Suuratu Al-'Alaq pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-'Alaq pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-'Alaq Hiikkaa. Suuratu Al-'Alaq (Meccan) 19 Aayah.
Related
- Suuratu Al-'Alaq HiikkaaOromo
- Suuratu Al-'Alaq mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-'Alaq

ﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
96:1
Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi
ﮛﮜﮝﮞﮟ
96:2
(Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume
ﮠﮡﮢﮣ
96:3
Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qarai
ﮤﮥﮦﮧ
96:4
Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
96:5
Nama, waan inni hin beekne barsiise
ﮮﮯﮰﮱﯓ
96:6
Dhugumatti, namni daangaa dabra
ﯔﯕﯖﯗ
96:7
Sababa duroomuu of arguutiin
ﯘﯙﯚﯛﯜ
96:8
Deebiin garuma Gooftaa keetiiti
ﯝﯞﯟﯠ
96:9
Sila isa dhorgu san argitee
ﯡﯢﯣﯤ
96:10
Gabricha yeroo inni salaatu (kan dhorgu argitee)
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
96:11
Yoo inni qajeeluma irra jiraate hoo mee naaf himi
ﯫﯬﯭﯮ
96:12
Yookiin immoo sodaa Rabbiitti yoo ajaje hoo
ﭑﭒﭓﭔﭕ
96:13
Yoo inni (Abuu Jahal) kijibsiisee irraa gara gale hoo mee naaf himi
ﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
96:14
Sila inni Rabbiin arguu hin beekuu
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
96:15
Haa dhorgamu; yoo inni (Abuu Jahal) dhorgamuu baate, sammuu qabna
ﭣﭤﭥﭦ
96:16
Sammuu sobduu, dogoggortuu taate (qabna)
ﭧﭨﭩ
96:17
Garee isaa haa waammatu
ﭪﭫﭬ
96:18
Nutis waardiyyaa keenya waammachuuf jirra
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
96:19
Dhorgami! Isaan hin ajajaminSujuudis gara Rabbiittis dhihaadhu
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







