Suuratu As-Saffat pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu As-Saffat pdf Oromo — Buufi Suuratu As-Saffat Hiikkaa. Suuratu As-Saffat (Meccan) 182 Aayah.
Related
- Suuratu As-Saffat HiikkaaOromo
- Suuratu As-Saffat mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu As-Saffat

ﭑﭒﭓ
37:1
(Maleykota) hiriiruu hiriiraniin (kakadha)
ﭔﭕﭖ
37:2
(Maleeykota) oofiinsa oofaniinis
ﭗﭘﭙ
37:3
(Isaan Qur’aana) dubbisuu dubbisaniinis
ﭚﭛﭜﭝ
37:4
Dhugaan gabbaramaan keessan tokkicha
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
37:5
(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota jidduu isaan lamaanii jiraniitiGooftaa baha adda addaatis
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
37:6
Dhugumatti, Nuti samii addunyaa faaya urjiitiin miidhagsineerra
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
37:7
Sheyxaana fincilaa ta’e hunda irraas tiksuu (tiksineerra)
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
37:8
Gara garee ol aanaa hin dhaggeeffachiifamanuGama hunda irraa (urjiin) darbataman
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
37:9
Ari’amuuf jecha (darbatamu)Isaaniif adabbii addaan hin cinnetu jira
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
37:10
Warra (wahyii) butiinsa butee, qaanqeen uraa ta’e isa hordofe malee
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
37:11
Mee Isaan gaafadhuUumuu keessatti kan irra cimu isaani moo warra uumne kan biraati? Nuti dhoqqee walitti qabattuu irraa isaan uumne
ﮙﮚﮛﮜ
37:12
Dhugumatti, (diduu isaanii) dinqisiifattee jirta; isaan immoo ni qoosu
ﮝﮞﮟﮠﮡ
37:13
Yeroo gorfamanis hin gorfamanu
ﮢﮣﮤﮥﮦ
37:14
Yeroo mallattoo arganis ni baacu
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
37:15
“Kun Sihrii ifa galaadha malee waan biraatii miti” jadhan
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
37:16
“Sila erga duunee, biyyeefi lafee taanee booda, nuti kaafamnaa
ﯗﯘﯙ
37:17
Abbootiin keenya kan jalqabaatis moo
ﯚﯛﯜﯝﯞ
37:18
(Yaa Muhammad!) “eeyyeen; xiqqaatoo taatanii (kaafamtu)” jedhiin
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
37:19
Isheen iyyansa tokko qofa; yeroo san isaan ni ilaalu
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
37:20
“Yaa badii keenya! Kun guyyaa murtiiti” jedhan
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
37:21
“Kun Guyyaa murtii kan isin sobsiisaa turtaniidha” (jedhama)
ﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
37:22
“Isaan miidhaa dalagan, hiriyoota (fakkaatoo) isaaniitiifi waan isaan gabbaraa turanis walitti qabaa” (malaykotaan jedhama)
ﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅ
37:23
“Rabbiin ala (warra gabbaraa turan walitti qabaa); gara karaa ibidda jahiim isaan qajeelchaa
ﰆﰇﰈﰉﰊ
37:24
Isaan dhaabaa; dhugumatti, isaan ni gaafatamu
ﭑﭒﭓﭔﭕ
37:25
Sila maal taataniiti wal hin tumsine?”
ﭖﭗﭘﭙﭚ
37:26
Dhugumatti isaan har’a harka kennoodha
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
37:27
Gariin isaanii garii irratti gara galanii, wal gaafatu
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
37:28
Ni jedhu: “dhugumatti, isin mirga irraan [gaarii fakkeessuun] nutti dhufaa turtan.”
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
37:29
Ni jedhuun: “isinumatu mu’uminoota hin ta’ini
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
37:30
Nuti isin irratti aangoo hin qabnu turreGaruu isinumatu ummata daangaa dabroo taatan.”
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
37:31
Jechi Rabbii keenyaa nurratti mirkanaa’eera; dhugumatti nuti (adabbii) dhandhamoodha
ﮂﮃﮄﮅﮆ
37:32
Ofii keenyaa jallanneeti isin jallifne” [jedhu]
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
37:33
Isaan guyyaa san adabbii keessatti waliin hirmaatoodha
ﮍﮎﮏﮐﮑ
37:34
Nuti warra badii hojjatan irratti akka kana dalagna
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
37:35
Dhugumatti, isaan yeroo “Rabbiin malee gabbaramaan dhugaa hin jiru” isaanin jedhamu ni boonu
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
37:36
“Sila nuti weellisaa maraataa (kanaaf) gabbaramtoota keenya dhiifnaa?” jedhu
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
37:37
Lakki! Inni dhugaan dhufeeti ergamtootas dhugoomse
ﮪﮫﮬﮭﮮ
37:38
Dhugumatti, isin adabbii laalessaa dhandhamuuf jirtu
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
37:39
Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtan
ﯗﯘﯙﯚﯛ
37:40
Garuu gabroonni Rabbii qulqulluun
ﯜﯝﯞﯟﯠ
37:41
Warri sun kennaa beekamaa ta’etu isaaniif jira
ﯡﯢﯣﯤ
37:42
Oduma kabajamoo ta’anuu fuduraaleen isaaniif taatuudha
ﯥﯦﯧﯨ
37:43
Jannata qananii keessatti (kabajamoodha)
ﯩﯪﯫﯬ
37:44
Haala walitti gara galoo ta’aniin siree irratti ta’u
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
37:45
Kubbaayyaa farsoo qulqulluu irraa ta’een isaan irra naanna’ama
ﯳﯴﯵﯶ
37:46
Adii, warra dhuganiif mi’aayaa kan taate
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
37:47
Ishee keessa dhukkubni hin jiru; isaan ishee irraa hin machaa’anis
ﯿﰀﰁﰂﰃ
37:48
Isaan bira dubartoota ija isaanii gabaabsan, kan ijji babaldhaa ta’etu jira
ﰄﰅﰆﰇ
37:49
Isaan (qulqullina keessatti) akka hanqaaquu eegamaati
ﰈﰉﰊﰋﰌﰍ
37:50
Gariin isaanii garii irratti, gara galaniiti wal gaafatu
ﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕ
37:51
Jedhaan isaan irraa ta’e ni jedha: “ani (addunyaa irratti) hiriyaan qaba ture
ﭑﭒﭓﭔﭕ
37:52
Kan “sila ati warra (du’a booda kaafamni akka jiru) amanan irraayii?” jedhu
ﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
37:53
“Sila erga duunee biyyeefi lafee (nyaatame) taanee booda kaafamnee mindeeffamnaa?”
ﭞﭟﭠﭡﭢ
37:54
Ni jedhe: “Sila isin (ana waliin deemtanii ) gadi hin ilaaltanii?”
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
37:55
Gadi millatee walakkaa jahiimitti isa arge
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮ
37:56
Ni jedhe: “Rabbiin kakadhee! Na balleessitee oolte
ﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
37:57
Odoo tolli Gooftaa kiyyaa na tiksuu baatee, silaa anis warra (ibidda) seenan irraa ta’een ture.”
ﭶﭷﭸﭹ
37:58
(Warri jannataa ni jedhu): “sila nuti lamuu wahii duunaa
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
37:59
Du’a keenya kan jalqabaa malee; nuti adabamoos miti.”
