Suuratu Ash-Shu'ara Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Ash-Shu'ara hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (227 Aayah — مكية). Ash-Shu'ara Caqasi, Ash-Shu'ara Hiikkaa, Ash-Shu'ara mp3, Ash-Shu'ara pdf.

Suuratu Ash-Shu'ara Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
طسم ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Xaa Siin Miim
تِلْكَ آيَاتُ الْكِتَابِ الْمُبِينِ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Kun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti
لَعَلَّكَ بَاخِعٌ نَّفْسَكَ أَلَّا يَكُونُوا مُؤْمِنِينَ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama
إِن نَّشَأْ نُنَزِّلْ عَلَيْهِم مِّنَ السَّمَاءِ آيَةً فَظَلَّتْ أَعْنَاقُهُمْ لَهَا خَاضِعِينَ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormi isaanii isheedhaaf gadi jedhaa taati ture
وَمَا يَأْتِيهِم مِّن ذِكْرٍ مِّنَ الرَّحْمَٰنِ مُحْدَثٍ إِلَّا كَانُوا عَنْهُ مُعْرِضِينَ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Isaan kan sobsiisan ta’anii malee gorsi (kitaabni) haaraan Rahmaan irraa isaaniif kan dhufu hin taane
فَقَدْ كَذَّبُوا فَسَيَأْتِيهِمْ أَنبَاءُ مَا كَانُوا بِهِ يَسْتَهْزِئُونَ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiruOduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira
أَوَلَمْ يَرَوْا إِلَى الْأَرْضِ كَمْ أَنبَتْنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوْجٍ كَرِيمٍ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Sila gara Dachii akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine isaan hin ilaallee
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Dhugumatti, sana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis kan amanan hin taane
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
وَإِذْ نَادَىٰ رَبُّكَ مُوسَىٰ أَنِ ائْتِ الْقَوْمَ الظَّالِمِينَ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Yeroo Gooftaan kee “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” [jedhee] Muusaa waame [yaadadhu]
قَوْمَ فِرْعَوْنَ ۚ أَلَا يَتَّقُونَ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
“Gara ummata Fir’awn [dhaqi]Sila Rabbiin hin sodaatanii? [jedhiin].”
قَالَ رَبِّ إِنِّي أَخَافُ أَن يُكَذِّبُونِ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
[Muusaanis] ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha
وَيَضِيقُ صَدْرِي وَلَا يَنطَلِقُ لِسَانِي فَأَرْسِلْ إِلَىٰ هَارُونَ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
[Yoo na sobsiisan] qomti kiyyas ni dhiphataArrabni kiyyas hin diriiruKanaafuu gara Haaruunitti ergi
وَلَهُمْ عَلَيَّ ذَنبٌ فَأَخَافُ أَن يَقْتُلُونِ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
Isaaniifis yakka [dhiigaatu] narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.”
قَالَ كَلَّا ۖ فَاذْهَبَا بِآيَاتِنَا ۖ إِنَّا مَعَكُم مُّسْتَمِعُونَ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
[Rabbiinis] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu)Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaaDhugumatti, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”
فَأْتِيَا فِرْعَوْنَ فَقُولَا إِنَّا رَسُولُ رَبِّ الْعَالَمِينَ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
“Fir’awnitti dhaqaatii ‘Nuti ergamaa Gooftaa aalama hundaati’ jedhaa
أَنْ أَرْسِلْ مَعَنَا بَنِي إِسْرَائِيلَ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
“Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa]
قَالَ أَلَمْ نُرَبِّكَ فِينَا وَلِيدًا وَلَبِثْتَ فِينَا مِنْ عُمُرِكَ سِنِينَ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
[Fir’awnis] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree
وَفَعَلْتَ فَعْلَتَكَ الَّتِي فَعَلْتَ وَأَنتَ مِنَ الْكَافِرِينَ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) sanas hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe]
قَالَ فَعَلْتُهَا إِذًا وَأَنَا مِنَ الضَّالِّينَ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
[Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe
فَفَرَرْتُ مِنكُمْ لَمَّا خِفْتُكُمْ فَوَهَبَ لِي رَبِّي حُكْمًا وَجَعَلَنِي مِنَ الْمُرْسَلِينَ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
Yeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyyas beekumsa naaf kennee ergamtoota irraa na godhe
وَتِلْكَ نِعْمَةٌ تَمُنُّهَا عَلَيَّ أَنْ عَبَّدتَّ بَنِي إِسْرَائِيلَ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
Sunis Ilmaan Israa’iil gabra godhachuu keetiin tola ati narratti himattuudha.”
