Suuratu Al-Buruj pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Buruj pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Buruj Hiikkaa. Suuratu Al-Buruj (Meccan) 22 Aayah.
Related
- Suuratu Al-Buruj HiikkaaOromo
- Suuratu Al-Buruj mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Buruj

ﭛﭜﭝﭞ
85:1
Samii abbaa orbitii urjiitiin (nan kakadha)
ﭟﭠﭡ
85:2
Guyyaa beellamamaanis
ﭢﭣﭤ
85:3
Ragaa baaafi warra ragaan itti baamuunis (nan kakadhaa)
ﭥﭦﭧﭨ
85:4
Warri boollaa abaaraman
ﭩﭪﭫﭬ
85:5
(Warri) ibidda boba’aa
ﭭﭮﭯﭰﭱ
85:6
Yeroo isaan ishee irra taaan
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
85:7
Isaan waan muimintootatti hojjatan irratti hirmaattota
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
85:8
Rabbii injifataa, faarfamaatti amanuu malee homaa isaan irraa haaloo hin ba’anne
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
85:9
(Rabbiin) Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf taeedhaRabbiin waan hunda irratti ragaadha
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
85:10
Dhugumatti, isaan muimintoota dhiiraafi dubartootaa rakkisanii ergasii gara Rabbii isaanii kan hin deebiIslaamni (hin tawbatin) isaaniif adabbii jahannamtu jira; ammas isaaniif adabbii gubaatu jira
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
85:11
Dhugumatti, isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaaniif ashaakiltiiwwan laggeen jala ishee yaatutu jiraSun milkii guddaadha
ﮮﮯﮰﮱﯓ
85:12
Dhugumatti, qabaan Gooftaa keetii daran cimaadha
ﯔﯕﯖﯗﯘ
85:13
Inni Isumatu [uumama] jalqaba; (dua boodas) ni deebisa
ﯙﯚﯛﯜ
85:14
Inni akkaan araaramaa, akkaan jaalataadha
ﯝﯞﯟﯠ
85:15
(Inni) abbaa Arshiiti; guddaadha
ﯡﯢﯣﯤ
85:16
Waan fedhe akkaan hojjataadha
ﯥﯦﯧﯨﯩ
85:17
Sila oduun humna waraanaa si gaeeraa
ﯪﯫﯬ
85:18
(Waraana) Firawniifi Samuud
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
85:19
Dhugumatti, isaan kafaran kijibsiisuu keessa jiru
ﯳﯴﯵﯶﯷ
85:20
Rabbiin immoo duuba isaanii irraan marsaadha
ﯸﯹﯺﯻﯼ
85:21
Dhugumatti, inni Quraana guddaadha
ﯽﯾﯿﰀ
85:22
Luuhii tiikfamaa keessa jira
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







