11 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﮱﯓﯔ
100:1 (Faradoo jihaadaa) harganaa guluftuunin (kakadha)
ﯕﯖﯗ
100:2 (Isaan yeroo gulufan kottee isaaniitiin) ibidda qabsiisaniin
ﯘﯙﯚ
100:3 (Isaan) bariidhaan (diina irratti) weerara adeemsisanitti
ﯛﯜﯝﯞ
100:4 Isaan dhukkee ol kaasanitti
ﯟﯠﯡﯢ
100:5 Isaan (weeraraan) gamtaa diinaa walakkeessaniin [kakadha]
ﭑﭒﭓﭔﭕ
100:6 Dhugumatti, namni (hedduun) Gooftaa isaa mormaadha
ﭖﭗﭘﭙﭚ
100:7 Inni kana irratti ragaadha
ﭛﭜﭝﭞﭟ
100:8 Inni (namni) qabeenya jaalachuutti cimaadha
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
100:9 Sila inni yeroo wanti qabroota keessa jiran hundi baafaman sana hin beekuu
ﭩﭪﭫﭬﭭ
100:10 Yeroo wanti qoma keessa jiran (hundi) ifa baafaman (hin beekuu)
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
100:11 Dhugumatti, Gooftan isaanii guyyaa san isaan beekaadha

Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, September 29, 2026

Don't forget us in your sincere prayers