قَالَ فِرْعَوْنُ وَمَا رَبُّ الْعَالَمِينَ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
Fir’awn “gooftaan aalama hundaa maali?” jedhe
قَالَ رَبُّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا ۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
[Muusaanis]: “gooftaa Samii, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen
قَالَ لِمَنْ حَوْلَهُ أَلَا تَسْتَمِعُونَ ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
[Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe
قَالَ رَبُّكُمْ وَرَبُّ آبَائِكُمُ الْأَوَّلِينَ ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
[Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe
قَالَ إِنَّ رَسُولَكُمُ الَّذِي أُرْسِلَ إِلَيْكُمْ لَمَجْنُونٌ ۝٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 27
[Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe
قَالَ رَبُّ الْمَشْرِقِ وَالْمَغْرِبِ وَمَا بَيْنَهُمَا ۖ إِن كُنتُمْ تَعْقِلُونَ ۝٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 28
[Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe
قَالَ لَئِنِ اتَّخَذْتَ إِلَٰهًا غَيْرِي لَأَجْعَلَنَّكَ مِنَ الْمَسْجُونِينَ ۝٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 29
[Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe
قَالَ أَوَلَوْ جِئْتُكَ بِشَيْءٍ مُّبِينٍ ۝٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 30
[Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe
قَالَ فَأْتِ بِهِ إِن كُنتَ مِنَ الصَّادِقِينَ ۝٣١
📖 Hiikkaa Aayah 31
[Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe
فَأَلْقَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ ثُعْبَانٌ مُّبِينٌ ۝٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 32
[Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate
وَنَزَعَ يَدَهُ فَإِذَا هِيَ بَيْضَاءُ لِلنَّاظِرِينَ ۝٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 33
Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate
قَالَ لِلْمَلَإِ حَوْلَهُ إِنَّ هَٰذَا لَسَاحِرٌ عَلِيمٌ ۝٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 34
[Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe
يُرِيدُ أَن يُخْرِجَكُم مِّنْ أَرْضِكُم بِسِحْرِهِ فَمَاذَا تَأْمُرُونَ ۝٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 35
“Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe)
قَالُوا أَرْجِهْ وَأَخَاهُ وَابْعَثْ فِي الْمَدَائِنِ حَاشِرِينَ ۝٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 36
[Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisiMagaalota keessattis walitti qabdoota ergi
يَأْتُوكَ بِكُلِّ سَحَّارٍ عَلِيمٍ ۝٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 37
Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.”
فَجُمِعَ السَّحَرَةُ لِمِيقَاتِ يَوْمٍ مَّعْلُومٍ ۝٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 38
Saahiroonnis beellama guyyaa beekamaatiif walitti qabaman
وَقِيلَ لِلنَّاسِ هَلْ أَنتُم مُّجْتَمِعُونَ ۝٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 39
Namootaanis ni jedhame: “Isin sila walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa)
لَعَلَّنَا نَتَّبِعُ السَّحَرَةَ إِن كَانُوا هُمُ الْغَالِبِينَ ۝٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 40
Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.”
فَلَمَّا جَاءَ السَّحَرَةُ قَالُوا لِفِرْعَوْنَ أَئِنَّ لَنَا لَأَجْرًا إِن كُنَّا نَحْنُ الْغَالِبِينَ ۝٤١
📖 Hiikkaa Aayah 41
Falfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila dhugumatti yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan
قَالَ نَعَمْ وَإِنَّكُمْ إِذًا لَّمِنَ الْمُقَرَّبِينَ ۝٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 42
[Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe
قَالَ لَهُم مُّوسَىٰ أَلْقُوا مَا أَنتُم مُّلْقُونَ ۝٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 43
Muusaanis “Isin waan darbuu feetan darbaa” isaanin jedhe
فَأَلْقَوْا حِبَالَهُمْ وَعِصِيَّهُمْ وَقَالُوا بِعِزَّةِ فِرْعَوْنَ إِنَّا لَنَحْنُ الْغَالِبُونَ ۝٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 44
Haadaafi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan
فَأَلْقَىٰ مُوسَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ تَلْقَفُ مَا يَأْفِكُونَ ۝٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 45
Muusaanis ulee isaa ni darbateYeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite
فَأُلْقِيَ السَّحَرَةُ سَاجِدِينَ ۝٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 46
Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan
قَالُوا آمَنَّا بِرَبِّ الْعَالَمِينَ ۝٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 47
Ni jedhanis: “Gooftaa aalama hundaatti amanne
رَبِّ مُوسَىٰ وَهَارُونَ ۝٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 48
Gooftaa Muusaafi Haaruunitti.”
قَالَ آمَنتُمْ لَهُ قَبْلَ أَنْ آذَنَ لَكُمْ ۖ إِنَّهُ لَكَبِيرُكُمُ الَّذِي عَلَّمَكُمُ السِّحْرَ فَلَسَوْفَ تَعْلَمُونَ ۚ لَأُقَطِّعَنَّ أَيْدِيَكُمْ وَأَرْجُلَكُم مِّنْ خِلَافٍ وَلَأُصَلِّبَنَّكُمْ أَجْمَعِينَ ۝٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 49
[Fir’awnis] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin eeyyamin isatti amantanii? Dhugumatti, inni hayyuu keessan kan sihrii isin barsiiseedhaFuuldurattis [waan ta’u] beekuuf jirtuDhugumatti, ani Harka keessaniifi Luka keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummuraDhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”
قَالُوا لَا ضَيْرَ ۖ إِنَّا إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ ۝٥٠
📖 Hiikkaa Aayah 50
Ni jedhan: “Miidhaan [nurra] hin jiru! Dhugumatti, nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha
إِنَّا نَطْمَعُ أَن يَغْفِرَ لَنَا رَبُّنَا خَطَايَانَا أَن كُنَّا أَوَّلَ الْمُؤْمِنِينَ ۝٥١
📖 Hiikkaa Aayah 51
Dhugumatti, nuti warra jalqaba amanan ta’uudhaan Rabbiin keenya badii keenya nuuf araaramuu ni kajeella .”
۞ وَأَوْحَيْنَا إِلَىٰ مُوسَىٰ أَنْ أَسْرِ بِعِبَادِي إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ ۝٥٢
📖 Hiikkaa Aayah 52
Gara Muusaattis “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) dhugumatti isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun wahyii goone
فَأَرْسَلَ فِرْعَوْنُ فِي الْمَدَائِنِ حَاشِرِينَ ۝٥٣
📖 Hiikkaa Aayah 53
Fir’awnis magaalota keessatti walitti qabdoota ergee
إِنَّ هَٰؤُلَاءِ لَشِرْذِمَةٌ قَلِيلُونَ ۝٥٤
📖 Hiikkaa Aayah 54
“Dhugumatti warri kun gareewwan xiqqoodha
وَإِنَّهُمْ لَنَا لَغَائِظُونَ ۝٥٥
📖 Hiikkaa Aayah 55
Isaanis dhugumatti nu dallansiisoodha
وَإِنَّا لَجَمِيعٌ حَاذِرُونَ ۝٥٦
📖 Hiikkaa Aayah 56
Nutis baay’ee of eegdota” [jedhe]
فَأَخْرَجْنَاهُم مِّن جَنَّاتٍ وَعُيُونٍ ۝٥٧
📖 Hiikkaa Aayah 57
Ashaakiltiileefi burqaawwan irraas isaan baafne
وَكُنُوزٍ وَمَقَامٍ كَرِيمٍ ۝٥٨
📖 Hiikkaa Aayah 58
Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas
كَذَٰلِكَ وَأَوْرَثْنَاهَا بَنِي إِسْرَائِيلَ ۝٥٩
📖 Hiikkaa Aayah 59
Akka kanatti Ilmaan Israa’iil ishee dhaalchifne
فَأَتْبَعُوهُم مُّشْرِقِينَ ۝٦٠
📖 Hiikkaa Aayah 60
Bariifatoo ta’anii isaan hordofan
فَلَمَّا تَرَاءَى الْجَمْعَانِ قَالَ أَصْحَابُ مُوسَىٰ إِنَّا لَمُدْرَكُونَ ۝٦١
📖 Hiikkaa Aayah 61
Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti dhugumatti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan
قَالَ كَلَّا ۖ إِنَّ مَعِيَ رَبِّي سَيَهْدِينِ ۝٦٢
📖 Hiikkaa Aayah 62
[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jiraInni [furmaatatti] na qajeelcha.”
فَأَوْحَيْنَا إِلَىٰ مُوسَىٰ أَنِ اضْرِب بِّعَصَاكَ الْبَحْرَ ۖ فَانفَلَقَ فَكَانَ كُلُّ فِرْقٍ كَالطَّوْدِ الْعَظِيمِ ۝٦٣
📖 Hiikkaa Aayah 63
Gara Muusaatti “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun wahyii goone[Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e
وَأَزْلَفْنَا ثَمَّ الْآخَرِينَ ۝٦٤
📖 Hiikkaa Aayah 64
Bakka sanattis warra biraa dhiheessine
وَأَنجَيْنَا مُوسَىٰ وَمَن مَّعَهُ أَجْمَعِينَ ۝٦٥
📖 Hiikkaa Aayah 65
Muusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine
ثُمَّ أَغْرَقْنَا الْآخَرِينَ ۝٦٦
📖 Hiikkaa Aayah 66
Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsine
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ۝٦٧
📖 Hiikkaa Aayah 67
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ ۝٦٨
📖 Hiikkaa Aayah 68
Dhugumatti Rabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha
وَاتْلُ عَلَيْهِمْ نَبَأَ إِبْرَاهِيمَ ۝٦٩
📖 Hiikkaa Aayah 69
Seenaa Ibraahimis isaan irratti dubbisi
إِذْ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوْمِهِ مَا تَعْبُدُونَ ۝٧٠
📖 Hiikkaa Aayah 70
Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe
قَالُوا نَعْبُدُ أَصْنَامًا فَنَظَلُّ لَهَا عَاكِفِينَ ۝٧١
📖 Hiikkaa Aayah 71
“Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan
قَالَ هَلْ يَسْمَعُونَكُمْ إِذْ تَدْعُونَ ۝٧٢
📖 Hiikkaa Aayah 72
[Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii
أَوْ يَنفَعُونَكُمْ أَوْ يَضُرُّونَ ۝٧٣
📖 Hiikkaa Aayah 73
Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?”
قَالُوا بَلْ وَجَدْنَا آبَاءَنَا كَذَٰلِكَ يَفْعَلُونَ ۝٧٤
📖 Hiikkaa Aayah 74
[Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan
قَالَ أَفَرَأَيْتُم مَّا كُنتُمْ تَعْبُدُونَ ۝٧٥
📖 Hiikkaa Aayah 75
[Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu
أَنتُمْ وَآبَاؤُكُمُ الْأَقْدَمُونَ ۝٧٦
📖 Hiikkaa Aayah 76
Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis
فَإِنَّهُمْ عَدُوٌّ لِّي إِلَّا رَبَّ الْعَالَمِينَ ۝٧٧
📖 Hiikkaa Aayah 77
Dhugumatti, isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalama hundaa malee (inni jaalalloo kooti)
الَّذِي خَلَقَنِي فَهُوَ يَهْدِينِ ۝٧٨
📖 Hiikkaa Aayah 78
[Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.”
وَالَّذِي هُوَ يُطْعِمُنِي وَيَسْقِينِ ۝٧٩
📖 Hiikkaa Aayah 79
Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha
وَإِذَا مَرِضْتُ فَهُوَ يَشْفِينِ ۝٨٠
📖 Hiikkaa Aayah 80
Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa
وَالَّذِي يُمِيتُنِي ثُمَّ يُحْيِينِ ۝٨١
📖 Hiikkaa Aayah 81
Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha
وَالَّذِي أَطْمَعُ أَن يَغْفِرَ لِي خَطِيئَتِي يَوْمَ الدِّينِ ۝٨٢
📖 Hiikkaa Aayah 82
Isa guyyaa murtiis badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha
رَبِّ هَبْ لِي حُكْمًا وَأَلْحِقْنِي بِالصَّالِحِينَ ۝٨٣
📖 Hiikkaa Aayah 83
Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenniNamoota gaggaariittis na dhaqqabsiisi
وَاجْعَل لِّي لِسَانَ صِدْقٍ فِي الْآخِرِينَ ۝٨٤
📖 Hiikkaa Aayah 84
Dhaloota boodaa keessattis faaruu gaarii naaf taasisi
وَاجْعَلْنِي مِن وَرَثَةِ جَنَّةِ النَّعِيمِ ۝٨٥
📖 Hiikkaa Aayah 85
Dhaaltota Jannata qananii dhaalan irraas na taasisi
وَاغْفِرْ لِأَبِي إِنَّهُ كَانَ مِنَ الضَّالِّينَ ۝٨٦
📖 Hiikkaa Aayah 86
Abbaa kiyyaafis araaramiDhugumatti, inni jallattoota irraa ta’eera
وَلَا تُخْزِنِي يَوْمَ يُبْعَثُونَ ۝٨٧
📖 Hiikkaa Aayah 87
Guyyaa isaan (gabroonni) kaafamanis na hin xinneessin.”
يَوْمَ لَا يَنفَعُ مَالٌ وَلَا بَنُونَ ۝٨٨
📖 Hiikkaa Aayah 88
Guyyaa qabeenyiifi ilmaanis homaa hin fayyadne
إِلَّا مَنْ أَتَى اللَّهَ بِقَلْبٍ سَلِيمٍ ۝٨٩
📖 Hiikkaa Aayah 89
Nama onnee qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee
وَأُزْلِفَتِ الْجَنَّةُ لِلْمُتَّقِينَ ۝٩٠
📖 Hiikkaa Aayah 90
[Guyyaa] Jannannis warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte
وَبُرِّزَتِ الْجَحِيمُ لِلْغَاوِينَ ۝٩١
📖 Hiikkaa Aayah 91
[Guyyaa] Ibiddi jahannamis jallattootaaf muldhifamte
وَقِيلَ لَهُمْ أَيْنَ مَا كُنتُمْ تَعْبُدُونَ ۝٩٢
📖 Hiikkaa Aayah 92
[Guyyaa] “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame
مِن دُونِ اللَّهِ هَلْ يَنصُرُونَكُمْ أَوْ يَنتَصِرُونَ ۝٩٣
📖 Hiikkaa Aayah 93
“Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isin tumsuu? Yookiin of ni tumsuu?”
فَكُبْكِبُوا فِيهَا هُمْ وَالْغَاوُونَ ۝٩٤
📖 Hiikkaa Aayah 94
Isaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbaman
وَجُنُودُ إِبْلِيسَ أَجْمَعُونَ ۝٩٥
📖 Hiikkaa Aayah 95
Waraanni Ibliis hunduu (ni darbaman)
قَالُوا وَهُمْ فِيهَا يَخْتَصِمُونَ ۝٩٦
📖 Hiikkaa Aayah 96
Isaan ishee keessatti wal falmaa ni jedhu
تَاللَّهِ إِن كُنَّا لَفِي ضَلَالٍ مُّبِينٍ ۝٩٧
📖 Hiikkaa Aayah 97
Allaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre
إِذْ نُسَوِّيكُم بِرَبِّ الْعَالَمِينَ ۝٩٨
📖 Hiikkaa Aayah 98
Yeroo Gooftaa aalama hundaatti isin qixxeessinu san
وَمَا أَضَلَّنَا إِلَّا الْمُجْرِمُونَ ۝٩٩
📖 Hiikkaa Aayah 99
Ficiltoota malee homtuu nu hin jallisne
فَمَا لَنَا مِن شَافِعِينَ ۝١٠٠
📖 Hiikkaa Aayah 100
Araarsitoonni tokkollee nuuf hin jiru
وَلَا صَدِيقٍ حَمِيمٍ ۝١٠١
📖 Hiikkaa Aayah 101
Hiriyaan garaa laafus (hin jiru)
فَلَوْ أَنَّ لَنَا كَرَّةً فَنَكُونَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ ۝١٠٢
📖 Hiikkaa Aayah 102
Odoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ۝١٠٣
📖 Hiikkaa Aayah 103
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ ۝١٠٤
📖 Hiikkaa Aayah 104
Dhugumatti Gooftaan kee isumatu injifataa, rahmata godhaadha
كَذَّبَتْ قَوْمُ نُوحٍ الْمُرْسَلِينَ ۝١٠٥
📖 Hiikkaa Aayah 105
Ummanni Nuuh ergamtoota sobsiiftee jirti
إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ نُوحٌ أَلَا تَتَّقُونَ ۝١٠٦
📖 Hiikkaa Aayah 106
Yeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii
إِنِّي لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ ۝١٠٧
📖 Hiikkaa Aayah 107
Ani isiniif ergamaa amanamaadha
فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَطِيعُونِ ۝١٠٨
📖 Hiikkaa Aayah 108
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa
وَمَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ الْعَالَمِينَ ۝١٠٩
📖 Hiikkaa Aayah 109
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane
فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَطِيعُونِ ۝١١٠
📖 Hiikkaa Aayah 110
Rabbiin sodaadhaaAjaja kiyyas fudhaa.”
۞ قَالُوا أَنُؤْمِنُ لَكَ وَاتَّبَعَكَ الْأَرْذَلُونَ ۝١١١
📖 Hiikkaa Aayah 111
[Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan
قَالَ وَمَا عِلْمِي بِمَا كَانُوا يَعْمَلُونَ ۝١١٢
📖 Hiikkaa Aayah 112
[Innis] ni jedhe: “Waan isaan dalagaa turan maalittin beeka
إِنْ حِسَابُهُمْ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّي ۖ لَوْ تَشْعُرُونَ ۝١١٣
📖 Hiikkaa Aayah 113
Odoo beektanii qormaanni isaanii Gooftaa kiyya qofa irra malee hin taane
وَمَا أَنَا بِطَارِدِ الْمُؤْمِنِينَ ۝١١٤
📖 Hiikkaa Aayah 114
Ani ari’aa (fageesaa) Mu’uminootaa hin taane
إِنْ أَنَا إِلَّا نَذِيرٌ مُّبِينٌ ۝١١٥
📖 Hiikkaa Aayah 115
Ani akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.”
قَالُوا لَئِن لَّمْ تَنتَهِ يَا نُوحُ لَتَكُونَنَّ مِنَ الْمَرْجُومِينَ ۝١١٦
📖 Hiikkaa Aayah 116
[Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”
قَالَ رَبِّ إِنَّ قَوْمِي كَذَّبُونِ ۝١١٧
📖 Hiikkaa Aayah 117
[Nuuhis] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni koo na sobsiisaniiru
فَافْتَحْ بَيْنِي وَبَيْنَهُمْ فَتْحًا وَنَجِّنِي وَمَن مَّعِيَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ ۝١١٨
📖 Hiikkaa Aayah 118
Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessiAnaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraarsi.”
فَأَنجَيْنَاهُ وَمَن مَّعَهُ فِي الْفُلْكِ الْمَشْحُونِ ۝١١٩
📖 Hiikkaa Aayah 119
Nutis isaafi namoota isa waliin turan doonii guutamte keessatti isaan baraarsine
ثُمَّ أَغْرَقْنَا بَعْدُ الْبَاقِينَ ۝١٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 120
Ergasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsine
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ۝١٢١
📖 Hiikkaa Aayah 121
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ ۝١٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 122
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
كَذَّبَتْ عَادٌ الْمُرْسَلِينَ ۝١٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 123
Aad (ummanni huud) ergamtoota sobsiifte
إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ هُودٌ أَلَا تَتَّقُونَ ۝١٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 124
Yeroo obboleessi isaanii Huud isaaniin jedhe: “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii
إِنِّي لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ ۝١٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 125
Ani isiniif ergamaa amanamaadha
فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَطِيعُونِ ۝١٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 126
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa
وَمَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ الْعَالَمِينَ ۝١٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 127
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane
أَتَبْنُونَ بِكُلِّ رِيعٍ آيَةً تَعْبَثُونَ ۝١٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 128
Sila isin kan [nama tarutti] qishintanu taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu
وَتَتَّخِذُونَ مَصَانِعَ لَعَلَّكُمْ تَخْلُدُونَ ۝١٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 129
Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu
وَإِذَا بَطَشْتُم بَطَشْتُمْ جَبَّارِينَ ۝١٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 130
Yeroo [namoota adabbiif] qabdanis gara jabeeyyii taatanii qabdan
فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَطِيعُونِ ۝١٣١
📖 Hiikkaa Aayah 131
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa
وَاتَّقُوا الَّذِي أَمَدَّكُم بِمَا تَعْلَمُونَ ۝١٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 132
Isa waan [gaggaarii] isin beektan hundaan isin badhaases sodaadhaa
أَمَدَّكُم بِأَنْعَامٍ وَبَنِينَ ۝١٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 133
Beyladootaafi ilmaaniinis isin badhaase
وَجَنَّاتٍ وَعُيُونٍ ۝١٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 134
Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise]
إِنِّي أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ ۝١٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 135
Ani adabbii Guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.”
قَالُوا سَوَاءٌ عَلَيْنَا أَوَعَظْتَ أَمْ لَمْ تَكُن مِّنَ الْوَاعِظِينَ ۝١٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 136
[Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo warra gorsan irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa
إِنْ هَٰذَا إِلَّا خُلُقُ الْأَوَّلِينَ ۝١٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 137
Kun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti
وَمَا نَحْنُ بِمُعَذَّبِينَ ۝١٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 138
Nuti kan adabamnuu miti” [jedhan]
فَكَذَّبُوهُ فَأَهْلَكْنَاهُمْ ۗ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ۝١٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 139
Isa sobsiisanii Nutis isaan balleessineDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ ۝١٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 140
Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
كَذَّبَتْ ثَمُودُ الْمُرْسَلِينَ ۝١٤١
📖 Hiikkaa Aayah 141
Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte
إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ صَالِحٌ أَلَا تَتَّقُونَ ۝١٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 142
Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii
إِنِّي لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ ۝١٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 143
Ani isiniif ergamaa amanamaadha
فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَطِيعُونِ ۝١٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 144
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa
وَمَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ الْعَالَمِينَ ۝١٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 145
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane
أَتُتْرَكُونَ فِي مَا هَاهُنَا آمِنِينَ ۝١٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 146
Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu
فِي جَنَّاتٍ وَعُيُونٍ ۝١٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 147
Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti
وَزُرُوعٍ وَنَخْلٍ طَلْعُهَا هَضِيمٌ ۝١٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 148
Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu)
وَتَنْحِتُونَ مِنَ الْجِبَالِ بُيُوتًا فَارِهِينَ ۝١٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 149
Cocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu)
فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَطِيعُونِ ۝١٥٠
📖 Hiikkaa Aayah 150
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa
وَلَا تُطِيعُوا أَمْرَ الْمُسْرِفِينَ ۝١٥١
📖 Hiikkaa Aayah 151
Ajaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa
الَّذِينَ يُفْسِدُونَ فِي الْأَرْضِ وَلَا يُصْلِحُونَ ۝١٥٢
📖 Hiikkaa Aayah 152
Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe]
قَالُوا إِنَّمَا أَنتَ مِنَ الْمُسَحَّرِينَ ۝١٥٣
📖 Hiikkaa Aayah 153
[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha
مَا أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا فَأْتِ بِآيَةٍ إِن كُنتَ مِنَ الصَّادِقِينَ ۝١٥٤
📖 Hiikkaa Aayah 154
Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii mitiWarra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.”
قَالَ هَٰذِهِ نَاقَةٌ لَّهَا شِرْبٌ وَلَكُمْ شِرْبُ يَوْمٍ مَّعْلُومٍ ۝١٥٥
📖 Hiikkaa Aayah 155
[Saalihis] ni jedhe: “Isheen kun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira
وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوءٍ فَيَأْخُذَكُمْ عَذَابُ يَوْمٍ عَظِيمٍ ۝١٥٦
📖 Hiikkaa Aayah 156
Hamtuun ishee hin tuqinaa[Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.”
فَعَقَرُوهَا فَأَصْبَحُوا نَادِمِينَ ۝١٥٧
📖 Hiikkaa Aayah 157
Ishee waraananii yeroma san sheena’oota ta’an
فَأَخَذَهُمُ الْعَذَابُ ۗ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ۝١٥٨
📖 Hiikkaa Aayah 158
Adabbichis isaan qabateDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ ۝١٥٩
📖 Hiikkaa Aayah 159
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
كَذَّبَتْ قَوْمُ لُوطٍ الْمُرْسَلِينَ ۝١٦٠
📖 Hiikkaa Aayah 160
Ummanni Luuxis ergamoota sobsiifte
إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ لُوطٌ أَلَا تَتَّقُونَ ۝١٦١
📖 Hiikkaa Aayah 161
Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii
إِنِّي لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ ۝١٦٢
📖 Hiikkaa Aayah 162
Dhugumatti, ani isiniif ergamaa amanamaadha
فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَطِيعُونِ ۝١٦٣
📖 Hiikkaa Aayah 163
Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa
وَمَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ الْعَالَمِينَ ۝١٦٤
📖 Hiikkaa Aayah 164
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane
أَتَأْتُونَ الذُّكْرَانَ مِنَ الْعَالَمِينَ ۝١٦٥
📖 Hiikkaa Aayah 165
Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu
وَتَذَرُونَ مَا خَلَقَ لَكُمْ رَبُّكُم مِّنْ أَزْوَاجِكُم ۚ بَلْ أَنتُمْ قَوْمٌ عَادُونَ ۝١٦٦
📖 Hiikkaa Aayah 166
Waan Gooftaan keessan haadhotii manaa keessan irraa isiniif uumes ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe]
قَالُوا لَئِن لَّمْ تَنتَهِ يَا لُوطُ لَتَكُونَنَّ مِنَ الْمُخْرَجِينَ ۝١٦٧
📖 Hiikkaa Aayah 167
[Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”
قَالَ إِنِّي لِعَمَلِكُم مِّنَ الْقَالِينَ ۝١٦٨
📖 Hiikkaa Aayah 168
[Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi
رَبِّ نَجِّنِي وَأَهْلِي مِمَّا يَعْمَلُونَ ۝١٦٩
📖 Hiikkaa Aayah 169
Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.”
فَنَجَّيْنَاهُ وَأَهْلَهُ أَجْمَعِينَ ۝١٧٠
📖 Hiikkaa Aayah 170
Isaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarsine
إِلَّا عَجُوزًا فِي الْغَابِرِينَ ۝١٧١
📖 Hiikkaa Aayah 171
Jaartii tokko kan warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee
ثُمَّ دَمَّرْنَا الْآخَرِينَ ۝١٧٢
📖 Hiikkaa Aayah 172
Ergasii warra biroo ni balleessine
وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهِم مَّطَرًا ۖ فَسَاءَ مَطَرُ الْمُنذَرِينَ ۝١٧٣
📖 Hiikkaa Aayah 173
Bokkaa [adabbii] isaan irratti roobsineRoobni warra akeekkachiifamanii waa fokkate
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ۝١٧٤
📖 Hiikkaa Aayah 174
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ ۝١٧٥
📖 Hiikkaa Aayah 175
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
كَذَّبَ أَصْحَابُ الْأَيْكَةِ الْمُرْسَلِينَ ۝١٧٦
📖 Hiikkaa Aayah 176
Jiraattonni Aykah (bosonaa) ergamoota sobsiifte
إِذْ قَالَ لَهُمْ شُعَيْبٌ أَلَا تَتَّقُونَ ۝١٧٧
📖 Hiikkaa Aayah 177
Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu
إِنِّي لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ ۝١٧٨
📖 Hiikkaa Aayah 178
Ani isiniif ergamaa amanamaadha
فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَطِيعُونِ ۝١٧٩
📖 Hiikkaa Aayah 179
Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa
وَمَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ الْعَالَمِينَ ۝١٨٠
📖 Hiikkaa Aayah 180
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane
۞ أَوْفُوا الْكَيْلَ وَلَا تَكُونُوا مِنَ الْمُخْسِرِينَ ۝١٨١
📖 Hiikkaa Aayah 181
Safara guutaa; [haqa namaa] hir’iftoota irraa hin ta’inaa
وَزِنُوا بِالْقِسْطَاسِ الْمُسْتَقِيمِ ۝١٨٢
📖 Hiikkaa Aayah 182
Madaala sirrii ta’een madaalaa
وَلَا تَبْخَسُوا النَّاسَ أَشْيَاءَهُمْ وَلَا تَعْثَوْا فِي الْأَرْضِ مُفْسِدِينَ ۝١٨٣
📖 Hiikkaa Aayah 183
Namoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa; badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa
وَاتَّقُوا الَّذِي خَلَقَكُمْ وَالْجِبِلَّةَ الْأَوَّلِينَ ۝١٨٤
📖 Hiikkaa Aayah 184
Isa isiniifi dhaloota duraanii uume sodaadhaa.”
قَالُوا إِنَّمَا أَنتَ مِنَ الْمُسَحَّرِينَ ۝١٨٥
📖 Hiikkaa Aayah 185
[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha
وَمَا أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا وَإِن نَّظُنُّكَ لَمِنَ الْكَاذِبِينَ ۝١٨٦
📖 Hiikkaa Aayah 186
Ati nama fakkii keenyaa malee (uumaa biroo) hin taane; nutis sobdoota irraa ta’uu si yaadna
فَأَسْقِطْ عَلَيْنَا كِسَفًا مِّنَ السَّمَاءِ إِن كُنتَ مِنَ الصَّادِقِينَ ۝١٨٧
📖 Hiikkaa Aayah 187
Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate samii irraa cittuu wahii nurratti kuffisi” [jedhaniin]
قَالَ رَبِّي أَعْلَمُ بِمَا تَعْمَلُونَ ۝١٨٨
📖 Hiikkaa Aayah 188
[Inni] ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.”
فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَهُمْ عَذَابُ يَوْمِ الظُّلَّةِ ۚ إِنَّهُ كَانَ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ ۝١٨٩
📖 Hiikkaa Aayah 189
Isa sobsiisanAdabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabateDhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ۝١٩٠
📖 Hiikkaa Aayah 190
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ ۝١٩١
📖 Hiikkaa Aayah 191
Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
وَإِنَّهُ لَتَنزِيلُ رَبِّ الْعَالَمِينَ ۝١٩٢
📖 Hiikkaa Aayah 192
Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati
نَزَلَ بِهِ الرُّوحُ الْأَمِينُ ۝١٩٣
📖 Hiikkaa Aayah 193
Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e
عَلَىٰ قَلْبِكَ لِتَكُونَ مِنَ الْمُنذِرِينَ ۝١٩٤
📖 Hiikkaa Aayah 194
Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha onnee kee irratti [buuse]
بِلِسَانٍ عَرَبِيٍّ مُّبِينٍ ۝١٩٥
📖 Hiikkaa Aayah 195
Qooqa Arabiffaa ifaa ta’een
وَإِنَّهُ لَفِي زُبُرِ الْأَوَّلِينَ ۝١٩٦
📖 Hiikkaa Aayah 196
Dhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira
أَوَلَمْ يَكُن لَّهُمْ آيَةً أَن يَعْلَمَهُ عُلَمَاءُ بَنِي إِسْرَائِيلَ ۝١٩٧
📖 Hiikkaa Aayah 197
Sila beektonni Ilmaan Israa’iil isa beekuun mallattoo isaaniif (warra Makkaatiif) hin ta’uu
وَلَوْ نَزَّلْنَاهُ عَلَىٰ بَعْضِ الْأَعْجَمِينَ ۝١٩٨
📖 Hiikkaa Aayah 198
Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee
فَقَرَأَهُ عَلَيْهِم مَّا كَانُوا بِهِ مُؤْمِنِينَ ۝١٩٩
📖 Hiikkaa Aayah 199
Innis isaan irratti dubbisee, isaan kan isatti amanan hin taane
كَذَٰلِكَ سَلَكْنَاهُ فِي قُلُوبِ الْمُجْرِمِينَ ۝٢٠٠
📖 Hiikkaa Aayah 200
Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onnee badi raawwattootaa keessa seensifne
لَا يُؤْمِنُونَ بِهِ حَتَّىٰ يَرَوُا الْعَذَابَ الْأَلِيمَ ۝٢٠١
