Suuratu Adh-Dhariyat pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Adh-Dhariyat pdf Oromo — Buufi Suuratu Adh-Dhariyat Hiikkaa. Suuratu Adh-Dhariyat (Meccan) 60 Aayah.
Related
More Suuratu PDF
Suuratu Adh-Dhariyat

ﯤﯥﯦ
51:1
(Qilleensa) bubbisuu bubbiftuunin kakadha
ﯧﯨﯩ
51:2
(Duumessa bishaan) ulfaataa baadhattuunis
ﯪﯫﯬ
51:3
(Dooniwwan) haala salphaan (bishaan gubbaa) yaa’aniinis
ﯭﯮﯯ
51:4
(Maleykota) ajaja (Rabbii) raabsaniinis
ﯰﯱﯲﯳ
51:5
Wanti isin beellamamtan dhugaadha
ﯴﯵﯶﯷ
51:6
(Guyyaan) murtii dhugumatti argamaadha
ﭑﭒﭓﭔ
51:7
Ammas samii abbaa miidhaginaatiin kakadhe
ﭕﭖﭗﭘﭙ
51:8
Dhugumatti, isin yaada wal dhadhabaa keessa jirtu
ﭚﭛﭜﭝﭞ
51:9
Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha
ﭟﭠﭡ
51:10
Sobdoonni abaaramaniiru
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
51:11
Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha
ﭨﭩﭪﭫﭬ
51:12
“Guyyaan mindaa yoomi?” (jechuun) gaafatu
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
51:13
(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamaniidha
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
51:14
“Adaba keessan kan ariifataa turtan dhandhamaa” (isaaniin jedhama)
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
51:15
Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
51:16
Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhachaa (jiraatu)Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
51:17
Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan
ﮓﮔﮕﮖ
51:18
Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhataniidha
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
51:19
Kan qabeenya isaanii keessa kadhataafi kan hin kadhanneefis haqni jiruudha
ﮝﮞﮟﮠﮡ
51:20
Dachii keessas isaan dhugaan amananiif mallattooleetu jiru
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
51:21
Lubbuu keessan keessas (akkasuma)Sila hin argitanuu
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
51:22
Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis samii keessa jira
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
51:23
Gooftaa samiifi dachiitiin kakadhee! Inni dhugaa fakkiidhuma waan isinuu dubbattanuuti
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
51:24
Seenaan keessummaa Ibraahiim kabajamoo ta’anii sitti dhufeeraa
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
51:25
Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan[Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); isin namoota ani hin beekneedha” jedheen
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
51:26
Ergasii gara maatii isaa deebi’eeti mirgoo (jibicha) gabbataan dhufe
ﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
51:27
Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃ
51:28
Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabeIsaan “hin sodaatin” jedhaniinIlma beekumsa qabuunis isa gammachiisan
ﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍ
51:29
Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufteFuula ishee dhadhayaa “Ani jaartii manguddoo maseena hoo (akkamittin daha)!” jette
ﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗ
51:30
(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?”
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
51:31
(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?”
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
51:32
[Isaan] ni jedhan: “Nuti gara ummata yakkamtootaa ergamne
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
51:33
Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).”
ﭥﭦﭧﭨﭩ
51:34
Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan mallateeffamte haala taateen
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
51:35
Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa jiran ni baafne
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
51:36
Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee keessatti homaa hin argine
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
51:37
Warra adabbii laalessaa sodaataniif ishee keessatti mallattoo hambifnee jirra
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
51:38
(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra)
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
51:39
Innis (Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
51:40
Isaafi waraana isaas haala komatamaa ta’een qabnee galaana keessatti isaan darbine
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
51:41
(Seenaa) Aad keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira)
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
51:42
Waan isa irra dhufte tokkoyyuu akka lafee dhumee isa gootu malee hin dhiiftu
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
51:43
(Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira)
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝ
51:44
Ajaja Gooftaa isaanii irraa ni boonanOdoo isaan ilaalanuu iyyansi (dhumti) isaan qabatte
ﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
51:45
Ergasii dhaabbachuu hin dandeenye; tumsamoos hin taane
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
51:46
Ummata Nuuhis san dura (ballessinee jirra)Dhugumatti, isaan ummata finciltoota turan
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
51:47
Samiis humnaan ishee ijaarreDhugumatti, Nuti (ishee) bal’isoodha
ﯶﯷﯸﯹﯺ
51:48
Dachiis diriirsinee jirra; (Nuti) diriirsitoonni waa tolle
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
51:49
Akka isin gorfamtaniif waan hunda irraa qindiiwwan uumne
ﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
51:50
Gara Rabbii baqadhaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha
ﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙ
51:51
Allaah wajjinis gabbaramaa biraa hin taasisinaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
51:52
Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
51:53
Sila (sobsiisuu kana) waliif dhaamanii? Lakkisaa, isaanumatu ummata daangaa dabroodha
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
51:54
Isaan irraa garagali; ati komatamaa miti
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
51:55
Yaadachiisi; yaadachiifni mu’uminoota ni fayyaddii
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
51:56
Jinniifi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
51:57
Soorata homaatuu isaan irraa hin fedhuAkka Ana nyaachisanis hin fedhu
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
51:58
Rabbiin Isatu akkaan soorata kennaa, abbaa humna cimaati
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
51:59
Dhugumatti, miidhaa raawwattootaaf qooda adabaa kan akka adabbii fakkaattota isaaniitu jiraafii akka Nan jarjarfanne
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
51:60
Warra kafaraniif guyyaa isaanii kan beellama godhaman keessatti badiin isaaniif mirkanaa’eera
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







