Yunus · 17/109
Hiikkaa Sagaleeffama — Yunus
فَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ افْتَرَىٰ عَلَى اللَّهِ كَذِبًا أَوْ كَذَّبَ بِآيَاتِهِ ۚ إِنَّهُ لَا يُفْلِحُ الْمُجْرِمُونَ ۝١٧
Faman azlamu mimmanif taraa `alal laahi kaziban aw kazzaba bi Aayaatih; innahoo laa yuflihul mujrimoon
📖 Afaan Oromoon
Nama Rabbi irratti kijiba uume yookiin kan keeyyattoota Isaa sobsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Dhugumatti, badii raawwattoonni hin milkaa’anu

🎧 Caqasi


📜 Aayah 15-19 — Yunus

15وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ آيَاتُنَا بَيِّنَاتٍ ۙ قَالَ الَّذِينَ لَا يَرْجُونَ لِقَاءَنَا ائْتِ بِقُرْآنٍ غَيْرِ هَٰذَا أَوْ بَدِّلْهُ ۚ قُلْ مَا يَكُونُ لِي أَنْ أُبَدِّلَهُ مِن تِلْقَاءِ نَفْسِي ۖ إِنْ أَتَّبِعُ إِلَّا مَا يُوحَىٰ إِلَيَّ ۖ إِنِّي أَخَافُ إِنْ عَصَيْتُ رَبِّي عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ
Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifamanis, isaan qunnamtii keenya hin sodaanne “Qur’aana kana hin ta’iniin nutti kottu; yookiin isa jijjiiri” jedhu“Ani of biraa isa jijjiiruun naaf hin ta’uWaan gara kiyyatti wahyii godhamu malee hin hordofuDhugumatti, ani yoon ajaja Gooftaa kiyyaa dide, adabbii guyyaa guddaan sodaadha” jedhi
16قُل لَّوْ شَاءَ اللَّهُ مَا تَلَوْتُهُ عَلَيْكُمْ وَلَا أَدْرَاكُم بِهِ ۖ فَقَدْ لَبِثْتُ فِيكُمْ عُمُرًا مِّن قَبْلِهِ ۚ أَفَلَا تَعْقِلُونَ
“Odoo Rabbiin fedhee, silaa ani isa isin irratti hin dubbisuInnis (Rabbis) isa isin hin beeksisuDhugumatti, ani isa duras yeroo dheeraa isin keessa jiraadheeraSila isin sammuu hin qabdanii?” jedhiin
17فَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ افْتَرَىٰ عَلَى اللَّهِ كَذِبًا أَوْ كَذَّبَ بِآيَاتِهِ ۚ إِنَّهُ لَا يُفْلِحُ الْمُجْرِمُونَ
Nama Rabbi irratti kijiba uume yookiin kan keeyyattoota Isaa sobsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Dhugumatti, badii raawwattoonni hin milkaa’anu
18وَيَعْبُدُونَ مِن دُونِ اللَّهِ مَا لَا يَضُرُّهُمْ وَلَا يَنفَعُهُمْ وَيَقُولُونَ هَٰؤُلَاءِ شُفَعَاؤُنَا عِندَ اللَّهِ ۚ قُلْ أَتُنَبِّئُونَ اللَّهَ بِمَا لَا يَعْلَمُ فِي السَّمَاوَاتِ وَلَا فِي الْأَرْضِ ۚ سُبْحَانَهُ وَتَعَالَىٰ عَمَّا يُشْرِكُونَ
Rabbiin ala waan isaan hin miineefi hin fayyadne gabbaranii “Isaan kun Rabbiin biratti manguddoota keenya” jedhu“Sila isin waan Inni samiifi dachii keessatti hin beekne Rabbitti himtuu? Inni (Rabbiin) waan isaan Isa waliin gabbaran irraa qulqullaa’e; olis ta’ee jira” jedhi
19وَمَا كَانَ النَّاسُ إِلَّا أُمَّةً وَاحِدَةً فَاخْتَلَفُوا ۚ وَلَوْلَا كَلِمَةٌ سَبَقَتْ مِن رَّبِّكَ لَقُضِيَ بَيْنَهُمْ فِيمَا فِيهِ يَخْتَلِفُونَ
Ilmi namaa ummata tokko malee hin turreBooda irra wal dhabanOdoo jechi Gooftaa kee irraa ta’e dursee dabruu baatee, silaa waan isaan irratti wal dhaban keessatti gidduu isaaniitti ni murteeffama ture
YunusTarreeffama Qur'ana
109Aayah
MeccanRevelation
17Aayah

Hiikkaa — Yunus 17

Suuratu Yunus Aayah 17 - Dubbisi, Caqasi, Hiikkaa, Oromo : Nama Rabbi irratti kijiba uume yookiin kan keeyyattoota Isaa sobsiise…

Suuratu Aayah 17/109 — Yunus يونس (Meccan). Dubbisi Caqasi Hiikkaa (Oromo). Caqasi: Yunus Caqasi, Yunus Hiikkaa, Yunus mp3, Yunus pdf. Aayah 15–19. Afaan Oromoon: العربية.




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers