Yusuf · 67/111
Hiikkaa Sagaleeffama — Yusuf
وَقَالَ يَا بَنِيَّ لَا تَدْخُلُوا مِن بَابٍ وَاحِدٍ وَادْخُلُوا مِنْ أَبْوَابٍ مُّتَفَرِّقَةٍ ۖ وَمَا أُغْنِي عَنكُم مِّنَ اللَّهِ مِن شَيْءٍ ۖ إِنِ الْحُكْمُ إِلَّا لِلَّهِ ۖ عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ ۖ وَعَلَيْهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُتَوَكِّلُونَ ۝٦٧
Wa qaala yaa baniyya laa tadkhuloo mim baabinw waa hidinw wadkhuloo min abwaabim mutafarriqah; wa maaa ughnee `ankum minal laahi min shai`in; inil hukmu illaa lillaahi `alaihi tawakkaltu wa `alaihi fal yatawakkalil Mutawakkiloon
📖 Afaan Oromoon
Ni jedhe: “Yaa ilmaan kiyya! balbala tokkoon hin seeninaaBalbaloota adda addaatiin seenaaAnis (murtii) Rabbii irraa homaa isin irraa hin duroomsuDhugumatti, murtiin Rabbiif malee hin maluIsa (qofa) irratti hirkadheHirkattoonnis isuma (qofa) irratti haa hirkatan.”
🎧 Caqasi

📜 Aayah 65-69 — Yusuf

65وَلَمَّا فَتَحُوا مَتَاعَهُمْ وَجَدُوا بِضَاعَتَهُمْ رُدَّتْ إِلَيْهِمْ ۖ قَالُوا يَا أَبَانَا مَا نَبْغِي ۖ هَٰذِهِ بِضَاعَتُنَا رُدَّتْ إِلَيْنَا ۖ وَنَمِيرُ أَهْلَنَا وَنَحْفَظُ أَخَانَا وَنَزْدَادُ كَيْلَ بَعِيرٍ ۖ ذَٰلِكَ كَيْلٌ يَسِيرٌ
Yeroma meeshaa isaanii bananii maallaqa isaanii kan isaaniif deebi’e ta’uu arganis ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! (kana caalaa) maal barbaanna? Isheen kuni maallaqa keenya; gara keenya deebifamteMaatii keenyaafis midhaan ni binnaObboleessa keenyas ni tiksinaFe’iinsa (ba’aa) gaalaa tokkoos ni dabalannaKun (mooticha biratti) safara xiqqoodha.”
66قَالَ لَنْ أُرْسِلَهُ مَعَكُمْ حَتَّىٰ تُؤْتُونِ مَوْثِقًا مِّنَ اللَّهِ لَتَأْتُنَّنِي بِهِ إِلَّا أَن يُحَاطَ بِكُمْ ۖ فَلَمَّا آتَوْهُ مَوْثِقَهُمْ قَالَ اللَّهُ عَلَىٰ مَا نَقُولُ وَكِيلٌ
(Ya’aquub) ni jedhe: “Yoo (diinaan) marfamtan malee hanga akka isa deebiftanii naaf fiddanutti kakuu Rabbi irraa ta’e naaf kennitanitti isa isin wajjiin hin ergu.” Yeroma isaan kakuu isaanii isaaf kennan “Rabbiin waan nuti jennu irratti ragaadha” jedhe
67وَقَالَ يَا بَنِيَّ لَا تَدْخُلُوا مِن بَابٍ وَاحِدٍ وَادْخُلُوا مِنْ أَبْوَابٍ مُّتَفَرِّقَةٍ ۖ وَمَا أُغْنِي عَنكُم مِّنَ اللَّهِ مِن شَيْءٍ ۖ إِنِ الْحُكْمُ إِلَّا لِلَّهِ ۖ عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ ۖ وَعَلَيْهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُتَوَكِّلُونَ
Ni jedhe: “Yaa ilmaan kiyya! balbala tokkoon hin seeninaaBalbaloota adda addaatiin seenaaAnis (murtii) Rabbii irraa homaa isin irraa hin duroomsuDhugumatti, murtiin Rabbiif malee hin maluIsa (qofa) irratti hirkadheHirkattoonnis isuma (qofa) irratti haa hirkatan.”
68وَلَمَّا دَخَلُوا مِنْ حَيْثُ أَمَرَهُمْ أَبُوهُم مَّا كَانَ يُغْنِي عَنْهُم مِّنَ اللَّهِ مِن شَيْءٍ إِلَّا حَاجَةً فِي نَفْسِ يَعْقُوبَ قَضَاهَا ۚ وَإِنَّهُ لَذُو عِلْمٍ لِّمَا عَلَّمْنَاهُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ
Yeroma isaan akkaataa abbaan isaanii isaan ajajeen seenanis, (murtii) Rabbii irraa homaa kan isaan duroomsu hin taaneGaruu dhimma lubbuu Ya’aquub keessa jiru ishee raawwateeraDhugumatti inni waan isa barsiifne irratti abbaa beekumsaatiGaruu irra hedduun namaa hin beekanu
69وَلَمَّا دَخَلُوا عَلَىٰ يُوسُفَ آوَىٰ إِلَيْهِ أَخَاهُ ۖ قَالَ إِنِّي أَنَا أَخُوكَ فَلَا تَبْتَئِسْ بِمَا كَانُوا يَعْمَلُونَ
Yeroma isaan Yuusuf irra seenan obboleessa isaa (Ben-yaamiiniin) ofitti dhiheessee “Dhugumatti, ani anatu obboleessa keetii, waan isaan hojjachaa turanittis hin gaddin” jedhe
YusufTarreeffama Qur'ana
111Aayah
MeccanRevelation
67Aayah

Hiikkaa — Yusuf 67

Suuratu Yusuf Aayah 67 - Dubbisi, Caqasi, Hiikkaa, Oromo : Ni jedhe: “Yaa ilmaan kiyya! balbala tokkoon hin seeninaaBalbaloota adda…

Suuratu Aayah 67/111 — Yusuf يوسف (Meccan). Dubbisi Caqasi Hiikkaa (Oromo). Caqasi: Yusuf Caqasi, Yusuf Hiikkaa, Yusuf mp3, Yusuf pdf. Aayah 65–69. Afaan Oromoon: العربية.




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers