15 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﭜﭝﭞ
91:1 Aduufi ifa isheetiinin (kakadha)
ﭟﭠﭡﭢ
91:2 Ji’aanis; yeroo inni ishee hordofe
ﭣﭤﭥﭦ
91:3 Guyyaanis yeroo inni ishee (aduu) mul’ise
ﭧﭨﭩﭪ
91:4 Halkaniinis yeroo inni ishee haguuge
ﭫﭬﭭﭮ
91:5 Samiifi kan ishee ijaareenis
ﭯﭰﭱﭲ
91:6 Dachiifi kan ishee diriirseenis
ﭳﭴﭵﭶ
91:7 Lubbuufi kan ishee uumeenis
ﭷﭸﭹﭺ
91:8 Kan jal’ina isheefi qajeeluma ishee ishee barsiise
ﭻﭼﭽﭾﭿ
91:9 Namni ishee qulqulleesse dhugumatti milkaa’e
ﮀﮁﮂﮃﮄ
91:10 Namni ishee xureesses dhugaatti hoonga’e
ﮅﮆﮇﮈ
91:11 Samuud daangaa dabruu isheetiin kijibsiifte
ﮉﮊﮋﮌ
91:12 Yeroo irra jallaan ishee ka’u (kijibsiifte)
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
91:13 Ergamaan Rabbiis isaaniin “gaala Rabbiitiifi dhugaatii ishee (eeggadhaa)” jedhe
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
91:14 Isa kijibsiisanii ishee waraananSababa badii isaanii isaan balleessee wal qixxeesse
ﮝﮞﮟﮠ
91:15 Haaloo ishee hin sodaatu

Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, September 29, 2026

Don't forget us in your sincere prayers