Suuratu Ash-Shams Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Ash-Shams hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (15 Aayah — مكية). Ash-Shams Caqasi, Ash-Shams Hiikkaa, Ash-Shams mp3, Ash-Shams pdf.

Suuratu Ash-Shams Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
وَالشَّمْسِ وَضُحَاهَا ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Aduufi ifa isheetiinin (kakadha)
وَالْقَمَرِ إِذَا تَلَاهَا ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Ji’aanis; yeroo inni ishee hordofe
وَالنَّهَارِ إِذَا جَلَّاهَا ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Guyyaanis yeroo inni ishee (aduu) mul’ise
وَاللَّيْلِ إِذَا يَغْشَاهَا ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Halkaniinis yeroo inni ishee haguuge
وَالسَّمَاءِ وَمَا بَنَاهَا ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Samiifi kan ishee ijaareenis
وَالْأَرْضِ وَمَا طَحَاهَا ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Dachiifi kan ishee diriirseenis
وَنَفْسٍ وَمَا سَوَّاهَا ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Lubbuufi kan ishee uumeenis
فَأَلْهَمَهَا فُجُورَهَا وَتَقْوَاهَا ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Kan jal’ina isheefi qajeeluma ishee ishee barsiise
قَدْ أَفْلَحَ مَن زَكَّاهَا ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Namni ishee qulqulleesse dhugumatti milkaa’e
وَقَدْ خَابَ مَن دَسَّاهَا ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Namni ishee xureesses dhugaatti hoonga’e
كَذَّبَتْ ثَمُودُ بِطَغْوَاهَا ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Samuud daangaa dabruu isheetiin kijibsiifte
إِذِ انبَعَثَ أَشْقَاهَا ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Yeroo irra jallaan ishee ka’u (kijibsiifte)
فَقَالَ لَهُمْ رَسُولُ اللَّهِ نَاقَةَ اللَّهِ وَسُقْيَاهَا ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Ergamaan Rabbiis isaaniin “gaala Rabbiitiifi dhugaatii ishee (eeggadhaa)” jedhe
فَكَذَّبُوهُ فَعَقَرُوهَا فَدَمْدَمَ عَلَيْهِمْ رَبُّهُم بِذَنبِهِمْ فَسَوَّاهَا ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
Isa kijibsiisanii ishee waraananSababa badii isaanii isaan balleessee wal qixxeesse
وَلَا يَخَافُ عُقْبَاهَا ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
Haaloo ishee hin sodaatu
← 90 Ash-Shams (91/114) 92 →
Dubbisi Suuratu Ash-Shams Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

91الشمس Ash-Shams 📚 15 Aayah مكية

Aayah amma aayah – Suuratu Ash-Shams — 15 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers