Al-Maidah · 111/120
Hiikkaa Sagaleeffama — Al-Maidah
وَإِذْ أَوْحَيْتُ إِلَى الْحَوَارِيِّينَ أَنْ آمِنُوا بِي وَبِرَسُولِي قَالُوا آمَنَّا وَاشْهَدْ بِأَنَّنَا مُسْلِمُونَ ۝١١١
Wa iz awhaitu ilal hawaariyyeena an aaminoo bee wa bi Rasoolee qaalooo aamannaa washhad bi annanaa muslimoon
📖 Afaan Oromoon
Yeroo ani gara hawaariyyootaa "Anaafi ergamaa kiyyatti amanaa" jechuu beeksisee isaanis "Nuti amanne; akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’i" jedhan [yaadadhu]
🎧 Caqasi

📜 Aayah 109-113 — Al-Maidah

109۞ يَوْمَ يَجْمَعُ اللَّهُ الرُّسُلَ فَيَقُولُ مَاذَا أُجِبْتُمْ ۖ قَالُوا لَا عِلْمَ لَنَا ۖ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّامُ الْغُيُوبِ
Guyyaa Rabbiin ergamoota (Isaa) walitti qabee "deebii maaliitu isiniif deebi’e" jedhu [yaadadhu][Isaan] "nuti beekumsa hin qabnu; Ati situ akkaan beekaa fagooti" jedhan
110إِذْ قَالَ اللَّهُ يَا عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ اذْكُرْ نِعْمَتِي عَلَيْكَ وَعَلَىٰ وَالِدَتِكَ إِذْ أَيَّدتُّكَ بِرُوحِ الْقُدُسِ تُكَلِّمُ النَّاسَ فِي الْمَهْدِ وَكَهْلًا ۖ وَإِذْ عَلَّمْتُكَ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَالتَّوْرَاةَ وَالْإِنجِيلَ ۖ وَإِذْ تَخْلُقُ مِنَ الطِّينِ كَهَيْئَةِ الطَّيْرِ بِإِذْنِي فَتَنفُخُ فِيهَا فَتَكُونُ طَيْرًا بِإِذْنِي ۖ وَتُبْرِئُ الْأَكْمَهَ وَالْأَبْرَصَ بِإِذْنِي ۖ وَإِذْ تُخْرِجُ الْمَوْتَىٰ بِإِذْنِي ۖ وَإِذْ كَفَفْتُ بَنِي إِسْرَائِيلَ عَنكَ إِذْ جِئْتَهُم بِالْبَيِّنَاتِ فَقَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْهُمْ إِنْ هَٰذَا إِلَّا سِحْرٌ مُّبِينٌ
“Yaa Iisaa ilma Maryam! haala ati daa’imummaafi ga’eessummaan nama dubbiftuun yeroo Ani ruuhii qulqulluudhaan si jabeesse, ni’imaa Ani siifi haadha kee irratti oole yaadadhu" yeroo Rabbiin jedhe (dubbadhu)Ammas (yeroo) Ani kitaaba, ogummaa, Tawraatiifi Injiiliin si barsiisuufi yeroo heyyama kiyyaan dhoqqee irraa waan akka allaattii uumtee afuura keessatti afuuftee heyyama kiyyaan allaattii ta’u; yeroo heyyama kiyyaan jaamaafi shoolii (barasa) fayyiftu, yeroo heyyama kiyyaan du’aa kaaftu, yeroo ati ragaa ifa ba’aan isaanitti dhufnaan isaan irraa warri kafaran “kuni sihrii ifa galaadha” jedhan, yeroo (si ajjeesuu barbaadnaan) banii Israa’iil sirraa deebise" [yaadadhu]
111وَإِذْ أَوْحَيْتُ إِلَى الْحَوَارِيِّينَ أَنْ آمِنُوا بِي وَبِرَسُولِي قَالُوا آمَنَّا وَاشْهَدْ بِأَنَّنَا مُسْلِمُونَ
Yeroo ani gara hawaariyyootaa "Anaafi ergamaa kiyyatti amanaa" jechuu beeksisee isaanis "Nuti amanne; akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’i" jedhan [yaadadhu]
112إِذْ قَالَ الْحَوَارِيُّونَ يَا عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ هَلْ يَسْتَطِيعُ رَبُّكَ أَن يُنَزِّلَ عَلَيْنَا مَائِدَةً مِّنَ السَّمَاءِ ۖ قَالَ اتَّقُوا اللَّهَ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ
Yeroo hawaariyyoonni "Yaa Iisaa Ilma Maryam! Sila Gooftaan kee maaddii (qorii) samii irraa nuuf buusuu danda’aa?" jedhanu [yaadadhu](Iisaanis) "Yoo mu’uminoota taataniif Rabbiin sodaadhaa" jedhe
113قَالُوا نُرِيدُ أَن نَّأْكُلَ مِنْهَا وَتَطْمَئِنَّ قُلُوبُنَا وَنَعْلَمَ أَن قَدْ صَدَقْتَنَا وَنَكُونَ عَلَيْهَا مِنَ الشَّاهِدِينَ
(Isaanis) "Nuti ishee irraa nyaachuu, onneen keenya tasgabbaa’uu, akka wanti ati jettu dhugaa ta’e mirkaneeffachuufi nutis san irratti warra ragaa ba’an irraa ta’uu feena" jedhan
Al-MaidahTarreeffama Qur'ana
120Aayah
MedinanRevelation
111Aayah

Hiikkaa — Al-Maidah 111

Suuratu Al-Maidah Aayah 111 - Dubbisi, Caqasi, Hiikkaa, Oromo : Yeroo ani gara hawaariyyootaa "Anaafi ergamaa kiyyatti amanaa" jechuu beeksisee…

Suuratu Aayah 111/120 — Al-Maidah المائدة (Medinan). Dubbisi Caqasi Hiikkaa (Oromo). Caqasi: Al-Maidah Caqasi, Al-Maidah Hiikkaa, Al-Maidah mp3, Al-Maidah pdf. Aayah 109–113. Afaan Oromoon: العربية.




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers