Suuratu Al-Mutaffifin pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Mutaffifin pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Mutaffifin Hiikkaa. Suuratu Al-Mutaffifin (Meccan) 36 Aayah.
Related
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Mutaffifin

ﯖﯗﯘ
83:1
Warra (safara) hir’isuuf badiin haa ta’u
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
83:2
Isaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
83:3
Yeroo namootaaf safaran yookiin madaalan immoo hir’isan
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
83:4
Sila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii
ﭑﭒﭓ
83:5
Guyyaa guddaadhaaf
ﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
83:6
Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
83:7
Dhugumatti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa taa
ﭡﭢﭣﭤﭥ
83:8
Sijjiin" maal akka tae maaltu si beeksise
ﭦﭧﭨ
83:9
Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama)
ﭩﭪﭫﭬ
83:10
Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e
ﭭﭮﭯﭰﭱ
83:11
Isaan guyyaa murtii sobsiisaniif
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
83:12
Daangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
83:13
Yeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qaraamte"ogbarruu warra duriiti" jedha
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
83:14
Haa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
83:15
Dhagayaa! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha
ﮔﮕﮖﮗﮘ
83:16
Ergasii isaan ibidda galtoota
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
83:17
Ergasii "inni kun isa isin sobsiisaa turtan" jedhama
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
83:18
Dhugumatti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessa taa
ﮨﮩﮪﮫﮬ
83:19
Illiyyiin" maal akka tae maaltu si beeksise
ﮭﮮﮯ
83:20
Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame)
ﮰﮱﯓ
83:21
Warra Rabbitti dhiheeffamantu itti hirmaata
ﯔﯕﯖﯗﯘ
83:22
Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananii keessa jiraatu
ﯙﯚﯛﯜ
83:23
Sireewwan irra (taaanii) ilaalu
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
83:24
Fuula isaanii keessatti ifina qananii ni beekta
ﯣﯤﯥﯦﯧ
83:25
Farsoo qadaadamaa irraa obaafamu
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
83:26
Dhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman
ﯰﯱﯲﯳ
83:27
Makaan isaas ‘Tasniim’ irraayi
ﯴﯵﯶﯷﯸ
83:28
(Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha
ﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
83:29
Dhugumatti, isaan dilaawan isaan amananitti kolfaa turan
ﰂﰃﰄﰅﰆ
83:30
Yeroo isaan bira dabran wal akeeku
ﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍ
83:31
Yeroo gara maatii isaanii deebianis gammadaa deebi’u
ﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔ
83:32
Yeroo isaan arganis "dhugumatti, isaan kun jallattoota" jedhu
ﰕﰖﰗﰘﰙ
83:33
Haala toattoota taanii isaan irratti hin ergaminiin
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
83:34
Har’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa
ﭘﭙﭚﭛ
83:35
Sireewwan irra (taanii) ilaalu
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
83:36
Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?” [jedhu]
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







