Suuratu Al-Qalam pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Qalam pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Qalam Hiikkaa. Suuratu Al-Qalam (Meccan) 52 Aayah.
Related
- Suuratu Al-Qalam HiikkaaOromo
- Suuratu Al-Qalam mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Qalam

ﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
68:1
NuunQalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
68:2
Ati niimaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
68:3
Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira
ﮛﮜﮝﮞﮟ
68:4
Dhugumatti, ati amala (naamusa) guddaa irra jirta
ﮠﮡﮢ
68:5
Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru
ﮣﮤﮥ
68:6
Eenyuu keessantu Maraataa akka ta’e (arguuf jirtu)
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
68:7
Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; namoota qajeeloos Isatu akkaan beeka
ﯓﯔﯕﯖ
68:8
Kijibsiiftotaaf hin ajajamin
ﯗﯘﯙﯚﯛ
68:9
Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
68:10
Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin
ﯢﯣﯤﯥ
68:11
Akkaan hamataa, walitti naqaadhaan akkaan deemaa kan taeef (hin ajajamin)
ﯦﯧﯨﯩﯪ
68:12
Toltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis
ﯫﯬﯭﯮﯯ
68:13
Gara jabeessa, sana booda immoo galtuu kan taeen (hin ajajamin)
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
68:14
Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii taeef (boonee kafare)
ﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
68:15
Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe
ﯾﯿﰀﰁ
68:16
Funyaan irratti isa mallatteessina
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
68:17
Dhugumatti, Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra
ﭜﭝﭞ
68:18
Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan)
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
68:19
Odoo isaan rafanuu, naannaaan (adabbiin) Rabbii kee biraa tae ishee irra naannae
ﭧﭨﭩ
68:20
Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte
ﭪﭫﭬ
68:21
Bariidhaan walitti lallaban
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
68:22
Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan)
ﭵﭶﭷﭸ
68:23
Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
68:24
Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan)
ﮀﮁﮂﮃﮄ
68:25
(Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti dandaoo taanii bariisifatan
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
68:26
Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha
ﮋﮌﮍﮎ
68:27
Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
68:28
Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
68:29
Gooftaan keenya qulqullaae; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
68:30
Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
68:31
Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
68:32
Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeellaNuti dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan)
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
68:33
Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadhaOdoo beekanii (irraa of tiksu turan)
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
68:34
Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira
ﯨﯩﯪﯫ
68:35
Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa
ﯬﯭﯮﯯﯰ
68:36
Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
68:37
Dhugumatti, kitaaba (samii bue) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
68:38
Kan dhugumatti, isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)
ﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
68:39
Sila ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun kakuu Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka gaaa taetu isiniif jira moo
ﰊﰋﰌﰍﰎ
68:40
Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu
ﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗ
68:41
Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu) qabu moo? Yoo kan dhugaa dubbatan taaniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu
ﰘﰙﰚﰛﰜﰝﰞﰟﰠﰡ
68:42
Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu]
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
68:43
Ijji isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguugaDhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
68:44
Anaafi nama haasaa (Quraana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
68:45
Yeroon isaaniif kennaDhugumatti, tooftaan Kiyya cimaadha
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
68:46
Sila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali)
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
68:47
Sila (iccitii) fagoo kan isaan barreessantu isaan bira jira moo
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
68:48
Murtii Gooftaa keetiitiif obsiAkka saahiba qurxummii kan yeroo dallansuun guutame san (Rabbitti) lallabee hin tain
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
68:49
Odoo niimaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa taeeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
68:50
Gooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
68:51
Isaan kafaran yeroo yaadachiisa dhagaan ija isaaniitiin lafaan si dhahuufi "dhugumatti, inni maraataa dha" (siin) jechuutti dhihaatu
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
68:52
Innis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