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
37:60
Kun isumatu milkii guddaadha
ﮇﮈﮉﮊﮋ
37:61
Fakkaataa kanaatiif hojjattoonni haa hojjatanu
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
37:62
Qubannaaf sanatu caala moo, (muka hadhaawaa) zaqquumtu caala
ﮓﮔﮕﮖﮗ
37:63
Dhugumatti Nuti miidhaa raawwattootaaf mokkoroo ishee taasifne
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
37:64
Isheen muka hundee ibidda jahannam keessaan baatuudha
ﮟﮠﮡﮢﮣ
37:65
Firiin ishee akka mataa sheyxaanotaati
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
37:66
Isaan ishee irraa nyaatanii garaa isaanii ishee irraa guuttatu
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
37:67
Sana booda isaaniif (dhugaatii) bishaan danfaa irraa makametu jira
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
37:68
Sana booda deebiin isaanii gara ibidda jahannam ta’a
ﯚﯛﯜﯝﯞ
37:69
Dhugumatti, isaan abbootii isaanii jallattoota arganiiti
ﯟﯠﯡﯢﯣ
37:70
Isaan faana isaanii irra deemu
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
37:71
Isaan duras irra baay’een ummattoota durii jallatanii jiru
ﯪﯫﯬﯭﯮ
37:72
Dhugumatti isaan keessatti dinniintota erginee jirra
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
37:73
Booddeen warra dinniinamee akkam akka ta’e ilaali
ﯵﯶﯷﯸﯹ
37:74
Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee
ﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
37:75
Dhugumatti Nuuh nutti lallabee ture; Nuti warri waamicha owwaate waa tolle
ﰀﰁﰂﰃﰄﰅ
37:76
Badii guddaa (bishaanin liqimfamuu) irraa isaafi maatii isaa baraarsine
ﭑﭒﭓﭔﭕ
37:77
Hortee isaa isaanuma (warra badii jalaa) hafan taasifne
ﭖﭗﭘﭙﭚ
37:78
Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifne
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
37:79
Nageenyi aalama keessatti Nuuh irra haa jiraatu
ﭡﭢﭣﭤﭥ
37:80
Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina
ﭦﭧﭨﭩﭪ
37:81
Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi
ﭫﭬﭭﭮ
37:82
Sana booda warra kaan ni dhidhimsine
ﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
37:83
Ibraahiimis hordoftoota (karaa) isaa ( Nuuh) irraayi
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
37:84
Yeroo Rabbii isaa bira onnee qulqulluun dhufe (dubbadhu)
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
37:85
Yeroo abbaa isaatiifi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
37:86
“Sila kijibaani, gooftoota Allaahn ala jiran godhachuu feetanii
ﮈﮉﮊﮋﮌ
37:87
Rabbii aalama hundaa irratti yaanni keessan maali?”
ﮍﮎﮏﮐﮑ
37:88
Achumaan urjiiwwan keessa ilaalcha tokko ilaale
ﮒﮓﮔﮕ
37:89
Ergasii “ani dhukkubsataadha” jedhe
ﮖﮗﮘﮙ
37:90
Isa irraa gara galanii deeman
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
37:91
Ergasii inni gara gabbaramtoota isaanii maqee “sila hin nyaattanuu?” jedheen
ﮡﮢﮣﮤﮥ
37:92
Maal taatanii hin dubbanne
ﮦﮧﮨﮩﮪ
37:93
Ergasii isaan irratti mirgaan rukuttaa irratti raawwate
ﮫﮬﮭﮮ
37:94
(Mushrikoonni) saffisaan gara isaa gara galan
ﮯﮰﮱﯓﯔ
37:95
(Ibraahiim) ni jedhe: “sila waanuma (ofii keessanii) boccan gabbartuu
ﯕﯖﯗﯘﯙ
37:96
Odoo Allaahn isiniifi waan isin dalagdanis uume jiruu.”
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
37:97
(Mushrikoonni) ni jedhan: “jaarmaya isaaf ijaaraa; ergasii ibidda boba’aa keessatti isa darbaa.”
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
37:98
Isaan tooftaa isatti baasuu fedhanii Nuti immoo warra jalaa (moo’amoo) isaan taasifne
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
37:99
Innis ni jedhe: “Ani gara Rabbii kiyyaa deemaadha; Inni na qajeelcha
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
37:100
(Yaa) Rabbii (kiyya)! (Ilmaan) gaggaarii naaf kenni.”
ﯵﯶﯷﯸ
37:101
Ilma obsaadhaan isa gammachiifne
ﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕ
37:102
Yeroma isa waliin deemuu irra ga’u ni jedhe: “yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gorra’un argeWaan siif mul’atu ilaali.” (Ilmis) ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! Waan ajajamte dalagiYoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.”
ﭑﭒﭓﭔﭕ
37:103
Yeroo isaan lamaanuu (fedha Rabbiitiif) harka kennan, (abbaan ilma isaa kana) adda isaa irratti ciibse
ﭖﭗﭘﭙ
37:104
Nutis “Yaa Ibraahiim!” jechuun itti lallabne
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
37:105
“Abjuu (kee) dhugoomsiteettaNuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.”
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
37:106
Dhugumatti, kun mokkoroo ifa galaadha
ﭩﭪﭫﭬ
37:107
Gorra’amaa guddaadhaan isa furre
ﭭﭮﭯﭰﭱ
37:108
Isaaf (yaadannoo gaarii) warra boodaa keessatti dhiifne
ﭲﭳﭴﭵ
37:109
Nageenyi Ibraahiim irra haa jiraatu
ﭶﭷﭸﭹ
37:110
Akka kanatti toltuu hojjattoota mindaa isaaniif kennina
ﭺﭻﭼﭽﭾ
37:111
Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
37:112
Is-haaqiin, nabiyyii warra gaggaarii irraa ta’een isa gammachiifne
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
37:113
Isa irrattiifi Is-haaq irrattis barakaa gooneSanyii isaan lamaanii irraa nama toltuu hojjatuufi kan lubbuu isaa miidhaa ifa ta’etu jira
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
37:114
Muusaafi Haaruun irrattis dhugumatti tola oollee jirra
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
37:115
Isaan lamaaniifi ummata isaanis rakkina guddaa irraa baraarsinee jirra
ﮝﮞﮟﮠﮡ
37:116
Isaan tumsinee, isaanumatu injifattoota ta’ani
ﮢﮣﮤﮥ
37:117
Kitaaba ifa ta’e isaaniif kennine
ﮦﮧﮨﮩ
37:118
Karaa qajeelaa isaan qajeelchine
ﮪﮫﮬﮭﮮ
37:119
Isaan lamaaniif dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra
ﮯﮰﮱﯓﯔ
37:120
Nageenyi Muusaafi Haaruun irra haa jiraatu
ﯕﯖﯗﯘﯙ
37:121
Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina
ﯚﯛﯜﯝﯞ
37:122
Isaan lamaanuu gabroota keenya mu’uminoota irraayi
ﯟﯠﯡﯢﯣ
37:123
Dhugumatti, Ilyaasis ergamtoota irraayi
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
37:124
Yeroo ummata isaatiin jedhu [yaadadhu]:“Rabbiin hin sadaattanuu
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
37:125
Sila ‘Ba’al’[] gabbartanii (Gooftaa) warra waa uumu hunda irra caalaa ta’e dhiiftuu
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
37:126
Allaah Goftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan isaan jalqabaa ta’e.”
ﭑﭒﭓﭔ
37:127
Isa sobsiisanKanaafuu isaan dhugumatti (adabaaf) dhiheeffamu
ﭕﭖﭗﭘﭙ
37:128
Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee
ﭚﭛﭜﭝﭞ
37:129
Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra
ﭟﭠﭡﭢﭣ
37:130
Nageenyi Ilyaas irra haa jiraatu
ﭤﭥﭦﭧﭨ
37:131
Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina
ﭩﭪﭫﭬﭭ
37:132
Inni gabroota keenya mu’uminoota irraayi
ﭮﭯﭰﭱﭲ
37:133
Luuxiis dhugumatti ergamtoota irraayi
ﭳﭴﭵﭶﭷ
37:134
Yeroo isaafi maatii isaa hunda (adaba jalaa) baraarsine [yaadadhu]
ﭸﭹﭺﭻﭼ
37:135
Jaartii (niitii isaa) kan warra (adabbiif) hafan keessa taate malee
ﭽﭾﭿﮀ
37:136
Sana booda kan biraa hunda ni balleessine
ﮁﮂﮃﮄﮅ
37:137
Isin ganamfatoo taatanii isaan irra dabartu
ﮆﮇﮈﮉﮊ
37:138
Halkanis (irra qaxxaamurtu); sila sammuu hin qabdanii
ﮋﮌﮍﮎﮏ
37:139
Dhugumatti, (nabi) Yuunusis ergamtoota irraayi
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
37:140
Yeroo gara doonii (fe’isaan) guutamee sokke [yaadadhu]
ﮖﮗﮘﮙﮚ
37:141
(Namoota doonii waliin) carraa kaasee, warra carraan itti ba’e irraa ta’e
ﮛﮜﮝﮞﮟ
37:142
Haala komatamaa ta’een qurxummiin isa liqimse
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
37:143
Odoo inni warra Rabbiin qulqulleessan irraa ta’uu baatee
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
37:144
Silaa hanga guyyaa kaafamaniitti garaa isaa (qurxumichaa) keessa jiraata ture
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
37:145
Isaa dhukkubsataa lafa dirreetti isa darbine
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
37:146
Muka buqqee irraa ta’e isa irratti biqilchine
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
37:147
Gara (namoota) kuma dhibbaa yookiin sanarra dabalaniitti isa ergine
ﯡﯢﯣﯤﯥ
37:148
Achumaan amannaan hanga yeroo murtaa’eetti isaan qanansiifne
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
37:149
(Yaa Muhammad!) isaan gaafadhu: “Sila Gooftaa keetiif ilmaan dubaraa ta’aniiti, isaaniif immoo ilmaan dhiiraa ta’anii?”