📖 Hiikkaa Aayah 201
Hanga adabbii laalessaa ta’e arganitti isatti hin amananu
فَيَأْتِيَهُم بَغْتَةً وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ ۝٢٠٢
📖 Hiikkaa Aayah 202
Inni (adabbichi) odoo isaan hin beekin tasa isaanitti dhufa
فَيَقُولُوا هَلْ نَحْنُ مُنظَرُونَ ۝٢٠٣
📖 Hiikkaa Aayah 203
[Akka amannuuf] “yeroon nuuf kennamuu danda’aa?” jedhu
أَفَبِعَذَابِنَا يَسْتَعْجِلُونَ ۝٢٠٤
📖 Hiikkaa Aayah 204
Sila adabbii keenya ariifachiifatuu
أَفَرَأَيْتَ إِن مَّتَّعْنَاهُمْ سِنِينَ ۝٢٠٥
📖 Hiikkaa Aayah 205
Mee naaf himi! Odoo waggoota hedduuf isaan qanansiifnee
ثُمَّ جَاءَهُم مَّا كَانُوا يُوعَدُونَ ۝٢٠٦
📖 Hiikkaa Aayah 206
Sana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee
مَا أَغْنَىٰ عَنْهُم مَّا كَانُوا يُمَتَّعُونَ ۝٢٠٧
📖 Hiikkaa Aayah 207
Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa
وَمَا أَهْلَكْنَا مِن قَرْيَةٍ إِلَّا لَهَا مُنذِرُونَ ۝٢٠٨
📖 Hiikkaa Aayah 208
Magaalaa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine
ذِكْرَىٰ وَمَا كُنَّا ظَالِمِينَ ۝٢٠٩
📖 Hiikkaa Aayah 209
[Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane
وَمَا تَنَزَّلَتْ بِهِ الشَّيَاطِينُ ۝٢١٠
📖 Hiikkaa Aayah 210
Sheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune
وَمَا يَنبَغِي لَهُمْ وَمَا يَسْتَطِيعُونَ ۝٢١١
📖 Hiikkaa Aayah 211
Isaaniifis hin malu[Isa fiduu] hin danda’anus
إِنَّهُمْ عَنِ السَّمْعِ لَمَعْزُولُونَ ۝٢١٢
📖 Hiikkaa Aayah 212
Dhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha
فَلَا تَدْعُ مَعَ اللَّهِ إِلَٰهًا آخَرَ فَتَكُونَ مِنَ الْمُعَذَّبِينَ ۝٢١٣
📖 Hiikkaa Aayah 213
Rabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin[Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata
وَأَنذِرْ عَشِيرَتَكَ الْأَقْرَبِينَ ۝٢١٤
📖 Hiikkaa Aayah 214
Firoota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi
وَاخْفِضْ جَنَاحَكَ لِمَنِ اتَّبَعَكَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ ۝٢١٥
📖 Hiikkaa Aayah 215
Mu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi
فَإِنْ عَصَوْكَ فَقُلْ إِنِّي بَرِيءٌ مِّمَّا تَعْمَلُونَ ۝٢١٦
📖 Hiikkaa Aayah 216
Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin
وَتَوَكَّلْ عَلَى الْعَزِيزِ الرَّحِيمِ ۝٢١٧
📖 Hiikkaa Aayah 217
[Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu
الَّذِي يَرَاكَ حِينَ تَقُومُ ۝٢١٨
📖 Hiikkaa Aayah 218
Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu]
وَتَقَلُّبَكَ فِي السَّاجِدِينَ ۝٢١٩
📖 Hiikkaa Aayah 219
[Isa] sochiiwwan ati warra sagadan keessatti gootu [argu irratti hirkadhu]
إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ ۝٢٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 220
Dhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha
هَلْ أُنَبِّئُكُمْ عَلَىٰ مَن تَنَزَّلُ الشَّيَاطِينُ ۝٢٢١
📖 Hiikkaa Aayah 221
Sheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu
تَنَزَّلُ عَلَىٰ كُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٍ ۝٢٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 222
Kijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti
يُلْقُونَ السَّمْعَ وَأَكْثَرُهُمْ كَاذِبُونَ ۝٢٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 223
Wanta dhagahanis [waa himtuu irratti] gadi buusuIrra baay’een isaanii immo kijibdoota
وَالشُّعَرَاءُ يَتَّبِعُهُمُ الْغَاوُونَ ۝٢٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 224
Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa
أَلَمْ تَرَ أَنَّهُمْ فِي كُلِّ وَادٍ يَهِيمُونَ ۝٢٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 225
Isaan dhugumatti sulula (bowwaa) hunda keessa akka seenan hin agartuu
وَأَنَّهُمْ يَقُولُونَ مَا لَا يَفْعَلُونَ ۝٢٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 226
Dhugumatti isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu]
إِلَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَذَكَرُوا اللَّهَ كَثِيرًا وَانتَصَرُوا مِن بَعْدِ مَا ظُلِمُوا ۗ وَسَيَعْلَمُ الَّذِينَ ظَلَمُوا أَيَّ مُنقَلَبٍ يَنقَلِبُونَ ۝٢٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 227
Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baay’inaan Rabbiin faarsan, erga miidhamanii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee[Isaan hin komatanu]Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru
← 25 Ash-Shu'ara (26/114) 27 →
Dubbisi Suuratu Ash-Shu'ara Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

26الشعراء Ash-Shu'ara 📚 227 Aayah مكية

Aayah amma aayah – Suuratu Ash-Shu'ara — 227 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers