Suuratu An-Nazi'at pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu An-Nazi'at pdf Oromo — Buufi Suuratu An-Nazi'at Hiikkaa. Suuratu An-Nazi'at (Meccan) 46 Aayah.
Related
More Suuratu PDF
Suuratu An-Nazi'at

ﮢﮣﮤ
79:1
[Maleykaa lubbuu kaafiraa] humnaan buttuunin (kakadha)
ﮥﮦﮧ
79:2
[Kan lubbuu mu’uminaa] luqqisuu suuta luqqiftuunis
ﮨﮩﮪ
79:3
[Kan ajaja Rabbii geessuuf] adeemuu demaniinis
ﮫﮬﮭ
79:4
[Maleykota] dorgommii wal dorgomaniinis
ﮮﮯﮰ
79:5
(Kan) ajaja Rabbii gara dachii geessaniininis (nan kakadha)
ﮱﯓﯔﯕ
79:6
Guyyaa sochootuun [afuuffiin xurumbaa nama] sochooftu
ﯖﯗﯘ
79:7
Hordoftuutu (afuuffii biraatu) ishee hordofa
ﯙﯚﯛﯜ
79:8
Onneen gariin guyyaa san rifattuudha
ﯝﯞﯟ
79:9
Ijji ishee salphattuudha
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
79:10
Ni jedhu: "sila nuti dhugumatti haala jireenya duriitti ni deebifamnaa
ﯦﯧﯨﯩﯪ
79:11
Sila erga lafee dhumte taanee moo
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
79:12
Yoo akkas tae sun deebii hoongooti" jedhan
ﯱﯲﯳﯴﯵ
79:13
Isheen iyya (afuuffii) tokko qofa
ﯶﯷﯸﯹ
79:14
Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti tau
ﯺﯻﯼﯽﯾ
79:15
Sila haasofni waa’ee Muusaa sitti dhufee
ﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅ
79:16
Yeroo Gooftaan isaa laga qulqulleffamaa "Xuwaa" jedhamu keessatti isatti lallabe
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
79:17
Gara Firawn deemi; inni daangaa darbee jira
ﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
79:18
Jedhiin: "sila gara (shirkii irraa) qulqulleffachuutti fedha qabdaa
ﭞﭟﭠﭡﭢ
79:19
Akka sodaattuuf gara Gooftaa keetii si qajeelchutti (fedha qabdaa)
ﭣﭤﭥﭦ
79:20
[Muusan] mallattoo guddaa isa (Firawniin) agarsiise
ﭧﭨﭩ
79:21
Inni (Fir’awn) sobsiisee faallesse
ﭪﭫﭬﭭ
79:22
Ergasii ariifataa gara gale
ﭮﭯﭰ
79:23
Sana booda walitti qabee lallabe
ﭱﭲﭳﭴﭵ
79:24
“Ani gooftaa keessan isa ol aanaadha” jedhe
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
79:25
Sana booda Rabbiin adabbii [badii] boodaatiifi jalqabaatiifis isa qabe
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
79:26
Dugumatti, kana keessa nama Rabbiin sodaatuuf gorsatu jira
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
79:27
Sila uumaa keessantu irra jabaata moo samii dha? Inni (Rabbiin) ishee ni ijaare
ﮋﮌﮍﮎ
79:28
Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse
ﮏﮐﮑﮒﮓ
79:29
Halkan ishee dukkaneessee guyyaa ishee ibse
ﮔﮕﮖﮗﮘ
79:30
Dachii sana booda sirreesse
ﮙﮚﮛﮜﮝ
79:31
Ishee irraa bishaan isheetiifi biqiltuu ishee ni baase
ﮞﮟﮠ
79:32
Gaarreenis dachii irra ni dhaabe
ﮡﮢﮣﮤ
79:33
Isiniifi beelladoota keessan qanansiisuuf [kana godhe]
ﮥﮦﮧﮨﮩ
79:34
Yeroo balaan guddoon (Qiyaamaan) dhufte
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
79:35
Guyyaa namni waan hojjate hunda yaadatu
ﮰﮱﯓﯔﯕ
79:36
(Guyyaa) ibiddi jahannam namuma arguuf mulatte
ﯖﯗﯘﯙ
79:37
Namni daangaa dabree
ﯚﯛﯜﯝ
79:38
Jireenya addunyaa kanaa filate
ﯞﯟﯠﯡﯢ
79:39
Dhugumatti, teesson isaa jahannami
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
79:40
Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee, lubbuu isaa waan isheen hawwitu irraa dhorge
ﯭﯮﯯﯰﯱ
79:41
Dhugumatti, jannanni bakka qubannaa isaati
ﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
79:42
[Yaa Muhammad SAW!] Qiyaamaa irraa, yoom argamtii ishee si gaafatu
ﯸﯹﯺﯻﯼ
79:43
Ati beekumsa ishee irraa maal keessa jirta
ﯽﯾﯿﰀ
79:44
Beekumsi ishee kan dhumaa garuma Gooftaa keetiiti
ﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
79:45
Dhugumatti, ati akeekkachiisaa nama ishee sodaatuuti
ﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐ
79:46
Isaan guyyaa ishee argan waan galgala tokko yookiin ganama tokko malee (addunyaa irra) hin turin itti fakkaata
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







