحِيمُ ۝٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 28
Nuti dhugumatti, kana dura Isa kadhataa turreInni dhugumatti, Isumatu tola oolaa, mararfataadha.”
فَذَكِّرْ فَمَا أَنتَ بِنِعْمَتِ رَبِّكَ بِكَاهِنٍ وَلَا مَجْنُونٍ ۝٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 29
Yaadachiisi! Ati ni’imaa Gooftaa keetiitiin, raagaafi maraataa miti
أَمْ يَقُولُونَ شَاعِرٌ نَّتَرَبَّصُ بِهِ رَيْبَ الْمَنُونِ ۝٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 30
“Weellisaadha; dhufuu du’aa isa irratti eegna” jedhan mitii
قُلْ تَرَبَّصُوا فَإِنِّي مَعَكُم مِّنَ الْمُتَرَبِّصِينَ ۝٣١
📖 Hiikkaa Aayah 31
“Eegaa! Anis isin waliin warra eegu irrayii” jedhiin
أَمْ تَأْمُرُهُمْ أَحْلَامُهُم بِهَٰذَا ۚ أَمْ هُمْ قَوْمٌ طَاغُونَ ۝٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 32
Sila sammuu isaaniitu kanatti isaan ajaja moo? Lakkii, isaanumatu ummata daangaa darboodha
أَمْ يَقُولُونَ تَقَوَّلَهُ ۚ بَل لَّا يُؤْمِنُونَ ۝٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 33
Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu moo?” lakkii, isaanumatu hin amanne
فَلْيَأْتُوا بِحَدِيثٍ مِّثْلِهِ إِن كَانُوا صَادِقِينَ ۝٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 34
Yoo kan dhugaa dubbatan ta’aniif haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu
أَمْ خُلِقُوا مِنْ غَيْرِ شَيْءٍ أَمْ هُمُ الْخَالِقُونَ ۝٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 35
Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman moo isaanumatu uumoo dha
أَمْ خَلَقُوا السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ ۚ بَل لَّا يُوقِنُونَ ۝٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 36
Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu
أَمْ عِندَهُمْ خَزَائِنُ رَبِّكَ أَمْ هُمُ الْمُصَيْطِرُونَ ۝٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 37
Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira moo isaantu injifattoota
أَمْ لَهُمْ سُلَّمٌ يَسْتَمِعُونَ فِيهِ ۖ فَلْيَأْتِ مُسْتَمِعُهُم بِسُلْطَانٍ مُّبِينٍ ۝٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 38
Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu
أَمْ لَهُ الْبَنَاتُ وَلَكُمُ الْبَنُونَ ۝٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 39
Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa jiru
أَمْ تَسْأَلُهُمْ أَجْرًا فَهُم مِّن مَّغْرَمٍ مُّثْقَلُونَ ۝٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 40
Moo mindaa isaan gaafatteeti kaffaltiin isaa isaanitti ulfaate
أَمْ عِندَهُمُ الْغَيْبُ فَهُمْ يَكْتُبُونَ ۝٤١
📖 Hiikkaa Aayah 41
Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan
أَمْ يُرِيدُونَ كَيْدًا ۖ فَالَّذِينَ كَفَرُوا هُمُ الْمَكِيدُونَ ۝٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 42
Lakkii! Tooftaa baasuu fedhaniWarri kafare isaanuma kan tooftaan itti baafamu
أَمْ لَهُمْ إِلَٰهٌ غَيْرُ اللَّهِ ۚ سُبْحَانَ اللَّهِ عَمَّا يُشْرِكُونَ ۝٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 43
Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e
وَإِن يَرَوْا كِسْفًا مِّنَ السَّمَاءِ سَاقِطًا يَقُولُوا سَحَابٌ مَّرْكُومٌ ۝٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 44
Yoo samii irraa cittuu wahii kan gadi kuftu arganis “duumessa kuufamaadha” jedhu
فَذَرْهُمْ حَتَّىٰ يُلَاقُوا يَوْمَهُمُ الَّذِي فِيهِ يُصْعَقُونَ ۝٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 45
Hanga guyyaa isaanii kan isa keessa dhuman qunnamanitti isaan dhiisi
يَوْمَ لَا يُغْنِي عَنْهُمْ كَيْدُهُمْ شَيْئًا وَلَا هُمْ يُنصَرُونَ ۝٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 46
Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti)
وَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُوا عَذَابًا دُونَ ذَٰلِكَ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ ۝٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 47
Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura adabbiitu jiraGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu
وَاصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ فَإِنَّكَ بِأَعْيُنِنَا ۖ وَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ حِينَ تَقُومُ ۝٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 48
Murtii Gooftaa keetiitiif obsiDhugumatti, ati tika keenya jala jirtaYeroo kaatu Faaruu Gooftaa keetiitiin Isa qulqulleessi
وَمِنَ اللَّيْلِ فَسَبِّحْهُ وَإِدْبَارَ النُّجُومِ ۝٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 49
Halkanis Isa faarsi; yeroo urjiiwwan seenanis (faarsi)
← 51 At-Tur (52/114) 53 →
Dubbisi Suuratu At-Tur Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

52الطور At-Tur 📚 49 Aayah مكية

Aayah amma aayah – Suuratu At-Tur — 49 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers