Taha · 79/135
Hiikkaa Sagaleeffama — Taha
وَأَضَلَّ فِرْعَوْنُ قَوْمَهُ وَمَا هَدَىٰ ۝٧٩
wa adalla fir`awnu qawmahoo wa maa hadaa
📖 Afaan Oromoon
Fir’awni ummata isaa ni jallise malee (isaan) hin qajeelchine
🎧 Caqasi

📜 Aayah 77-81 — Taha

77وَلَقَدْ أَوْحَيْنَا إِلَىٰ مُوسَىٰ أَنْ أَسْرِ بِعِبَادِي فَاضْرِبْ لَهُمْ طَرِيقًا فِي الْبَحْرِ يَبَسًا لَّا تَخَافُ دَرَكًا وَلَا تَخْشَىٰ
Dhugumatti, gara Muusaa “Gabroota kiyya qabadhuu halkaniin deemi! Isaaniifis galaana keessatti karaa gogaa taasisi; (Fir’awn) si dhaqqabuufi (bishaaniin nyaatamuu isaa) hin sodaattu” jechuun wahyii goonee jirra
78فَأَتْبَعَهُمْ فِرْعَوْنُ بِجُنُودِهِ فَغَشِيَهُم مِّنَ الْيَمِّ مَا غَشِيَهُمْ
Fir’awnis hoomaa isaa waliin isaan hordofe; galaanicha irraas wanti isaan haguuge guutumatti isaan haguuge
79وَأَضَلَّ فِرْعَوْنُ قَوْمَهُ وَمَا هَدَىٰ
Fir’awni ummata isaa ni jallise malee (isaan) hin qajeelchine
80يَا بَنِي إِسْرَائِيلَ قَدْ أَنجَيْنَاكُم مِّنْ عَدُوِّكُمْ وَوَاعَدْنَاكُمْ جَانِبَ الطُّورِ الْأَيْمَنَ وَنَزَّلْنَا عَلَيْكُمُ الْمَنَّ وَالسَّلْوَىٰ
Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti Nuti diinota keessan jalaa isin baraarsinee moggaa mirga gaara Xuur irrattis waadaa isinii goonee, waan mi’aawaa damma fakkaatuufi foon allaattiis isin irratti buufnee jirra
81كُلُوا مِن طَيِّبَاتِ مَا رَزَقْنَاكُمْ وَلَا تَطْغَوْا فِيهِ فَيَحِلَّ عَلَيْكُمْ غَضَبِي ۖ وَمَن يَحْلِلْ عَلَيْهِ غَضَبِي فَقَدْ هَوَىٰ
Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa, isa keessattis daangaa hin dabrinaa; (yoo dabartan) dallansuu kiyyatu isin irratti bu’aNamni dallansuun kiyya isa irratti bu’e, dhugumatti, bade
TahaTarreeffama Qur'ana
135Aayah
MeccanRevelation
79Aayah

Hiikkaa — Taha 79

Suuratu Taha Aayah 79 - Dubbisi, Caqasi, Hiikkaa, Oromo : Fir’awni ummata isaa ni jallise malee (isaan) hin qajeelchine

Suuratu Aayah 79/135 — Taha طه (Meccan). Dubbisi Caqasi Hiikkaa (Oromo). Caqasi: Taha Caqasi, Taha Hiikkaa, Taha mp3, Taha pdf. Aayah 77–81. Afaan Oromoon: العربية.




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers