Suuratu At-Takwir pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu At-Takwir pdf Oromo — Buufi Suuratu At-Takwir Hiikkaa. Suuratu At-Takwir (Meccan) 29 Aayah.
Related
- Suuratu At-Takwir HiikkaaOromo
- Suuratu At-Takwir mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu At-Takwir

ﭙﭚﭛﭜ
81:1
Yeroo aduun maramte
ﭝﭞﭟﭠ
81:2
Yeroo urjiin harcaate
ﭡﭢﭣﭤ
81:3
Yeroo gaarreen bakkaa oofamte
ﭥﭦﭧﭨ
81:4
Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte)
ﭩﭪﭫﭬ
81:5
Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte
ﭭﭮﭯﭰ
81:6
Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti bobaan)
ﭱﭲﭳﭴ
81:7
Yeroo lubbuun hundi qindeeffamte
ﭵﭶﭷﭸ
81:8
Yeroo durbi fayyaan awwaalamte gaafatamte
ﭹﭺﭻﭼ
81:9
Balleessa kamiif akka ajjeefamte
ﭽﭾﭿﮀ
81:10
Yeroo galmeen (hojii) raabsamte
ﮁﮂﮃﮄ
81:11
Yeroo samiin buqqifamtee maramte
ﮅﮆﮇﮈ
81:12
Yeroo ibiddi qabsiifamte
ﮉﮊﮋﮌ
81:13
Yeroo jannanni dhiheeffamte
ﮍﮎﮏﮐﮑ
81:14
Lubbuun waan dalagatte beekteetti
ﮒﮓﮔﮕ
81:15
(Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mulataniinin kakadha
ﮖﮗﮘ
81:16
(Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha)
ﮙﮚﮛﮜ
81:17
Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha)
ﮝﮞﮟﮠ
81:18
Bariittillee yeroo inni diriiren (kakadha)
ﮡﮢﮣﮤﮥ
81:19
Dhugumatti, inni (Quraanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
81:20
(Ergamaa) abbaa humnaa tae, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu
ﮭﮮﮯﮰ
81:21
Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan tae
ﮱﯓﯔﯕ
81:22
Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti
ﯖﯗﯘﯙﯚ
81:23
Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
81:24
Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti donaa miti (hin dhoksu)
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
81:25
Innis (Quraanni) jecha sheeyxaana darbamaa miti
ﯧﯨﯩ
81:26
Mee eessuma deemtu
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
81:27
Inni aalama hundaaf gorsa malee homaa miti
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
81:28
Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa taa)
ﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
81:29
Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







