PDF —
56 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Muddaththir pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Muddaththir pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Muddaththir Hiikkaa. Suuratu Al-Muddaththir (Meccan) 56 Aayah.

← Al-MuzzammilSuuratu Al-Muddaththir Al-Qiyamah →


56 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﮪﮫﮬ
74:1 Yaa mammarataa
ﮭﮮﮯ
74:2 Kaii akeekkachiisi
ﮰﮱﯓ
74:3 Gooftaa keetis guddisi
ﯔﯕﯖ
74:4 Uffata keetis qulqulleessi
ﯗﯘﯙ
74:5 Taabotaanis oodi
ﯚﯛﯜﯝ
74:6 Baayifannaa barbaachaaf hin arjoomin
ﯞﯟﯠ
74:7 Gooftaa keetiif obsi
ﯡﯢﯣﯤﯥ
74:8 Yeroo xurumbaa keessa afuufame
ﯦﯧﯨﯩﯪ
74:9 Sun, guyyaan gaafasii guyyaa rakkisaadha
ﯫﯬﯭﯮﯯ
74:10 Kaafiroota irratti (guyyaa) laafaa miti
ﯰﯱﯲﯳﯴ
74:11 Nama ani kophaa isa uumee wajjin (walitti) Na dhiisi
ﯵﯶﯷﯸﯹ
74:12 Kan Ani qabeenya balaas isaaf godhe
ﯺﯻﯼ
74:13 Ilmaan dhiiraa kan isa biratti argamanis
ﯽﯾﯿﰀ
74:14 Balisuus kan Ani isaaf balise
ﰁﰂﰃﰄﰅ
74:15 Ergasii akka Ani isaaf dabalus kan kajeelu
ﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
74:16 Haa dhorgamu! Inni keeyyattoota Keenya mormaa ture
ﰍﰎﰏ
74:17 Dhugumatti, rakkoo guddaattin isa dirqa
ﰐﰑﰒﰓ
74:18 Inni ni xiinxale; ni tilmaames
ﭑﭒﭓﭔ
74:19 Abaarame! Akkamumatti tilmaame
ﭕﭖﭗﭘﭙ
74:20 Ergasiis abaarame! Akkamumatti tilmaame
ﭚﭛﭜ
74:21 Ergasii ni ilaale
ﭝﭞﭟﭠ
74:22 Ergasii fuula guure; akkaan jijjiirame
ﭡﭢﭣﭤ
74:23 Ergasii gara gale; ni boone
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
74:24 Ni jedhes: "(Quraanni) kun falfala (nama biraa) irraa waraabame qofa
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
74:25 Kun jecha namaa malee hin taane
ﭲﭳﭴ
74:26 Saqar isa seensisuufin jira
ﭵﭶﭷﭸﭹ
74:27 Saqar maal akka tae maaltu si barsiise
ﭺﭻﭼﭽﭾ
74:28 (Foon) hin hambiftu (lafees) hin dhiiftu
ﭿﮀﮁ
74:29 Gogaas gubduudha
ﮂﮃﮄﮅ
74:30 Ishee irra (waardiyyaa) kudha sagaltu jira
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
74:31 Eegdota Ibiddaas malaykota malee kan biraa hin gooneLakkoofsa isaaniis isaan kafaraniif qormaata, warri kitaaba kennaman akka mirkaneeffatan, warri amanan iimaana akka dabalatanuuf, warri kitaaba kennamaniifi muuminoonnis akka hin shakkinee,fi akka warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi kaafiroonni ‘Rabbiin (lakkoofsa) kanaan fakkeenya maalii fedhe’ jedhaniif malee kana hin gooneAkka kanatti Rabbiin nama fedhe jallisee nama fedhe immoo qajeelcha(Baayina) waraana Gooftaa keetiis Isa malee homtuu hin beekuIsheenis namaaf gorsa malee waan biraatii miti
ﯥﯦﯧ
74:32 Haa dhorgamu! Jiattin kakadha
ﯨﯩﯪﯫ
74:33 Halkaniinis; yeroo inni deeme
ﯬﯭﯮﯯ
74:34 Bariidhaanis yeroo inni ife
ﯰﯱﯲﯳ
74:35 Dhugumatti, isheen (saqar) tokkoo (rakkoolee) gurgurddooti
ﯴﯵﯶ
74:36 Namaaf akeekkachiiftuudha
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
74:37 Nama isin irraa (hojii gaariidhaan) fuulduratti deemuu, yookiin duubatti hafuu fedheef (akeekkachiistuu dha)
ﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
74:38 Lubbuun hundi waan hojjatteen qabamtuudha
ﰅﰆﰇﰈ
74:39 Warra mirgaa malee
ﰉﰊﰋﰌ
74:40 (Isaan) jannata keessatti wal gaggaafatu
ﰍﰎﰏ
74:41 Yakkamtoota irraa (wal gaafatu)
ﰐﰑﰒﰓﰔ
74:42 Maaltu Saqariin keessa isin seensise?" (isaanin jedhu)
ﰕﰖﰗﰘﰙﰚ
74:43 Ni jedhan: "nuti warra salaatan irraa hin turre
ﰛﰜﰝﰞﰟ
74:44 Hiyyeeyyii kan nyaachifnus hin turre
ﰠﰡﰢﰣﰤ
74:45 Warra (hamtuu) keessa seenuu wajjin seenaa turre
ﰥﰦﰧﰨﰩ
74:46 Guyyaa mindaas kan sobsiifnu turre
ﰪﰫﰬﰭ
74:47 Hanga (duuti) mirkanaayaan nutti dhufutti (haala kana irra turre)" (jedhu)
ﭑﭒﭓﭔﭕ
74:48 Jaarsummaan (araarri) warra araarsanii isaan hin fayyadu
ﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
74:49 Maaltu isaaniif jiraayi gorsa (Quraanaa) irraa gara galoo tau
ﭜﭝﭞﭟ
74:50 (Yeroo akeekkachiisa Rabbii irraa dheessan) akka harree diidoo dammaqanii (gugatanii) fakkaatu
ﭠﭡﭢﭣ
74:51 Leenca irraa kan baqatan
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
74:52 Inumaa namni isaan irraa tae hundi kitaabota banamoo kennamuu fedha
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
74:53 Dhugumatti, (hin kennamanu) isaan Aakhirumaayyuu hin sodaatanu
ﭵﭶﭷﭸ
74:54 Dhugumatti, inni (Quraanni) gorsa
ﭹﭺﭻﭼ
74:55 Nama fedheetu isaan gorfama
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
74:56 Yoo Rabbiin fedhe malee hin gorfamanuInni (Rabbiin) kan sodaatamuu haqa godhatuufi Abbaa Araaramaati

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers