Suuratu Al-Infitar pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Infitar pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Infitar Hiikkaa. Suuratu Al-Infitar (Meccan) 19 Aayah.
Related
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Infitar

ﭑﭒﭓﭔ
82:1
Yeroo samiin dhodhoote
ﭕﭖﭗﭘ
82:2
Yeroo urjiiwwan harcaan
ﭙﭚﭛﭜ
82:3
Yeroo galaanonni walitti makaman
ﭝﭞﭟﭠ
82:4
Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
82:5
(Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi dhiifte ni beekti
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
82:6
Yaa namootaa! Gooftaa kee kan Arjaa taetti (amanuu irraa) maaltu si gowwoomse
ﭮﭯﭰﭱﭲ
82:7
Isa si uumee, ergasii si guutee, si sirreesse
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
82:8
Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse)
ﭺﭻﭼﭽﭾ
82:9
Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu
ﭿﮀﮁﮂ
82:10
Dhugumatti, isin irra to’attootatu jiru
ﮃﮄﮅ
82:11
Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an
ﮆﮇﮈﮉ
82:12
Waan isin dalagdan ni beeku
ﮊﮋﮌﮍﮎ
82:13
Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu
ﮏﮐﮑﮒﮓ
82:14
Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu
ﮔﮕﮖﮗ
82:15
Guyyaa murtii ishee seenu
ﮘﮙﮚﮛﮜ
82:16
Isaan ishee irraa hin fagaatanu
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
82:17
Sila guyyaan murtii maal akka tae maaltu si beeksise
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
82:18
Ergasii guyyaan murtii maal akka tae maaltu si beeksise
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
82:19
(Inni) guyyaa lubbuun tokko lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenyeGuyyaa san ajajni (hundi) kan Rabbiiti
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







