Suuratu Al-Layl pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Layl pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Layl Hiikkaa. Suuratu Al-Layl (Meccan) 21 Aayah.
Related
- Suuratu Al-Layl HiikkaaOromo
- Suuratu Al-Layl mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Layl

ﮡﮢﮣﮤ
92:1
Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) haguuge
ﮥﮦﮧﮨ
92:2
Guyyaanis yeroo inni mulate
ﮩﮪﮫﮬﮭ
92:3
Isa kormaafi dhalaa uumeenis
ﮮﮯﮰﮱ
92:4
Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba)
ﯓﯔﯕﯖﯗ
92:5
Namni kennatee Rabbiin sodaate
ﯘﯙﯚ
92:6
Islaamummaas dhugoomse
ﯛﯜﯝ
92:7
(Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra
ﯞﯟﯠﯡﯢ
92:8
Nama don’oomee of ga’e
ﯣﯤﯥ
92:9
Islaamummaa sobsiise immoo
ﭑﭒﭓ
92:10
(Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra
ﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
92:11
Yeroo inni (ibiddatti) kufu qabeenyi isaa isa hin fayyadu
ﭛﭜﭝﭞ
92:12
Dhugumatti, karaa qajeelaa ifa galchuun (mulisuun) Nurra jira
ﭟﭠﭡﭢﭣ
92:13
Dhugumatti, Aakhiraafi addunyaan keenya
ﭤﭥﭦﭧ
92:14
Ibidda qabsiifamaa tae isin sodaachise
ﭨﭩﭪﭫﭬ
92:15
Hoonga’aa malee ishee hin seenu
ﭭﭮﭯﭰ
92:16
Kan sobsiisee gara gale (malee)
ﭱﭲﭳ
92:17
Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira
ﭴﭵﭶﭷﭸ
92:18
Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
92:19
Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan kennatu)
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
92:20
Fuula Gooftaa isaa ol aanaa tae barbaachaaf malee (hin kennu)
ﮆﮇﮈ
92:21
Dhugumatti, inni fuulduratti jaalachuuf jira
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







