Suuratu Al-Insan pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Insan pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Insan Hiikkaa. Suuratu Al-Insan (Medinan) 31 Aayah.
Related
- Suuratu Al-Insan HiikkaaOromo
- Suuratu Al-Insan mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Insan

ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
76:1
Sila barri hangi tae nama irra kan inni waan yaadatamu hin tain hin dhufnee
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
76:2
Dhugumatti Nuti nama, isa qormaatuuf jecha bishaan saalaa walitti makamaa tae irraa uumnee; Dhagaaafi argaas isa goone
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
76:3
Nuti haala (inni) galateeffataa yookiin mormaa taeen karaa isa qajeelchine
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
76:4
Nuti kaafirootaaf sansalata, sakaallaawwaniifi ibidda bobaaa qopheessinee jirra
ﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
76:5
Warri gaggaariin khamrii makaan ishee kaafuuriin tae irraa dhugu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘ
76:6
(Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha(Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu
ﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
76:7
Qodhaa (nazrii) isaanii ni guutu; guyyaa hamtuun isaa babalatus ni sodaatu
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
76:8
Nyaatas ofii jaallachuu wajjin hiyyeessa, yatiimaafi boojiamaas nyaachisu
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
76:9
(Ni jedhu): "dhugumatti, wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas taee galata wahii hin barbaannu
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
76:10
Dhugumatti, nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa fuula guuraa hammaataa tae sodaanna.”
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
76:11
Rabbiinis hamtuu guyyaa gaafasii irraa isaan tikseeti (fuula isaaniis) ifaafi gammachuu qunnamsiise
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
76:12
Sababa isaan obsaniifis jannataafi hariira galata isaaniif galche
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
76:13
Ishee keessatti sireewwan irratti hirkatanii, odoo ishee keessatti aduufi qorra hamaa hin argine (jiraatu)
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
76:14
Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu)
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
76:15
Meeshota meeta irraa taaniifi kubbaayyawwan qaruuraa irraa taeen isaan irra naannaama
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
76:16
Qaruuraalee meeta irraa taeen hanga isaan gau ishee (irraa) qoodu
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
76:17
Ishee keessattis khamrii makaan ishee zinjibila tae obaafamu
ﯕﯖﯗﯘﯙ
76:18
Burqaa ishee (jannata) keessa jirtu Salsabiil jedhamtee kan waamamtu (irraa obaafamu)
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
76:19
Ijoollee ishee keessatti hafoo ta’antu isaan irra naannaa; yeroo isaan argitu faaya bibittinneeffame sitti fakkaatu
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
76:20
Yeroo achi keessa ilaaltes qananiifi mootummaa guddaa argita
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
76:21
Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira qalaafi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa taes ni faayamuGooftaan isaaniis dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa
ﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
76:22
Dhugumatti, kun mindaa isiniif taeeraDalagaan keessanis galateeffatamaa dha" (isaaniin jedhama)
ﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋ
76:23
Dhugumatti, Nuti Quraana buusiinsa sirratti buusnee jirra
ﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕ
76:24
Murtii Gooftaa keetiitiifis obsi; isaan irraa nama dilaawaa yookiin kafaraa taeef hin ajajamin
ﰖﰗﰘﰙﰚﰛ
76:25
Ganamaafi galgalas maqaa Gooftaa keetii faarsi
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘ
76:26
Halkan irraallee Isaaf salaati; halkan dheeraas Isaaf (salaata laylii) salaati
ﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
76:27
Dhugumatti, warri kun (addunyaa) arifattuu jaalatu; guyyaa ulfaataas fuulduratti dhiisu (dagatu)
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
76:28
Nuti isaan uumnee qaama isaaniis jabeessine; yeroo feenes (isaan balleessinee) fakkaatuma isaanii bakka buusinsa bakka buufna
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
76:29
Dhugumatti, kuni gorsa; namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
76:30
Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetanRabbiin beekaa ogeessa ta’eera
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
76:31
Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisaMiidhaa raawwattoota immoo isaaniif adabbii laalessaa qopheesse
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







