Suuratu 'Abasa pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu 'Abasa pdf Oromo — Buufi Suuratu 'Abasa Hiikkaa. Suuratu 'Abasa (Meccan) 42 Aayah.
Related
- Suuratu 'Abasa HiikkaaOromo
- Suuratu 'Abasa mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu 'Abasa

ﭑﭒﭓ
80:1
Fuula guuree gara gale
ﭔﭕﭖﭗ
80:2
Sababa jaamaan isatti dhufeef
ﭘﭙﭚﭛﭜ
80:3
Maaltu si beeksise? Qulqullaa’uun isaa ni kajeelama
ﭝﭞﭟﭠﭡ
80:4
Yookiin gorfameeti gorsi isa fayyaddi
ﭢﭣﭤﭥ
80:5
Nama duroome immoo
ﭦﭧﭨﭩ
80:6
Ati [akka amananuuf jecha] gara isaa gara galta
ﭪﭫﭬﭭﭮ
80:7
Haala qulqullaauu dhiisuun isaa homaa sirra hin jirreen
ﭯﭰﭱﭲﭳ
80:8
Nama fiigaa sitti dhufe immoo
ﭴﭵﭶ
80:9
Kan Rabbiin sodaatu ta’ee
ﭷﭸﭹﭺ
80:10
Ati isa irraa dagatta
ﭻﭼﭽﭾ
80:11
Dhorgami! Isheen gorsa
ﭿﮀﮁﮂ
80:12
Nama fedhetu isa (Quraana) yaadata
ﮃﮄﮅﮆ
80:13
Galmeewwan kabajamtuu keessa jira
ﮇﮈﮉ
80:14
Ol fuudhamtuu, qulqulleeffamtuu (keessa jira)
ﮊﮋﮌ
80:15
Harka barressitootaa (maleykotaa) jira
ﮍﮎﮏ
80:16
Kabajamoo, ajajamtoota (harka jira)
ﮐﮑﮒﮓﮔ
80:17
Namni abaarame! Sila maaltu isa kafarsiise
ﮕﮖﮗﮘﮙ
80:18
(Rabbiin) waan akkamii irraa isa uume? (hin xiinxaluu)
ﮚﮛﮜﮝﮞ
80:19
Bishaan saalaa irraa isa uumeeti, ergasii isa sirreesse
ﮟﮠﮡﮢ
80:20
Ergasii karaa (inni ittiin dhalatu) isaaf laaffise
ﮣﮤﮥﮦ
80:21
Ergasii isa ajjeeseti isa awwaalchise
ﮧﮨﮩﮪﮫ
80:22
Ergasii yeroo fedhe isa kaasa
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
80:23
Dhugumatti, (namni) waan Rabbiin isa ajaje ammallee hin raawwanne
ﯓﯔﯕﯖﯗ
80:24
Namni gara nyaata isaa haa ilaalu
ﯘﯙﯚﯛﯜ
80:25
Nuti bishaan buusiinsa baay’inaan buufne
ﯝﯞﯟﯠﯡ
80:26
Ergasii dachii dhodhoosiinsa dhodhoofne
ﯢﯣﯤﯥ
80:27
Achumaan Ishee keessatti firii magarsine
ﯦﯧﯨ
80:28
Inabaafi margas
ﯩﯪﯫ
80:29
Zeytunaafi muka timiraas
ﯬﯭﯮ
80:30
Ashaakiltiilee muka baay’atanis
ﯯﯰﯱ
80:31
Fuduraafi kaloo [akka nuti uumne haa ilaalu]
ﯲﯳﯴﯵ
80:32
Isiniifi beylada keessanis qanansiisuuf
ﯶﯷﯸﯹ
80:33
Yeroo gurra duuchituun (Qiyaamaan)dhufte
ﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
80:34
Guyyaa namni obboleessa isaa irraa dheessu
ﰀﰁﰂ
80:35
Haadha isaatiifi abbaa isaa irraas
ﰃﰄﰅ
80:36
Niitii isaatiifi ijoollee isaa irraas (baqatu san dhufti)
ﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
80:37
Nama Isaan irraa ta’e hundaaf guyyaa sana dhimma isa duroomsutu jira
ﰍﰎﰏﰐ
80:38
Fuulli gariin guyyaa san ni ifti
ﰑﰒﰓ
80:39
Kolfituu, gammadduudha
ﰔﰕﰖﰗﰘ
80:40
Fuulli gariin immoo guyyaa san dhukkeetu (quttootu) irra jira
ﭑﭒﭓ
80:41
Gurraachinni ishee haguuga
ﭔﭕﭖﭗﭘ
80:42
Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessa hojjataniidha
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