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
37:150
Moo isaanii argani malaykota dubara uumnee
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
37:151
Dhagaayaa! Isaan soba isaanii irraa ni jedhu
ﯹﯺﯻﯼﯽ
37:152
“Rabbiin ni dhale” (jedhu) Dhugumatti, isaan kijiboodha
ﯾﯿﰀﰁﰂ
37:153
Sila Inni ilmaan dubaraati ilmaan dhiiraa irra filatee
ﭑﭒﭓﭔﭕ
37:154
Maal taatan? Akkamitti murteessitan
ﭖﭗﭘ
37:155
Sila hin gorfamtanuu
ﭙﭚﭛﭜﭝ
37:156
Moo ragaa ifa ta’etu isiniif jira
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
37:157
Yoo kan dhugaa jettan taataniif kitaaba keessaniin koottaa
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
37:158
Gidduu Isaatiifi gidduu malaykotaatti firummaa godhanMalaykoonni dhugumatti akka isaan (kun) dhiaatuuf jiran sirritti beekanii jiru
ﭰﭱﭲﭳﭴ
37:159
Waan isaan (kaafirtoonni), isaan jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e
ﭵﭶﭷﭸﭹ
37:160
Gabroota Rabbii isaan qulqulleeffamoo malee (ni dhihaatu)
ﭺﭻﭼﭽ
37:161
Isiniifi wantoonni isin gabbartan
ﭾﭿﮀﮁﮂ
37:162
Isin isa irratti (nama amane kamillee) jallistootaa miti
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
37:163
Namoota ibidda jahannam seenun (itti murtaa’e) malee
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
37:164
Nurraa (maleykaan) tokkollee iddoon beekamaan isaaf ta’u malee hin hafu
ﮐﮑﮒﮓ
37:165
Nuti (maleykonni), dhugumatti, hiriira galoodha
ﮔﮕﮖﮗ
37:166
Nuti dhugumatti Rabbiin qulqullessoodha
ﮘﮙﮚﮛ
37:167
Isaan (mushrikoonni Makkaa) ni jedhu
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
37:168
“Odoo yaadannoo warra durii keessaa tokko nu bira jiraatee
ﮣﮤﮥﮦﮧ
37:169
Silaa dhugumatti gabroota Rabbii qulqulleeffamoo taana turre.”
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
37:170
(Qur’aanni itti dhufnaan) isatti kafaranFuula dura beekuuf jiraatu
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
37:171
Dhugumatti, jechi keenya gabroota keenya ergamtootaaf dabreera
ﯕﯖﯗﯘ
37:172
Isaan isaanumatu tumsamoodha
ﯙﯚﯛﯜﯝ
37:173
Waraanni keenyas injifattoonni isaanuma (jechuunis dabarte)
ﯞﯟﯠﯡﯢ
37:174
(Yaa Muhammad!) Yeroo murtaa’eef isaan dhiisii irraa garagali
ﯣﯤﯥﯦ
37:175
Ati itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu
ﯧﯨﯩ
37:176
Sila adabbii keenya jarjarfatanii
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
37:177
Yeroo (adabbiin) qe’ee isaaniitti bu’e, bariisaan warra dinniinamanii fokkateera
ﯱﯲﯳﯴﯵ
37:178
(Yaa Muhammad!) hanga yeroo murtaa’eetti isaan irraa garagali
ﯶﯷﯸﯹ
37:179
Itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu
ﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
37:180
Goftaan kee, Gooftaan injifannaa, waan isaan jedhaniin irraa qulqullaa’e
ﰁﰂﰃﰄ
37:181
Nageenyis ergamtoota irra haa jiraatu
ﰅﰆﰇﰈﰉ
37:182
Faaruun hundi kan Allaah, Gooftaa aalama hundaati
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







