Suuratu An-Naba pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu An-Naba pdf Oromo — Buufi Suuratu An-Naba Hiikkaa. Suuratu An-Naba (Meccan) 40 Aayah.
Related
- Suuratu An-Naba HiikkaaOromo
- Suuratu An-Naba mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu An-Naba

ﭑﭒﭓ
78:1
[Warri hin amanin] maal irraa wal gaafatuu
ﭔﭕﭖﭗ
78:2
Oduu guddaa irraa [wal gaafatu]
ﭘﭙﭚﭛﭜ
78:3
Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi]
ﭝﭞﭟ
78:4
Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru
ﭠﭡﭢﭣ
78:5
Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru
ﭤﭥﭦﭧﭨ
78:6
Sila Nuti dachii firaasha hin goonee
ﭩﭪﭫ
78:7
Gaarreenis shikaala [hin goonee]
ﭬﭭﭮ
78:8
Cimdiis goonee isin uumne
ﭯﭰﭱﭲ
78:9
Hirriba keessan boqonnaa goone
ﭳﭴﭵﭶ
78:10
Halkan uffata goone
ﭷﭸﭹﭺ
78:11
Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone
ﭻﭼﭽﭾﭿ
78:12
Gubbaa keessanittis [samii] jajjaboo torba ijaarre
ﮀﮁﮂﮃ
78:13
Ifaa bobaaas uumne
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
78:14
Duumessa irraas bishaan dhangalaaa baayee buufne
ﮊﮋﮌﮍﮎ
78:15
Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne]
ﮏﮐﮑ
78:16
Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
78:17
Dhugumatti, guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa tae
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
78:18
[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha
ﮟﮠﮡﮢﮣ
78:19
[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha
ﮤﮥﮦﮧﮨ
78:20
Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate
ﮩﮪﮫﮬﮭ
78:21
Dhugumatti jahannam waldaa taateetti
ﮮﮯﮰ
78:22
Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti
ﮱﯓﯔﯕ
78:23
Yeroo dheeraaf ishee keessa turu
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
78:24
Ishee keessatti qabbanas taee dhugaatii hin dhandhamanu
ﯝﯞﯟﯠ
78:25
Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu]
ﯡﯢﯣ
78:26
Mindaa wal madaalu [mindeeffaman]
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
78:27
Isaan qormaata hin sodaatanu turan
ﯪﯫﯬﯭ
78:28
Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan
ﯮﯯﯰﯱﯲ
78:29
Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
78:30
“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama]
ﭑﭒﭓﭔ
78:31
Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira
ﭕﭖﭗ
78:32
Ashaakiltiifi inabatu [jira]
ﭘﭙﭚ
78:33
Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa taantu [jiru]
ﭛﭜﭝ
78:34
Geeba (xoofoo) guutamtuu
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
78:35
Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhagaanu
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
78:36
Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman]
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
78:37
Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan tae [irraa mindeeffaman]Isaa wajjin dubbachuu hin dandaanu
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
78:38
Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
78:39
Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaatiNamni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
78:40
Nuti adabbii dhihoo kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte arguufi kaafirris "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba" jedhu san isin sodaachifneerra
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







